BIBLE STUDY

Bible History : Genesis - Deuteronomy : Hebrew Beginnings

Bible History : Joshua - Nehemiah : History of the Hebrew Nation

Christ And His Church - New Testament History

Romans - the Gospel of Belief

NUYI KAANEE IJAARUU IN JALQABNA,...... nah:2:20,21
...
Wed, December 23, 2009 2:40:32 PM


If you have trouble viewing or submitting this form, you can fill it out online:
http://spreadsheets.google.com/viewform?formkey=dGI5Szg3V3BhSlk4UWppbkFrbHM3eUE6MA

NUYI KAANEE IJAARUU IN JALQABNA,...... nah:2:20,21

HAMMA WAAQAYYO NU GARGAAREE OTOO UNUMTI WAL GORSINEE WAL DEEBISUU DANDEENYA ,KARAAS WALITTI AGARSIIFNA.GARUU EENYUTU HINAAFFAAN MANA WAAQAYYOO GARAA ISA NYAATAA?
















 
qo'anaa macaafa qulqulluu websitii/ you can use the following website for bible study; http://www.worldslastchance.com/ecourses/bible-study-lessons-ecourse.html
tiin argachuu dandeessu.


DO YOU KNOW JESUS ?


IF YOU KNOW HIM YOU KNOW ALL THINGS.

WHAT IS THE USE OF KNOWING JESUS?
  • JESUS IS A LIFE  LIVE WITH HIM.                 
  • JESUS  IS THE WAY FOLLOW HIM.              
  • JESUS  IS A SHEPHERD  NEVER LET YOU.
  • JESUS IS TRUTH NEVER   LIE YOU                                                   





  • CONTINUE   
  •                                                     

Wangeela Gooftaa Keenyaa Yasuus Kiristoos

Isa Qulqulluu

                 Isa Maarqos Caafe

Seensa              

Kitaabni Qulqulluun Macaafota jaatamii ja’a of keessaa qaba. Macaafonni Kitaaba qulqulluu keessa jiran kunniin bakka lamtti qoodamu. Isaanis macaafota kakuu haraa fi Macaafota kakuu Moofaa jedhamanu. Macaafonni kakuu Moofaa 39 yoo ta’an kan kakuu haaraa immoo 27 ta’u. Kakuu Haaraa keessa Macaafota Wangeelaa afurtu jira isaanis: Maatewoos, Maarqoos, Luuqaasii fi Yohaannis ta’u.

 Akkataa tartiiba teesumaa macaafota kakuu haaraatti Maarqoos Maatewoositti aanee lammaffaa irratti argama. Maarqoos Macaafota Kakuu Haaraa keessaa kan jalqaba barreeffame dha. Macaafni kun jireenya Yasuu lafa kana irratti jiraate sirriitti kan calaqisiisu dha.

 Caasaa Wangeela Maarqoos: irruma keessa yoo ilaalle, macaafni kun bakka lamatti qoodamuu ni danda’a: Tajaajila Yasuus Galiilaatti kennee (Boqonnaa 1-9) fi Tajaajila Yasuus Yaruusalemii fi Galiilaatti qabaate (Boqonnaa10-16).

 Egaa yeroo kirtaaba kana qayyabattu keessatti akka sigargaaraniif:

Ø                               Yeroo fi iddoo filadhuu;

Ø                               Wanta irratti barreesituu fi waan ittiin barreessitu qopheeffadhu.

Ø                               Waaqayyo wanta ati baruu qabdu akka si barsiisuuf Kadhadhu.

Ø                               Yaadannoo qabataa adeemi.

Ø                               Gaaffilee bu’uurawaa ta’an gaafadhu

o      Maaltu ta’e?

o      Eenyuutu/eenyuuf?

o      Yoom?

o      Eessatti?

o      Maaliif?

o      Kun naan maal na barsiisa?

o      An immoo maal godhuutu naaf ta’a?

Ø                               Qayyabannaa kana keessaan Waaqayyo maal akka sitti dubbate yaadannoo keee irratti barreesiitii, yeroo fudhadhadhuu irratti yaadi.

Ø                               Kallattii ittiin Waaqayyoof abboomamuun sirra jiru irratti tarkaanfii fudhadhu.

 Kana hundumaa keessatti gaaffii yoo qabaatte, qofaatti barreeffadhu. Sababni isaa utuma dubbiisaa jirtuu deebii isaaf ta’u argachuu ni dandeessa waan ta’eef.

Waaqayyo si haa eebbisu. Ibsaa dubbii isaatiin jireenya kee hundumaa haa guutu. Ameen.


Wangeela Gooftaa KeenyaaYasuus Kiristoos

Isa Qulqulluu Isa

Maarqos Caafe




                                     Boqonnaa 1


Lallaba Yohannis Cuuphaa

1Kun jalqaba wangeela Yasuus Kiristoos ilma Waaqayyoo ti. 2 Macaafni, "Ilaa, ergamaa koo isa karaa siif qopheessu si dura nan erga!" in jedha. Macaafa Isaayaas raajichaa keessatti immoo, 3 sagaleen lafa onaa keessaa in iyya; dhaga'aa dhaggeeffadhaa, gooftichaaf karaa tolchaatii haraa, daandii inni irra adeemus qajeelchaa!" kan jedhu caafamee jira.

4 Yohannis cuuphaan lafa onaa keessatti argamee, "Cuuphamaa, yaada garaa geddarachuu keessan mul'isaa! Waaqayyo immoo cubbuu keessan isiniif in balleessa" jedhee labse. 5 Guu­tummaa kutaa biyya Yihudaa keessa, mandara Yerusaalem keessa kan jiraa­tanis hundinuu lafa Yohannis cuuphaan jirutti ba'anii, cubbuu isaanii himachaa laga Yordaanositti of in cuuphsisu turan. 6 Yohannis uffata rifeensa gaalaa irraa dha'ame uffatee, mudhii isaas teephaan hidhate, hawaannisaa fi damma moggaa nyaachaa jiraate. Innis, "Inni ana irra jabaatu na booddeedhaan dhufaa jira; gad gugguufee hidhaa ko­phee isaatii illee hiikuudhaaf ani nama ta'u miti. 8 Ani bishaaniinan isin cuu­phe; inni garuu hafuura qulqulluudhaan isin in cuupha" jedhee labse.

Cuuphamuu Yasuus

9 Bara sanatti Yasuus, Naazireet mandara Galiilaatii dhufee, Yohannis Yordaanositti isa cuuphe. 10 Yohannis akkuma Yasuus bishaanicha keessaa ba'een, bantiiwwan waaqaa saaqamuu isaanii, hafuurri qulqulluunis akka gu­geetti dhufee isa irra bu'uu isaa arge. 11 Sagaleen immoo, "Ati ilma koo isa jaallatamaa dha; gammachuun koos sitti in raawwatama" jedhee waaqa irraa dubbate.

 

Qoramuu Yasuus

12 Hafuurri qulqulluun achumaan Yasuusin gara lafa onaatti in baase. 13 Yasuus lafa onaa keessa guyyaa afur­tama bubbule, Seexanaanis qoramaa ture. Achittis bineensota gidduu ture, ergamoonni Waaqayyoos isaaf in ergamu turan.

 

Yasuus Galiilaatti Hojii Isaa Jalqabuu Isaa

14 Yohannis cuuphaan mana hi­dhaatti dabarfamee erga kennamee booddee, Yasuus kutaa biyya Galiilaa dhufee wangeela Waaqayyoo lallabe. 15 "Barichi raawwatameera, mootummaan Waaqayyoos dhi'aateera, yaada garaa geddaradhaa wangeelatti ama­naa!" jedhe.

 

Yasuus Bartoota Warra Jalqabaa Arfan Waamuu Isaa

16 Yasuus ciisa bishaan Galiilaa bukkee utuu darbuu, Simoonii fi Indrii­yaasin obboleessa Simoon kiyyoo isaa­nii bishaanichatti utuu darbatanii arge; isaan qurxummi-qabduu turan. 17 Yasuus immoo, "Na duukaa kottaa! Anis nama kan walitti qabdan isinan godhadha" isaaniin jedhe. 18 Isaan achumaan kiyyoota isaanii achitti dhiisanii, isa duu­kaa in bu'an. 19 Yasuus takka adeemee, Yaaqoobii fi Yohannisin ilmaan Zab­dewos, bidiruu isaanii keessa taa'anii kiyyoota isaanii utuu tottolfatanii arge. 20Inni achumaan isaan waame; isaanis abbaa isaanii Zabdewosin hojjetootaa wajjin bidiruu keessatti dhiisanii, Yasuus duukaa bu' an.

Yasuus Qifirnaahomitti Hafuura amaa Ifachuu Isaa

21 Yasuus, bartoonni waamamanis mandara Qifirnaahom dhaqan; inni im­moo guyyaa Sanbataatti mana saga­daatti galee barsiise. 22 Garaan warra isa dhaga'aniis barsiisa isaatiin rukuta­me; Yasuus akka barsiisota seeraatti utuu hin ta'in, akka nama aboo qa­buutti isaan in barsiisa ture. 23 Namni hafuura hamaadhaan[1] qabame tokko mana sagadaa isaanii keessa ture iy­yuu, si'uma sana caraanee, 24 "Yaa Yasuus nama Naazireet, dhimma keenya keessa maaltu si buuse? Silaa nu bal­leessuu yaaddee dhuftee? Anoo eenyu akka ati taate si beeka, yaa qulqulluu Waaqayyoo" jedhe. 25 Yasuus garuu, "Gab jedhi, keessaa ba'is!" jedhee hafuuricha hamaa in ifate. 26 Hafuurri hamaan sun namicha qabatee ture sana wixxifachiisee, sagalee guddaadhaan iyyee, namicha keessaa ba'e. 27 Isaan hundinuu na'anii, dinqifataniis, "Maal wanti akkasii? Barsiisa haaraa aboo of keessaa qabu! inni hafuurota hamoota iyyuu in abbooma; isaanis isaaf in abboomamu" jedhanii walitti dudubba­tan. 28 Oduun isaa takkaa-dhumaan naanna'aa kutaa biyya Galiilaa sana keessaa iddoo halle hundumaatti dha­ga'ame.

Yasuus Dhukkubsatoota Baay'ee Fayyisuu Isaa

29 Yasuus mana sagadaatii akkuma ba'een, Yaaqoobii fi Yohannisii wajjin mana Simoonii fi Indriiyaas dhaqe. 30 Yommus amaatiin Simoon dhukkuba dhagna-gubaadhaan qabamtee in ciifti turte; achumaan jarri waa'ee ishee isatti himan. 31 Yasuus itti dhi'aatee, harka ishee qabee ol ishee kaase. Dhagna-gubaan sunis ishee dhiise, isheen immoo isaan in keessumsiifte.32 Galgala sana erga aduun lixxee bood­dee, warra dhukkubsatan, warra hafuu­ra hamaadhaan qabamanis hundumaa gara isaatti fidan. 33 Namoonni manda­ra sanaa hundumtuu balbala duratti walitti qabaman. 34 Yasuus dhukkubsa­toota baay'ee warra dhukkuba garaa garaatiin rakkachaa turan fayyisee, ha­fuurota hamootas baay'ee baase; ha­fuuronni hamoonni isa waan beekaniif, inni dubbachuu isaan dhowwe.

Yasuus Galiilaatti Lallabuu Isaa

35 Ganama barii amma illee utuu hin ifin ka'ee, gad ba'ee gara iddoo namni hin jirree dhaqee, achitti Waa­qayyoon in kadhate. 36 Simoonii fi warri isaa wajjin turan isa barbaacha ba'an. 37 Isa argatanii, "Hundinuu si barbaadaa jiru" jedhaniin. 38 Yasuus garuu, "Ani isaaf waanan ba'eef, achittis akkan lallabuuf kottaa gara mandaroota nutti aananii in dhaq­naa!" isaaniin jedhe. 39 Inni dhaqee manneen sagadaa isaanii guutummaa kutaa biyya Galiilaa keessa jiranitti lallabee, hafuurota hamootas namoota keessaa baase.

Yasuus Namicha Lamxaa'aa; Qulleessuu Isaa

40 Namni dhagni isaa lamxaa'e tokko gara Yasuus dhufee [jilbeenfatee], "Fedha kee yoo ta'e na qulleessuu in dandeessa" jedhee isa kadhate. 41 Ka­naaf Yasuus garaa laafeefii hiixatee qabee, "Fedheeraa qullaa'i!" ittiin je­dhe. 42 Achumaan namichi lamxii isaa irraa fayyee qullaa'e. 43 Yommus Yasuus namicha cimsee of eeggachiisee, 44 "Beekkadhu, waan tokko illee na­matti hin himin! Garuu dhaqii luba of ilaalchisi, fayyuun kee hundumaattuu has mul'atuuf akka Museen abboo­mettis qullaa'uu keetiif kennaa kee dhi'eessi!" jedhee isa gad dhiise. 45Namichi achii erga ba'ee booddee, waan baay'ee waa'ee isaatiif odees­suutti ka'ee, dubbii kana biyyaan ga'e. Kanaaf Yasuus lafa namni hin jirre bubbule malee, mul'inatti mandaratti galuu hin dandeenye; namoonnis iddoo hallee gara isaa in dhufu turan.

 

                                   Boqonnaa 2

 

Yasuus Namicha Dhagni Isaa Gar Tokko Du'e Fayyisuu Isaa
1 Guyyaa muraasa booddee Yasuus deebi'ee Qifirnaahomitti gale; na­moonni immoo akka inni mana jiru dhaga'an. 2Balbaluma duraa iyyuu hamma iddoon dhibutti, namoonni baay'een walitti qabaman; Yasuus im­moo dubbii wangeelaa isaanitti in hima ture. 3Yommus jarreen tokko, nama dhagni isaa gar tokko duunaan afur ta'anii baatan, fidanii gara Yasuus dhu­fan. 4 Baay'ina namootaatiif gara Yasuusitti geessuu dadhabnaan, bantii mana [biyya sanaa isa kallattii Yasuus tureen diiganii erga saaqanii, siree namichi dhagni isaa gar tokko du'e irra ciisee jiru gad buusan. 5 Yasuus amantii jarreen kanaa yommuu arge, namicha isa dhagni isaa gar tokko du'een, "Ilma koo, cubbuun kee hundinuu siif dhiifa­meera" jedhe.

 

6 Barsiisonni seeraa warri achi taa'aa turan tokko, garaa isaanii kees­satti yaadaa turanii, 7 "Attamitti nami­chi kun akkas dubbata? Kun Waaqay­yoon arrabsuu isaa ti! Waaqayyo tok­kicha malee eenyutu cubbuu namaaf dhiisuu danda'a?" jedhan. 8 Yasuus achumaan garaa isaanii keessatti yaa­daa akka jiran hafuuraan hubatee, "Maaliif waan akkasii garaa keessa­nitti yaaddu? 9Kamtu salphaa dha? Namicha dhagni isaa gar tokko du'e sanaan, `Cubbuun kee siif dhiifameera' jechuu moo yookiis, `Ka'iitii siree kee fudhadhuu adeemi' jechuu? 10 Garuu ilmi namaa lafa irratti dhiifamuu cub­buu kennuudhaaf aboo akka qabu bee­kaa!" isaaniin jedhe. Isa dhagni isaa gar tokko du'een immoo, 11"Sittan hima, ka'iitii siree kee fudhadhuu ma­na keetti gali!" jedheen. 12 Utuma isaan ilaalanii, namichi sun ka'ee, achumaan siree isaa fudhatee gad ba'e. Kana irratti hundumti isaanii fajajanii, "Kan akkasii kana takkaa arginee hinbeeknu" jechaa, Waaqayyoof hooqu­baa dhi'eessan.

Waamamuu Lewwii

13 Yasuus ammas gad ba'ee gara qarqara bishaanii dhaqe; namoonni hundinuu gara isaa dhufnaan, isaan barsiise. 14Inni utuu darbuu, Lewwii ilma Alfewos iddoo qaraxaa utuu taa'uu argee, "Na duukaa bu'i!" je­dheen. Kana irratti Lewwiin ka'ee, duukaa bu'e. 15Warri Yasuus duukaa bu'an namoota baay'ee waan turaniif, Yasuus mana Lewwii maaddiitti yom­muu taa'e, qaraxxoonnii fi warri akka seeraatti hin jiraanne baay'atanii, Yasuusii fi bartoota isaa wajjin maaddiitti in taa'an. 18 Fariisota keessaa barsiisota seeraa kan turan, Yasuus warra akka seeraatti hin jiraannee fi warra qarax­xuu wajjin nyaachuu isaa yommuu argan, "Inni attamitti warra qaraxxuu­dhaa fi warra akka seeraatti hin jiraan­nee wajjin nyaata?" jedhanii bartoota isaa gaafatan. 17Yasuus kana yommuu dhaga'e, "Namoonni fayyaan ogeessa qorichaa hin barbaadan, dhukkubsatoo­tatu barbaada malee; ani warra jireenya qajeeltoo jiraatan waamuu hin dhufne, warra cubbamoota waamuufan dhufe malee" isaaniin jedhe.

Gaaffii Waa'ee Soomiitiif Gaafatame

18 Bartoonni Yohannisii fi bar­toonni Fariisotaa in soomu turan; jarreen tokko immoo dhufanii Yasuusin, "Bartoonni Yohannisii fi bar­toonni Fariisotaa maaliif soomu? Bar­toonni kee immoo maaliif hin soo­man?" jedhan. 19 Yasuus immoo deebisee, "Dhirsi misirroo utuu isaa­nii wajjin jiruu, warri cidhaa soomuu danda'uu ree? Hamma dhirsa misir­roo of biraa qabanitti, soomuu hin danda'an. 20 Guyyoonni dhirsi misir­roo isaan duraa itti fudhatamu dhu­fuuf jiru; egaa guyyaa sanatti in soomu. 21 Homtinuu erbee haaraa takkaa hin miicamin uffata moofaatti hin hodhu; kana yoo godhe erbichi haaraan uffata moofaa sana irraa in tarsaasa, tarsa'aan isaas isa duraa irra kan caalu in ta'a. 22 Akkasuma immoo daadhii waynii haaraa qodaa boso­saatti hin naqan; kana yoo godhan daadhichi qodicha in dhoosa, daadhi­chi, qodichis in badu. Egaa daadhii waynii haaraa qodaa jabaatti in naqu" isaaniin jedhe.

Gaaffii Waa'ee Sanbataa

23 Guyyaa Sanbataa tokko immoo Yasuus maasii qamadii keessa in darba ture; bartoonni isaas utuu adeemanii asheetii cirachuu jalqaban. 24 Farii­sonni yommus, "Argitaa? Bartoonni kee guyyaa Sanbataatti gochuun see­raan kan dhowwame maaliif godhu?" jedhanii isa gaafatan. 25 Yasuus deebi­see, "Daawit namoota isaa wajjin waan nyaatu dhabee yommuu beela'e, waan inni godhe isin takkaa hin dubbifnee ree? 28 Innoo, bara Abiyaataar angafa lubootaa turetti, mana Waaqayyootti galee, buddeena ilaalchaa Waaqayyoof dhi'aates, luboota irraa kan hafe warri kaan nyaachuun seeraan dhowwamee kan ture nyaatee, namoota warra isaa wajjin turaniifis kenne" isaaniin je­dhe. 27 Yasuus itti dabalee, "Sanbatatu namaaf uumame malee, namni Sanba­taaf hin uumamne. 28 Egaa ilmi namaa Sanbata irratti iyyuu gooftaa dha" isaa­niin jedhe.

 

                                      Boqonnaa 3

Yasuus Namicha Harka Naafaa Fayyisuu Isaa

 1 Yasuus ammas mana sagadaa tokkotti of lixe; namni harki isaa tokko naafate immoo achi ture. 2 Yommus jarri isa hadheessuudhaaf guyyaa Sanbataatti namicha kana fay­yisa yoo ta'e jedhanii, isa in gaadu turan. 3 Yasuus immoo namicha harkiisaa naafate sanaan, "Ka'ii gidduu dhaabadhu!" jedhe. 4 Jaraanis, "Seerri keenya guyyaa Sanbataatti gaarii moo hamaa gochuu yookiis lubbuu oolchuu moo ajjeesuu nu abbooma?" jedhe. Isaan garuu calluma jedhan. 5 Kana irratti aaree warra naanna' aa isaa jiran ilaalee, matajabina isaaniittis gaddee namichaan, "Harka kee diriirsi!" je­dhe. Yommuu namichi harka isaa diriirse, harki isaa deebi'ee in fayye. 6 Yommusuma warri Fariisotaa gad ba'anii warra garee Herodisii wajjin koratanii, attamitti akka isa balleessan mari' atan.

Namoonni Yasuus Duukaa Bu'uu Isaanii

7 Yasuus bartoota isaa wajjin jara biraa sokkee gara bishaan ciisaa dhaqe. Kutaa biyya Galiilaatii fi biyya Yihu­daatii namoonni sonaan baay'een isa duukaa dhaqan. 8 Waan inni hojjete hundumaa warri dhaga'an, mandara Yerusaalemii, biyya Edoomiyaatii, biyya Yordaanos gamaatii, naannoo mandaroota Xiiroosii fi Sidoonii so­naan baay'atanii gara isaa dhufan. 9 Innis, tuuti sun dhiibboodhumaan ak­ka isa hin buruqsinetti, bidiruun tokko qophaa'ee akka isa eeguuf bartoota isaatti hime. 10 Inni dhukkubsatoota baay'ee waan fayyiseef, warri dhukku­ba garaa garaa qaban hundinuu isa harkaan qabuudhaaf, hamma isa irratti wal caccabsanitti ga' an. 11 Hafuuronni hamoonni[2]namoota keessa jiran ye­roodhuma isa arganitti, fuula isaa du­ratti kufanii, "Ati ilma Waaqayyoo ti" jedhanii in iyyu turan. 12 Inni garuu akka isaan isa hin mul'ifnetti cimsee isaan ifate.

 

Yasuus Warra Kudha Lamaan Fo'achuu Isaa

13 Yasuus gara gaaraatti ol ba'ee, warra barbaades ofitti waame; isaanis gara isaa dhufan. 14 Isaa wajjin akka turaniif wangeela lallabuufis akka isaan erguuf, namoota kudha lama bartoota godhate; (isaan kana warri inni "Ergamoota" jedhee immoo waa­me). 15 Hafuurota hamoota baasuufis aboo akka isaan qabaatan godhe. 16 Warri kudha lamaan inni bartoota isaa godhate immoo, Simoon isa inni "Phexros" jedhee moggaase, 17 Yaa­qoobii fi Yohannis ilmaan Zabdewos warra inni "Bo'anerges" jedhee mog­gaase; kunis "Ilmaan qaqawwee" je­chuu dha. 18 Indriiyaas, Filiphos, Bartolomewos, Maatewos, Toomaas, Yaaqoob ilma Alfewos, Taadewos, Simoon isa "Hinaafticha" jedhamee beekame; 18 akkasumas Yihudaa nama biyya Keriyot, isa Yasuusin dabarsee kenne.

Yasuus Humna Maaliitiin Hafuurota Hamoota Akka Baasu

20 Yasuus gara manaatti yommuu gale, hamma innii fi bartoonni isaa buddeena illee nyaachuu dadhabanitti ammas tuuti namootaa walitti da­cha'an. 21 Firoonni isaa immoo kana dhaga'anii, "Innoo qalbii dabarse" je­dhanii, isa qabuudhaaf dhufan.

 

22 Barsiisonni seeraa warri Yeru­saalemii dhufan immoo, "Bi'el Zebul isa keessa jira; humna angafa Seexa­nootaa kanaanis hafuurota hamoota in baasa" jedhanii Yasuus irratti dubba­tan. 23 Kana irratti inni gara ofii isaatti isaan waamee fakkeenyaan, "Attamitti Seexanni Seexana baasuu danda'a? 24Mootummaan tokko ofii isaatii yoo gargar cabe, mootummaan sun dan­da'ee hin dhaabatu; 25 maatiin mana tokkoos yoo ofittii gargar cabe, manni sun dhaabachuu hin danda'u. 26 See­xannis ofii isaa irratti ka'ee yoo gargarcabe, badduu ba'uu isaa ta'a malee dhaabachuu hin danda'u. 27 Duraan dursee namicha jabaa sana yoo hidhate malee, homtinuu mana nama jabaa tokko cabsee, lixee mi'a isaa saamuu hin danda'u; erga hidhatee booddee garuu dhuguma mana isaa saamuu in danda'a. 28 Ani dhuguman isinitti hima, cubbuun hundinuu arrabsoon kam illee afaan namaa keessaa yoo ba'e, ilmaan namootaaf in dhiifama. 29 Eenyu illee hafuura qulqulluudhaan mormee isa irratti yoo dubbate garuu, cubbuu bara baraatiin yakkaa ta'a malee, bara ba­raan dhiifamuu hin argatu" isaaniin jedhe. 30 Kanas namoonni, "Innoo ha­fuura hamaa[3] of keessaa qaba" jedha­nii waan turaniif dubbate.

Haadha Yasuusii Fi Obboloota Isaa

31 Kana booddee haati Yasuusii fi obbolaan isaa dhufanii ala dhaabatanii, itti erganiis isa waamsisan. 32 Yeroo sanatti tuuti namootaa isatti naanna'a­nii in taa'u turan. Isaan, "Kunoo, haati kee, obbolaan kees alaa si gaafachaa jiru" ittiin jedhan. 33 Inni garuu deebi­see, "Haati koo, obbolaan koos eenyu­fa'i?" isaaniin jedhe. 34 Gara warra isatti naanna'anii taa'aniis ilaalee, "Haati koo, obbolaan koos warra as jiran kana. 35Jaalala Waaqayyoo kan godhu eenyu iyyuu obboleessa koo ti, obboleettii koo ti, haadha koo tis" jedhe.

 

                                             Boqonnaa 4

Fakkeenya Namicha Sanyii Facaasuu

1 Yasuus ciisa bishaanichaa bukkeetti ammas barsiisuu jalqabe. Tuuti isa biratti walitti qabame immoo sonaan baay'annaan, Yasuus bidiruu tokko yaabbatee, gara gidduu bishaa‑
niittis butatee barsiisuudhaaf taa'e; yommus namoonni hundinuu qarqara ciisa bishaanichaa turan. 2 Yasuus barsiisa isaa keessatti fakkeenya garaa garaatiin waan baay'ee isaan barsiise. 3"Dhaggeeffadhaa! Namichi tokko sanyii facaasuudhaaf ba'e. 4 Inni utuu facaasuu kaan karaa bukkee bu'anii, simbirroonnis dhufanii funaananii nyaatan. 5Kaan immoo lafa dhagaa, lafa biyyoo baay'ee hin qabne irra bu'an; lafti isaan irra bu'an biyyoo gad fagoo waan hin qabneef dafanii biqi­Ian. 6Garuu yommuu aduun itti baate coollaganii, hidda gad fagoo waan hin godhatiniif in gogan. 7Kaan qoraattii keessa bu'an; qoraattonnis guddatanii isaan hudhan; isaanis ija hin godhanne. 8Kaan garuu biyyoo gaarii keessa bu'an; biqilanii, guddatanii, ijas godha­tan. Iji isaanii immoo kaan dachaa soddoma, kaan dachaa jaatama, kaanis dachaa dhibba ta'e!" jedhe. 9 Itti daba­lees, "Gurra ittiin dhaga'u kan qabu has dhaggeeffatu!" jedhe.

 Fakkeenyi MaaliifAkka Barbaachise

10 Yeroo Yasuus kophaa ta'etti, warri isa bira turan bartoota kudha lamaanii wajjin waa'ee fakkeenya ka­naa isa gaafatan. 11 Yasuus immoo dee­bisee, "Dhoksaan mootummaa Waa­qayyoo isiniif kennameera; warra ala jiraniif garuu kun hundinuu fakkee­nyaan ta'a. 12 Utuma ilaalanii akka hin argineef, utuma dhaga'aniis akka hin hub anneef, gara Waaqayyootti akka hin deebineef, cubbuun isaaniis akka isaaniif hin dhiifamneef, fakkeenyaan in kennama" isaaniin jedhe.

Hiikaa Fakkeenya Namicha Sanyii Facaasuu

13 Yasuus itti fufee, "Fakkeenyi kun isiniif hin galuu? Egaa attamitti fak­keenya kan ta'e hundumaa hubattu ree? 14Inni facaasu sanyii dubbii Waaqay­yoo facaasa. 18 Karaa bukkeen, fakkee­nya warra yommuudhuma dubbiin Waaqayyo facaafamu dhaga'anii, yom­musumas Seexanni dhufee dubbicha isa garaa isaanii keessatti facaafamebutatuu ti. 16 Lafti dhagaas, fakkeenya warra dubbichi garaa isaanii keessatti facaafame, yommuu isa dhaga'an gam­machuudhaan fudhatanii ti. 17 Isaan ak­ka biqiltuu hidda gad fagoo hin qab­neetti, yeroodhaaf in dhaabatu; sababii dubbichaatiif rakkinni yookiis ari'ata­muun yommuu ka'u garuu achumaan in gufatu. 18 Lafti qoraattii, fakkeenya warra dubbicha isa garaa isaanii kees­satti facaafame dhaga'anii ti. 19Yaad­doon biyya lafaa, gowwoomsaan soo­rumaa, kajeellaan adda addaas itti da­cha'anii, dubbicha huunaan ija utuu hin godhatin hafe. 20 Lafti gaariin garuu, fakkeenya warra dubbicha isa garaa isaanii keessatti facaafame dhaga'anii, fudhatanii, kaan dachaa soddoma, kaan dachaa jaatama, kaanis dachaa dhibba ija godhatanii ti" isaaniin jedhe.

Fakkeenya Ibsaa Guuboo Jalaa

21 Yasuus ammoo, "Ibsaan guuboo jala yookiis siree jala kaa'amuuf in fidamaa ree? Baattuu ibsaa irra akka kaa'amuuf mitii ree? 22 Kan dhokate yoo jiraate, mul'achuudhaaf dhokate; dhoksaatti kan eegames yoo jiraate, bakkeetti ba'uuf eegame. 23Egaa, namni gurra ittiin dhaga'u yoo qabaate has dhaggeeffatu!" isaaniin jedhe. 24 Yommus Yasuus, "Isa dhagees­san akeekkadhaa! Qodaa safaraa itti namaaf itti kennitutti siif in kennama, caalchisees siif in kennama. 25Isa fudhatee waa qabuuf, itti dabalamee in kennamaaf, kennaa isaa of keessaa kan hin qabne garuu, innumti inni qabu iyyuu isa duraa in fudhatama" isaaniin jedhe.

Fakkeenya Sanyicha Isa Ofuma Isaatiin Guddatee

26 Yasuus itti fufee, "Mootummaan Waaqayyoo akka nama qotiisa isaatti sanyii facaafatee ti. 27Namichi galee halkan in rafa guyyaas in ka'a; sanyi­chi immoo utuu inni hin beekin in biqila in guddatas. 28Lafichi ofuma isaatiin duraan dursee biqilaa fi humna, itti aansees hudha, kana booddees ija guutuu in godhachiisa. 29 Midhaanichi erga bilchaatee garuu yeroon haamaa waan ga'eef, achumaan haamtuu itti in erga" jedhe.

 

Fakkeenya Ija Mukaa Hundumaa Irra Xinnaatuu

30 Yasuus amma immoo, "Mootum­maa Waaqayyoo maalitti fakkeessinu? Yookiis isaaf fakkeenya maalii kenni­nu? 31 Inni akka ija sanaaficaa ti; yom­muu lafatti faca'u ija biqila lafaa hundumaa irra in xinnaata. 32 Inni yom­muu faca'u, biqilee in guddata, biqila hundumaa irra kan caalu ta'ee, damee gurguddaa in godhata. Simbirroonni dhufanii gaaddisa damee isaa jalatti mann'ee ijaarratu" jedhe.

 Fakkeenya Garaa Garaatiin Barsiisuu Isaa

33 Yasuus fakkeenyota baay'ee kana fakkaataniin hamma isaan dhaggeeffa­chuu danda'anitti dubbicha isaanitti hime. 34 Inni fakkeenya malee isaanitti hin dubbanne, kophaatti immoo waan hundumaa bartoota warra kan isaatiif hiike.

 Yasuus Qilleensa Jabaa Gab Gochuu Isaa

35 Yasuus galgala gaafasii bartoota isaatiin, "Kottaa bishaan ciisaa kana gamatti ceenaa" jedhe. 36 Bartoonni isaa namoota achi turan gad dhiisanii, akkuma inni bidiruu keessa jirutti Yasuusin fudhatanii adeeman; bidiroonni biraas immoo isaa wajjin dhaqan. Yommus qilleensi jabaan bubbisaa dhufe; dha'aan bishaanichaa immoo bidirichatti bu'ee, bishaan itti guu­tuutti ka'e. 38 Yasuus garuu bidiricha keessa gara duubaatiin waa boraafatee in rafa ture. Bartoonni isaa isa dam­maqsanii, "Barsiisaa! Dhumuun kee­nya si hin dhibuu?" jedhan. 39 Yasuusdammaqee qilleensicha ifatee, dha'aa bishaanichaan immoo, "Cal jedhi, gab jedhis!" jedhe. Kana irratti qilleensi­chi dhaabannaan gabiin guddaan ta' e. 40 Kana booddee bartoota isaatiin, "Maaliif sodaatoo taatan? Amma iy­yuu amantii hin qabdanii?" jedhe. 41 Isaan immoo guddaa sodaatanii, "Namni kun eenyu? Qilleensaa fi bi­shaan in abbooma, isaanis isaaf in abboomamu" waliin jedhan.

 

                                  Boqonnaa 5

Yasuus Hafuura Hamaa Namicha Tokko Keessaa Baasuu Isaa

1 Kana booddee isaan ciisa bishaa­nii gama, gara kutaa biyya Ger­geesaa[4]  dhufan. 2Akkuma Yasuus bidi­richa irraa bu'een, namni hafuurri ha­maan keessa ture tokko, iddoo awwaalaa keessaa ba'ee isatti dhufe. 3 Namichi kun awwaalota gidduu jiraa­te; homtinuus funyoodhuma sibiilaatiin illee isa hidhuu hin dandeenye. 4 Inni yeroo baay'ee funyoo sibiilaatii fi hi­dhaa harkaatiin hidhameera, garuu fu­nyoo sibiilaa of irraa in kukkuta, hi­dhaa harkaas in caccabsa ture. Kanaaf namni tokko illee gad isa garuu hin dandeenye. 5 Namichi kun yeroo hun­dumaa halkanii fi guyyaa awwaalota gidduutti, tulloota irrattis argamee in iyya, dhagaadhaanis of in rukuta ture. 6 Inni fagootti Yasuusin argee, gara isaatti fiigee jilbeenfatee Yasuusiif sa­gade. 7 Caraanaas sagalee guddaa­dhaan, "Yaa Yasuus ilma Waaqayyoo aabbaa, maal nattii qabda? Maaltus dhimma koo keessa si buuse? Hadaraa Waaqayyoo ana hin dhiphisin!" je­dhe. 8 Yasuus immoo, "Ati hafuura hamaa nana, namicha kana keessaa ba'i!" ittiin jedhee ture. 9 Yasuus, "Ma­qaan kee eenyu?" jedhee gaafannaan, hafuurichi immoo, "Maqaan koo duu­la, nuyi baay'ee dha" jedhee deebiseef. 10 Achumaanis hafuurota baay'ee sana biyya keessaa akka hin baafneef, ja­beessee Yasuusin kadhate.

 11 Dirree gaarichaa sana irra, ku­noo, hoomaan booyyee bobba'anii tu­ran. 12 Hafuuronni hamoonni sun im­moo "Booyyota sanatti akka galluuf itti nu ergi!" jedhanii Yasuusin kadha­tan. 13 Yommus inni haa dhaqaniif isaan dhiise. Hafuuronni hamoonni namicha keessaa ba'anii booyyota sa­natti galan. Hoomaan akka booyyota kuma lamaatti lakkaa'aman sun, hal­layyaa irraa gad gara ciisa bishaaniitti konkolaatanii liqimfaman. 14 Yommus warri booyyee eegan baqatanii, kana warra mandara keessaa fi warra biy­yaattis odeessan. Namoonni immoo waan ta'e kana ilaaluudhaaf dhufan. 15 Yasuus bira ga'anii, namicha isa duu­la hafuura hamaadhaan qabamee ture sana wayyaa uffatee, qalbii isaattis deebi'ee achi taa'ee argan; hundumti isaaniis in sodaatan. 16 Duraan achi turanii, waan namicha hafuurri ha­maan keessa ture sanaaf ta'e, hoomaan booyyees maal akka ta'an warri argan, jara dhufanitti himan. 17 Yommus jarri, Yasuus kutaa biyya isaaniitii akka adee­muuf kadhatan. 18 Yasuus achii adee­muudhaaf bidiruu yaabbannaan, nami­chi hafuura hamaadhaan qabamee ture sun, "Sii wajjin nan adeema" jedhee isa kadhate. 19 Yasuus garuu, "Gara mana keetii fi lammii keetii dhaqi, waan gooftaan siif godhe hundumaa, attamittis akka si maare isaanitti hi­mi!" ittiin jedhe malee tole hin Jenne. 20 Namichi achii adeemee mandaroota kurnanuu keessa naanna'ee waan Yasuus isaaf godhe hundumaa labse; hun­dinuus in dinqifatan.

Intala Yaayirosii Fi Dubartii Ishee Uffata Yasuus Tuqxe

21 Yasuus bidiruudhaan deebi'ee cii­sa bishaanichaa yommuu ce'etti, na­moonni baay'een gara isaatti walitti qabaman. Inni immoo qarqara bishaani­chaa ture. 22 Yommus warra geggeessi­tuu mana sagadaa keessaa tokko, ma­qaan isaa Yaayiros kan jedhamu dhufee, Yasuusin argee, miilla isaa jalatti kufee, 23"Mucaan koo dhukkubsattee du'uuf jetti, akka isheen fayyitee jiraattuuf hadaraa kottuutii harka kee ishee irrakaa'i!" jedhee jabeessee kadhate. 24Kanaaf Yasuus Yaayirosii wajjin in adeeme; namoonni baay'eenis isa dhii­sanii duukaa in bu'u turan.

 25 Dubartiin waggaa kudha lamaaf dhiigni ishee dhaabachuu diduudhaan rakkattu tokko immoo turte. 26 Isheen ogeessota qorichaa biratti baay'ee dhi­phattee, waan qabdu hundumaas kanu­ma irratti fixxe; haa ta'u iyyuu malee, qooda itti fooyya'uu ittuma hammaataa adeeme. 27 Isheen waa'ee Yasuus yom­muu dhageesse, namoota sana gidduu dugda isaa duubaan dhuftee uffata isaa tuqxe. 28 Isheen, "Uffatuma Yasuus yoon tuqe illee nan fayya" jettee garaa isheetti yaaddee turte. 29 Achumaan lolaan dhiiga ishee in cite; isheen immoo dhukkuba isheettii akka fayyite itti dhaga'ame. 30 Yasuus yeroodhuma sana humni fayyisu isa keessaa akka ba'e beekee, namoota gidduudhaa ga­ragalee, "Eenyutu uffata koo tuqe?" jedhee gaafate. 31 Bartoonni isaa im­moo, "Akka namoonni si dhiiban utu­ma argituu, Tenyutu na tuqe?' jettee gaafattaa?" jedhaniin. 32 Yasuus garuu amma iyyuu nama isa tuqe arguudhaaf naannoo isaa ilaale. 33 Kana irratti du­bartittiin waan isheedhaaf godhame hubattee, sodaachaa rom'aa dhuftee miilla Yasuus jalatti lafa dhoofte; dhu­gaa ishee hundumaas isatti himte. 34 Yasuus immoo, "Yaa intala ko, aman­tiin kee si fayyiseera, nagaadhaan dha­qi, dhukkuba keettiis kan fayyite ta'i!" isheedhaan jedhe.

 35 Utuu Yasuus kana dubbachaa ji­ruu namoonni mana Yaayiros geggees­situu mana sagadaa sanaa, dhufanii, "Intalli kee duuteetti, si'achi immoo maaliif barsiisicha dhamaafta?" jedha­niin. 36 Yasuus garuu, waan dubbatame sana homaattuu utuu hin fudhatin, geg­geessituu mana sagadaa sanaan, "Bin. sodaatin, amani duwwaa!" jedhe. 37 Yasuus yommus Phexros, Yaaqoobii fi Yohannis obboleessa Yaaqoob mat lee, namni kan biraa isa duukaa mana namichaa akka dhaqan hin barbaanne.

35 Gara mana geggeessituu sanaa yom­muu dhufan, Yasuus huursaa isaanii dhaga'ee, namoota boo'anii wawwaa­tanis arge. 39 Inni manatti yommuu ol gale, "Maaliif huursitanii boossu? In­talattiin rafuutti jirti malee, hin duune" isaaniin jedhe. 40 Isaanis itti kolfan. Inni garuu hunduma isaanii gad yaasee, abbaa intalattii fi haadha ishee warra isaa wajjin turanis fudhatee, iddoo reeffi intalattii jirutti ol gale. 41 Harka ishees qabee, "Xaaliitaa quumii!" je­dheen; kunis, "Intalo! Siinan jedha, ka'i!" jechuutti hi ikama. 42 Intalattiin si'uma sana kaatee asii fi achi adeemte; isheenis intala waggaa kudha lamaa turte. Yommus isaan guddaa gamma­danii of wallaalan. 43 Yasuus immoo waan ta'e kana eenyu illee akka hin barre jabeessee isaan abboomee, "Wanta nyaatamu isheedhaaf kennaa!" jedhee isaanitti hime.

 

                                      Boqonnaa 6

Yasuus Naazireetitti Tuffatamuu Isaa

 1 Yasuus iddoo sana dhiisee adeemee, gara mandara kutaa biyya itti dhalatee dhaqe; bartoonni isaas isa duukaa dhaqan. 2 Guyyaa Sanbataattis mana sagadaatti barsiisuu jalqabe. Warra isa dhaga' an keessaas baay'een raajeffatanii, "Wanti kun hundinuu eessaa dhufeef? Ogummaa attamiitu isaaf kenname? Hojii aangoo attam attamiitus harka isaatiin hojjetaman? 3 Kun muka soofticha ilma Maariyaam, obboleessa Yaaqoob, Yosees, Yihudaa fi Simoon mitii? Obboleettonni isaas as nu bira jiru mitii?" jedhanii isa ma­man. 4 Yasuus immoo, "Raajiin iddoo biraatti malee biyya isaatti, lammii isaa gidduutti, mana ofii isaattis ulfina hin argatu" isaaniin jedhe. 5 Harka isaa dhukkubsatoota muraasa irra kaa'ee isaan fayyise malee, kana irra kan caalu hojii aangoo achitti hojjechuu hin dandeenye. 6 Amantidhabina isaa­niitti garuu baay'ee dinqifate.Kana booddee inni barsiisaa gan­deen sana gidduu in deddeebi'e.

Yasuus Bartoota Kudha Lamaan Erguu Isaa

7 Yommus Yasuus warra kudha la­maan ofitti waamee, hafuurota hamoota irratti[5] aboo isaaniif kennee, lama la­maan isaan erge. BKaraadhaaf immoo ulee malee, buddeena, korojoo, waan tokko illee akka hin fudhanne, horiis akka hin baanne isaan abboome. 9 Kophee akka kaa'atan, qomee lama garuu wal irratti akka hin uffanne isaanitti hime. 10 Akkanumas, "Iddoo tokkoo hamma adeemtanitti manuma itti galtan keessa turaa; 11 iddoo tokkotti yoo isin simuu dhaabaatan, yoo isin dhaga'uu didanis, akka dhugaa isaanitti ba'uuf yommuu achii adeemtan awwaara man­dara sanaa, miilla keessanittii dhadha'adhaa!" isaaniin jedhe. 12 Akka­sitti warri kudha lamaan ba'anii, na­moonni yaada garaa isaanii akka geddaratan lallaban. 13 Isaanis hafuuro­ta hamoota baay'ee baasanii, warra dhukkubsachaa turanis baay' ee dha­dhaa dibataa dibanii, isaan fayyisan.

 

Ajjeefamuu Yohannis Cuuphaa

14Maqaan Yasuus bal'aatti beeka­mee waan tureef, Herodis mootichis waa'ee isaa dhaga'e. Kaan, "Yohannis cuuphaatu du'aa ka'e, kanaaf humni gurguddaan isaan hojjetamaa jiru" je­dhan. 15 Warri kaan, "Innoo Eliyaas" jedhan; kaan immoo "Raajiidhuma ak­ka raajota warra durii tokko" jedhan.16 Herodis waa'ee isaa yommuu dha­ga'e garuu, "Yohannis isa ani mataa isaa mursiisetu du'aa kaafame" jedhe. 17 Herodis waa'ee Herodiyaas haadha manaa obboleessa isaa Filiphosiif je­dhee, nama itti ergee Yohannisin qab­siisee hiisisee ture; Herodis ishee fuu­dhee ture. 18 Yohannis immoo Herodi­siin, "Haadha manaa obboleessa kee duraa fudhachuun kee seera miti" je­dhe. 19 Herodiyaas haalloo ittiin qa­battee, isa ajjeesuu in barbaaddi turte, garuu hin dandeenye. 20 Yohannis na­ma qajeelaadhaa fi qulqulluu ta'uu isaa beekee, Herodis isa in sodaata waan tureef, isa in eegsisa ture. Yeroo dubbii isaa dhaga'e illee baay'ee walii wallaa­le; utuma ta'uu iyyuu gammachuu­dhaan isa dhaggeeffate.

 21 Guyyaa itti Herodis seenaa dha­lachuu isaatiif jedhee gurguddoota bultii biyya isaatii fi angafoota warra loltuutiif, kutaa biyya Galiilaa kees­saa warra beekamaniif nyaachisa go­dhe irratti, Herodiyaas fucha gaarii argatte. 22 Intalli Herodiyaas ol galtee yommuu sirbite, Herodisii fi keessum­moota isaa gammachiifte. Mootichi yommus intalattiidhaan, "Waanuma barbaadde na kadhadhu, anis siif nan kenna!" jedhe. 23 Ammas, "Hamma walakkaa mootummaa kootiitti waa­numa ati na kadhattu siifan kenna" jedhee kakateef. 24 Kana irratti inta­lattiin gad baatee, "Maal kadhadhu?" jettee haadha ishee gaafatte; isheen immoo, "Mataa Yohannis cuuphaa" jettee deebifteef. 25 Kanaaf intalattiin yommusuma gara mootichaatti ariifat­tee ol galtee, "Akka ati tokkichumaan mataa Yohannis cuuphaa gabateetti anaaf laattu nan barbaada" jetteen. 26 Kana irratti mootichi gar-malee in gadde; garuu sababii kakaa isaatii fi keessummoota isaatiif jedhee, isa ishee abdachiise sana arraba isaa ged­daruu hin barbaanne. 27 Achumaan mootichi warra isa Began keessaa loltuu tokko ergee, mataa Yohannis akka fiduuf abboome; loltuun sun immoo dhaqee mana hidhaa keessatti mataa Yohannis mormatti irraa kute. 28 Mataa isaa sanas gabateetti fidee intalattiidhaaf kenne; intalattiin im­moo haadha isheetiif laatte. 29 Bar­toonni Yohannis kana yommuu dha­ga'an, dhaqanii reeffa isaa fuudhanii, awwaala keessa in kaa'an.

 

Yasuus Namoota KumaShan Nyaachisuu Isaa

30 Ergamoonni ergasii Yasuus bi­ratti walitti qabamanii, waan hojjeta­nii fi waan barsiisan hundumaa isatti himan. 31 Inni immoo, "Isin duw­waan anaa wajjin gara iddoo qoofniitti ba'aa, takkas boqodhaa!" isaaniin je­dhe. Namoonni baay'een in dhufu in adeemus; kanaaf nyaataaf illee yeroo hin qaban turan. 32 Yommus isaan kophaa isaanii bidiruudhaan gara id­doo qoofnii tokkoo dhaqan. 33 Na­moonni utuu isaan adeemanii waan arganiif baay'een kana hubatan; warn mandaroota hundumaa keessaa dhu­fan, miillaan fiiganii, karaa lafaa naanna'anii, isaan duras iddoo sana in ga'an.

 

34 Yasuus qarqara bishaaniitti yom­muu bidiruu keessaa ba'utti, tuuta gobbuu arge. Isaan akka hoolota tiksee hin qabnee waan turaniif immoo isaa­niif in oo'e, waan baay'ees isaan barsiisuutti ka'e. 36 Yeroo galga­laa'aa adeemetti immoo bartoonni isaa gara isaa dhufanii, "Kun lafa onaa dha, yerichi immoo sokkeera; 36 gara manneenii fi gandeen nutti aanan ka­naa dhaqanii, waan nyaatan akka bita­taniif jara kana gad dhiisi!" jedhan. 37 Inni garuu deebisee, "Isin ofii kees­sanii waan isaan nyaatan kennaar jedhe. Isaan immoo, "Dhaqnee meetii dhibba lamaan buddeena binnee has nyaataniif isaaniif kenninuu ree?" je­dhaniin. 38 Kana irratti inni, "Buddee­na meeqa qabdu? Dhaqaatii ilaalaa!" isaaniin jedhe. Isaan immoo meeqa akka ta'e erga baranii, "Buddeena shanii fi qurxummii lama" jedhaniin. 39 Yommus inni immoo, hundinuu ku­tata kutataan marga lalisaa sana irra akka taa'aniif abboome. 40 Isaanis dhibba dhibbaan, shantama shanta­maanis kutataan taa'an. 41 Buddeenan shananii fi qurxummii lamaan fuudhee gara waaqaatti ol ilaalee, eebbisees. Buddeenan sana cabsee namootaaf ak­ka dhi'eessaniif bartoota isaatti kek­kenne; qurxummii lamaanis hunduma isaaniitiif hirsiise. 42 Isaan hundumti­nuu nyaatanii in quufan. 43 Bartoonni isaa hurraa buddeennii fi qurxummii gundoo kudha lama guutuu fuudhan. 44 Warri buddeena sana nyaatan immoo dhiironni duwwaan iyyuu kuma shan turan.

Yasuus Bishaan Gubbaa Adeemuu Isaa

45 Achumaanis Yasuus hamma ofii isaatii tuuta sana gad dhiisutti, bidiruu yaabbatanii isa dura gama Betsayi­daatti akka ce'an bartoota isaa giddisii­se. 46 Tuuta sanatti erga nagaa dhaamee immoo kadhachuudhaaf gara gaaraatti of ba'e. 47 Yommuu galgalaa'e bidi­ruttiin ciisa bishaanichaa walakkaa jir­ti; Yasuus garuu kophaa isaa bakkee ture. 48 Bartoonni isaa bidiruudhaan utuu adeemanii qilleensi gara isaaniitti qilleensa'uu irraa kan ka'e, rakkachaa akka turan arge. Gara iyya indaanqoo isa lammaffaatti bishaan gubbaa adee­maa gara isaanii dhufe; isaan bukkee darbuus in barbaade. 48 Bishaan gubbaa utuu adeemuu yommuu arganis ekeraa dha se'anii, iyyan. 50 Hundumti isaa­nii isa arganii sodaatan. Inni garuu achumaan isaanitti dubbatee, "Jabaa­dhaa, innoo anaa, hin sodaatinaa!" jedhe. 51 I saanii wajjinis bidiricha yaabbate; qilleensichis dhaabannaan waanuma jedhan wallaalan. 52 S am­muun isaanii amma iyyuu duudee waan tureef, isaan dinqii inni buddeenan sanaan hojjeteen iyyuu hubachuu hin dandeenye.

Yasuus Genesaarexitti Dhukkubsatoota Fayyisuu Isaa

53 Yommuu ce'anis bakkee Gene­saarexitti lafatti ba'anii, qarqara bi­shaanichaattis bidiruu isaanii hidhatan. 54 Akkuma isaan bidiruu keessaa ba'a­niM, namoonni, Yasuus akka ta'e baran. 55Naanna'aa sanaa immoo asii fi achi fiiganii, iddoo inni ga'e jechuu dha­ga'an hundumaatti, namoota dhukkub­satan sireedhaan fiduutti ka'an. 56 Gan­deen, mandaroota yookiis manneen in­ni dhaqe hundumaattis, dhukkubsatoo­ta lafa gabaa ciibsanii akka isaan shaashara wayyaa isaatii illee tuqaniif isa in kadhatu turan; hammi shaashara wayyaa isaa tuqan hundinuu in fay­yan.

 

                                Boqonnaa 7

 Abboommiin Waaqayyoo Seera Muka Abbootaa Caaluu Isaa

1 Fariisonni yommus barsiisota seeraa Yerusaalemii dhufan tok­koo wajjin Yasuus biratti walitti qaba­man. 2 Isaan kunis bartoota Yasuus kees­saa jarri tokko harka xuriitiin, innis akka seera isaaniitti harka dhiqachuu­dhaan utuu of hin qulleessin, akka buddeena nyaatan argan. 3 Yihudoota kan ta'an hundinuu, caalaadhumatti immoo warri Fariisotaa, barsiisa seera muka abbaa isaanii waan ulfeessaniif, harka isaanii bishaan kaballaa tokkoon utuu hin lola'atin hin nyaatan. 4 Yom­muu gabaadhaa galan utuu of hin qulleessin, akkasuma immoo wanta gabaadhaa dhufu utuu bishaan itti hin facaasin hin nyaatan. Isaan kana ma-lees seerri muka abbaa isaanii kan isaan ulfeessan baay'eetu jira; qodaa itti dhugan, qodaa bishaanii, qodaa sibiila diimaa irraa hojjetaman, [sirees] in dhiqu turan. 5 Kana irratti Fariison­nii fi barsiisonni seeraa, "Bartoonni kee akka seera muka abbaa keenyaatti jiraachuu dhiisanii harka xuriitiin maa­liif buddeena nyaatu?" jedhanii Yasuusin gaafatan.

 

6 Kanaaf Yasuus deebisee, "Isaayaas raajichi waa'ee keessan, waa'ee warra of hin arginee kanaa ba'eessa dubbate; `Sabni kun afaan isaatiin ulfina anaaf kenna, garaan isaa garuu baay'ee anattii fagoo dha. 7 Ana waaqessuun isaanii akkasumaan, abboommii namaa akka seera Waaqayyootti barsiisu' kan jedhu caafamee jira. 8 Isin abboommii Waaqayyoo dhiiftanii, seera muka ab­bootaatti qabamtan" isaaniin jedhe.

 9 Yasuus itti fufee, "Seera muka abbaa keessanii jabeessuudhaaf jettanii abboommii Waaqayyoo diiguudhaaf mala ba'eessa argattan. 10 Museenoo, `Abbaa keetii fi haadha keetiif ulfina kenni!' iddoo biraatti immoo, `Abbaa isaatii fi haadha isaa irratti hamaa kan dubbatu haa du'u!' jedheera. 11 Isin immoo, namni abbaa isaa fi haadha isaa gargaaruuf ture tokko isaaniin, wanti na biraa isiniif kenname, waa'ee isiniif baasuuf ture, amma `Qurbaana ta'eera', kana jechuunis `Waaqayyoof kennameera' yoo jedhe `Ba'eessa go­dhe' jettu. 12 Akkasitti inni deebi'ee abbaa isaatii fi haadha isaatiif waanu­ma tokko iyyuu akka hin goone karaa laattuuf. 13 Kana kan fakkaatan waan baay'ee gochuudhaan, seera muka ab­baa keessanii isa walitti dabarsitaniin dubbii Waaqayyoo busheessitu" isaa­niin jedhe.

 Wanti Nama Xureessu Maal Akka Ta'e Barsiisuu Isaa

14 Yasuus ammoo namoota ofitti waamee, "Isin hundumti keessan dub­bii koo dhaga'aa, hubadhaas! 16 Alaa kan namatti galu tokko illee danda'ee xuraa'aa nama hin godhu, wanti yaada garaa namaa keessaa ba'u garuu xu­raa'aa nama godha. [16 Gurra ittiin dhaga'u namni qabu haa dhaga'u!]" isaaniin jedhe. 17 Yasuus namoota dhii­see yommuu manatti gale, bartoonni isaa waa'ee fakkeenya sanaa isa gaafa­tan. 18 Inni yommus, "Isin immoo akkuma warra kaanii hin hubatin jir­tuu? Alaa kan namatti galu hundinuu xuraa'aa nama gochuu akka hin dan­deenye hin qalbifattanii ree? 15 Inni yaada garaa namaatti hin galu; mar'u­maanitti galee bakkeetti akka ba'u hin beektanii ree?" isaaniin jedhe. Kanaan nyaanni hundinuu qullaa'aa akka ta'e ibse.

 20 Yasuus itti fufee, "Isa yaada ga­raa namaa keessaa ba'utu nama xurees­sa. 21 Yaadni hamaan hundinuu keessa aada garaa namootaatii in ba'a; isaan immoo, halalummaa, hanna, nama aj­jeechaa, 22 ejjummaa, sassata, hammi­na, haxxummaa, gad dhiisa, weennoo, nama salphisuu, of tuulummaa, dagat­tummaa. 23 Wanti hamaan kun hundi­nuu keessa yaada garaa namaatii ba'a­nii xuraa'aa nama in godhu" jedhe.

Amantii Dubartii Tokkoo

24 Yasuus achii adeemee naannoo mandara Xiiroos[6] dhaqee, mana tok­kotti in lixe. Yommus namni tokko iyyuu achi jiraachuu isaa akka hin barre barbaadee ture; haa ta'u iyyuu malee, dhokachuun isaaf hin dan­da'amne. 25 Si'uma sana iyyuu dubar­tiin, intalli ishee hafuura hamaadhaan qabamte tokko, waa'ee isaa dhagees­see, dhuftee miilla isaatti kufte. 26 Dubartittiin nama kutaa biyya Fi­niiqee Sooriyaatti, afaan Griikii dub­battis turte; isheen hafuuricha hamaa intala ishee keessaa haa baasuuf Yasuusin in kadhatte. 27 Yommus inni, "Dura ijoollonni nyaatanii haa quu­fan, buddeena ijoollotaa fuudhanii sarootaaf darbachuun ba'eessa miti" isheedhaan jedhe. 28 Isheen garuu deebiftee, "Yaa gooftaa, saroonni iy­yuu hurraa maaddii ijoollotaa irraa harca'e in nyaatu" jetteen. 29 Yasuus immoo, "Sababii akkas jettee dubbat­teef nagaatti dha qi, hafuurichi ha­maan intala kee keessaa ba'eera" isheedhaan jedhe. 30 Kana irratti isheen gara manaatti galtee, mucaa ishee hafuurri hamaan keessaa ba'ee, siree irra ciiftee argatte.

Yasuus Nama Gurri Isaa Duudaa Fi Arrabni Isaa Didaa Tokko Fayyisuu Isaa

31 Kana booddee Yasuus kutaa biy­ya Xiiroosii ka'ee, karaa Sidoon ku­taa mandaroota kurnanii keessa ba'ee, ciisa bishaan Galiilaa dhaqe. 32 Jarreen tokko yommus nama gurri isaa duude, arrabni isaan dide tokko gara Yasuus fidanii, akka inni harka isaa irra kaa'uuf kadhatan. 33lnni namicha sana tuuta keessaa kophaatti baafatee, quba isaas gurra isaa keessa kaa'ee, tufee arraba namichaa in tu­qe. 34 Gara waaqaatti of ilaalee, ga­raa isaatti gaddeefii, "Efaataa" ittiin jedhe; innis "Banami!" jechuu dha. 35 Si'uma sanatti gurri isaa banamee arrabni isaas hiikamee, qajeeltoottis dubbachuutti ka'e. 36 Yasuus immoo kana nama tokkotti illee akka hin himne isaan abboome; isaan garuu utuma inni isaan abboomuu, itti caal­chisanii labsan. 37 Isaan yommus hamma malee raajeffatanii, "Inni waan hundumaa ba'eessa godhe; war­ri duudan akka dhaga'an, warri arrab­ni isaanii dides akka dubbatan in godha" jedhan.

 

                                    Boqonnaa 8

Yasuus Namoota Kuma Afur Nyaachisuu Isaa

 1 Gidduu sanas tuuti sonaan baay'een deebi'anii walitti qaba­man. Isaan waan nyaatan dhabnaan, Yasuus bartoota isaa waamee isaanitti dubbatee, 2 "Namoonni kun guyyaa sadan kana anaa wajjin turan, nyaatas waan isaan hin qabneef hunduma isaa­niif nan oo'a. 3 Akkuma beela'anitti gara mana isaaniitti yoon isaan erge, karaatti in kukkufu; isaan keessaa lafa fagootii kan dhufan jiru" jedhe. 4 Bar­toonni isaa immoo deebisanii, "Atta­mitti namni tokko as lafa onaa kanatti, namoota kana hundumaa buddeena nyaachisuu danda'a?" jedhaniin. 5 Ka­na irratti inni, "Buddeena meeqa qab­du?" jedhee isaan gaafannaan, isaan immoo, "Buddeena torba" jedhaniin. 6 Yommus lafuma sana akka taa'aniif namoota abboome. Buddeenan torban sana fuudhee Waaqayyoof galata gal­chee, cabsees namootaaf akka dhi'eessaniif bartoota isaatti kekken­ne; isaan immoo tuuta sanaaf dhi'ees­san. 7 Qurxummii xixinnoo muraasas qabu turan; Yasuus isas eebbisee na­mootaaf dhi'eessise. s Namoonni sun nyaatanii in quufan; hurraa isaan irraa hafes gundoo gurguddaa torba guutuu walitti qaban. 9 Kana booddee inni namoota sana gad dhiise; namoonni sun immoo akka kuma afurii turan. 10 Achumaanis bartoota isaatii wajjin bidiruu yaabbatee, gara kutaa biyya Daalmaanutaa dhaqe.

Warn Fariisotaa Milikkita Gaafachuu Isaanii

11 Yommus warri Fariisotaa dhufa­nii Yasuusin morkachuutti ka'an; isa qoruudhaafis milikkita waaqa irraa ak­ka isaan argisiisuuf isa gaafatan. 12 In­ni garuu garaa isaatti gaddee hafuura dheeraa baafatee, "Dhaloonni si'anaa maaliif milikkita gaafata? Ani dhugu­man isiniin jedha, milikkinni dhaloota si'anaaf matumaa hin kennamu" je­dhe. 13 Isaan dhiisees ammoo bidiruu yaabbatee gara gamaatti sokke.

Yaada Fariisotaa Fi Yaada Herodis Irraa Of Eeggachiisuu Isaa

14 Bartoonni yommuu adeeman buddeena tokkicha bidiruu keessaa of biraa qabu turan malee, buddeena biraa fudhachuu hin yaadanne. 15 Yasuus isaan akeekkachiisee, "Ilaalladhaa! Raacitii warra Fariisotaa fi raacitii Herodis irraa of eeggadhaa!" jedhe. 16 Isaan immoo dudubbatanii, "Isa nuyi bud­deena hin qabneef akkas jedha" waliin jedhan. 17 Inni kana baree, "Maaliif waa'ee buddeena dhabuu keessaniitti hiiktanii dudubbattu? Isin amma iyyuu yaadatti hin fudhattanii yookiis hin hubattanii ree? Sammuu keessantu duudee? 181ja utuu qabdanii hin argi­tanii ree? Gurras utuu qabdanii hin dhageessanii ree? Hin yaadattanisii ree? 19 Yeroo ani buddeenan shanan namoota kuma shaniif cabse, hurraa isaa gundoo meeqa guutuu fuutan?" isaaniin jedhe; isaan immoo, "Kudha lama" jedhaniin. 20 Itti fufee, "Yeroo ani buddeenan torban namoota kuma afuriif cabse immoo hurraa isaa gun­doo gurguddaa meeqa guuttanii fuu­tan?" jedheen; yommus isaan, "Torba" ittiin jedhan. 21 Yoos, "Isin amma iyyuu hin hubattanii?" isaaniin jedhe.

Yasuus Betsayidaatti Nama Jaamaa Tokko Fayyisuu Isaa

22 Kana booddee Betsayidaa dhu­fan. Achittis jarreen tokko namicha jaamaa tokko gara Yasuus fidanii, akka inni harkaan isa qaqqabuufis kadhatan. 23 Kana irratti inni namicha jaamaa sana harka qabee ganda keessaa dii­datti baasee, ija namichaatti tuttufee, harka isaas irra kaa'ee, "Waa arguu in dandeessaa?" jedhee, gaafate. 24 Na_ michi immoo ilaalee, "Namoota arguu nan danda'a, akka adeemanis nan arga, garuu mukkeetii anatti fakkaatu" je­dhe. 25 Inni ammas harka isaa ija nami­chaa irra kaa'e, yommus iji namichaa fayyee, hubatee ilaalee waan hundu­maas ba'eessa godhee arge. 26 Kana booddee Yasuus, "Gandichatti hin dee­bi'in iyyuu" jedhee namicha gara mana isaatti erge.

Phexros Waa'ee Yasuus Dhugaa Ba'uu Isaa

27 Kana booddee Yasuus bartoota isaa wajjin ba'ee, gara gandeen naan­na'aa mandara Qiisaariyaa Filiphos dhaqe. Karaattis, "Namoonni eenyu anaan jedhu?" jedhee bartoota isaa gaafate. 28 Isaan yommus, "Yohannis cuuphaa siin jedhu, kaan immoo Eli­yaas raajicha siin jedhu, kaanis raajota keessaa tokko siin jedhu" jedhanii deebisaniif. 29 Inni immoo, "Isinoo, eenyu anaan jettu?" jedhee isaan gaa­fate. Phexros deebisee, "Ati Masiihi­cha" jedheen. 30 Yeroo sanatti inni waa'ee isaa nama tokkotti illee akka hin himne cimsee isaan gorse.

 Yasuus Waa'ee Du'uu Isaatii Fi Du'aa Ka'uu Isaa Dubbachuu Isaa

31 Yasuusis, "Ilmi namaa maangud­dootaa fi luboota warra angafootaatiin, barsiisota seeraatiin guddaa dhipha­chuunii fi raawwatee tuffatamuun, du'atti kennamuun in ta'a; guyyaa sadii booddee garuu du'a keessaa in ka'a" jedhee isaan barsiisuutti ka'e. 32 Inni dubbii kana mul'inatti dubbate; Phex­ros immoo gara bukkeetti isa qabee, cimsee isa gorsuutti ka'e. 33 Inni garuu garagalee bartoota isaas ilaalee, Phex­rosin ifatee, "Na duraa turi Seexana nana! Ati kan namootaa malee kan Waaqayyoo hin yaaddu" jedheen.

 34 Inni tuuta jaraa bartoota isaatii wajjin ofitti waamee, "Namni tokko illee ana duukaa bu'uu yoo barbaade, waa'ee ofii isaa dhiisee, fannoo isaa [isa anaaf jedhee baatu] of irra kaa'a­tee, ana duukaas has bu'u! 35 Namni jireenya isaa oolfachuu yoo barbaade, jireenyi isaa duraa in fudhatama; nam­ni anaa fi wangeelaaf jedhee jireenya isaa kennu immoo, isa in oolfata. 36 Namni biyya lafaa guutummaatti buufatee, lubbuu isaa garuu yoo dha­be, bu'aan isaa maali ree? 37 Namni gatii lubbuu isaa maal kennuu danda'a ree? 38 Nama dhaloota garagaggalaa­dhaa fi cubbamaa kana keessatti, anatti, dubbii koottis yeella'utti, ilmi namaa ulfina abbaa isaatiin qulqulloo­ta ergamootaa wajjin yommuu dhufu isatti in yeella'a" jedhe.

 

                                   Boqonnaa 9

 1 Kana booddee Yasuus, "Dhugu- ma, dhuguman isinitti hima, na­moota as dhaabatanii jiran keessaa, kaan utuu hin du'in, mootummaan Waaqayyoo humnaan dhufee arguuf jiru" jedhe.

Yasuus Ulfina Isaa Mul'isuu Isaa

2 Guyyaa ja'a booddees, Yasuus Phexrosii fi Yaapobin Yohannisinis fudhatee, of gara gaara dheeraa tok­kootti kophaatti isaan baase; inni bifa ulfina isaatiin isaanitti mul'ate.3 Uffanni isaas miiccituun lafa irraa akkas calaqsiisuu akka hin dandee­nyetti adii calaqqisaa ta'e. 4 Eliyaasii fi Museen achitti isaanitti mul'atanii, Yasuusii wajjin dubbachaa turan. 5 Phexros gidduutti, "Yaa barsiisaa! Asitti arga­muun keenya attam gaarii dha! Kottaa asitti godoo sadii, tokko siif, tokko Museedhaaf, tokkos Eliyaasiif in ijaar­raa" jedhee Yasuusitti dubbate. 6 Bar­toonni sun baay'ee sodaatanii waan turaniif, inni maal akka dubbatu hin beeku ture. 7 Yommus duumessi dhufee hunduma isaaniitti uffise; sagaleenis duumessicha keessaa dubbatee, "Kun ilma koo isa ani jaalladhu, isa dha­ga'aa!" jedhe. 8Bartoonni battaluma sana naannoo isaanii yommuu ilaalan Yasuusin duwwaa of biratti argan ma-lee, deebi'anii nama tokko iyyuu achitti hin argine.

9 Isaan gaaricha irraa utuu gad bu'uutti jiranii Yasuus, "Ani ilmi namaa du'ee warra du'an keessaa utuun hin ka'in, waan argitan nama tokkotti iy­yuu hin himinaa!" jedhee bartoota isaa abboome. 10 Isaan immoo dubbii isaa fudhatanii, "Warra du'an keessaa ka'uun maal inni?" jedhanii wal gag­gaafatan. 11 Achumaanis, "Maaliif bar­siisonni seeraa, `Eliyaas dura dhufuutu ta'a' jedhu?" jedhanii Yasuusin gaafa­tan. 12 Yasuus deebisee, "Waan hundu­maa iddootti deebisuudhaaf Eliyaas duraan dursee in dhufa illeetii, has ta'u iyyuu malee, ilmi namaa baay'ee dhi­phachuuf jira, tuffatamuufis jira, je­dhamee waa'ee kootiif attamitti caafa­me ree? 13 Ani garuu isinittan hima, Eliyaas dhufeera; akkuma waa'ee isaa­tiif caafamee jiruttis, jarreen tokko waanuma jaallatan isa irratti raawwa­tan" isaaniin jedhe.

 

Yasuus Gurbaa Hafuura Hamaatiin Qabame Fayyisuu Isaa

14 Isaan gara bartoota warra kaanii yommuu dhufan, namoonni baay'een isaanitti naanna'anii, barsiisonni see­raa tokkos isaanitti utuu falmanii ar­gan. 15 Namoonni hundinuu akkuma Yasuusin arganiin raajeffatanii, gara isaatti fiiganii nagaa gaafatan. 16 Inni immoo, "Maal isaanitti falmitu?" je­dhee isaan gaafate. 17 Yommus tuuta sana keessaa namni tokko deebiseefii, "Barsiisa! Ilma koo isa hafuura didaa­dhaan qabame gara keetti fideera. 18 Hafuurichis iddoodhuma isa qabutti lafaan isa dha'a; gurbichi immoo hoo­macha afaaniin in yaasa, ilkaan in qara, dhagni isaas qaratti in goga. Ani illee akka isaan hafuuricha baasaniif bartoo­ta kee gaafadheera; isaan garuu isa baasuu hin dandeenye" jedhe. 19Yasuus deebisee, "Isin yaa dhaloota hin aman­nee nana, hamma yoomiittan isin bira jiraadha? Hamma yoomiittis ba'aa anatti taatu? Gara kootti isa fidaa!" isaaniin jedhe.

 

20 Yommus isaan gurbicha gara Yasuusitti fidan. Hafuurichi immoo Yasuusin yommuu arge, gurbicha wixxifachiisee lafaan dha'ee, gangalachiisees hooma­cha afaaniin baase. 21 Yasuus, "Kun isa qabuun isaa erga yoomiitii?" jedhee abbaa gurbichaa gaafate. Inni immoo deebisee, "Mucummaa isaatii jalqabe. 22 Yeroo baay'ees isa balleessuudhaaf jedhee ibidda keessa, bishaan keessas buuseera; garuu waan tokko gochuu yoo dandeesse, nuuf oo'ii nu gargaari!" jedhe. 23 Yommus Yasuus, "Yoo dan­deesse jettee? Nama amanuuf wanti hundinuu in danda'ama" jedheen. 24Achumaan abbaan mucichaa sagalee isaa of fudhatee, "Nan amana, amantidhabina kootti na gargaari!" jedheen. 25 Yasuus immoo namoonni akka itti dacha'an argee, hafuuricha hamaa[7] sana ifatee, "Ati hafuura didaadhaa fi duudaa nana! Sin abbooma, isa keessaa ba'i deebites itti hin galin!" ittiin jedhe. 26 Hafuurichi mucicha iyyisiisee baay'ees erga wixxifachiisee booddee keessaa in ba'e; yommus gurbichi akka nama du'ee taanaan, namoonni baay'een "Du'eera" jedhan. 27 Yasuus garuu harka gurbichaa qabee lafaa ol isa kaase, innis in ka'e. 28 Yasuus erga manatti ol galee booddee, bartoonni isaa kophaatti, "Nuyi maaliif hafuuricha ha­maa sana baasuu hin dandeenye?" je­dhanii isa gaafatan. 28 Inni immoo dee­bisee, "Inni akkasii kun kadhataan, [soomuudhaanis] malee, waan biraatiin baafamuu hin danda'u" isaaniin jedhe.

Yasuus Ammas Waa'ee Du'a Isaatii Fi Du'aa Ka'uu Isaa Dubbachuu Isaa

30 Ergasii isaan achii adeemanii kutaa biyya Galiilaa keessa darban; Yasuus immoo namni tokko illee kana akka beeku hin barbaanne. 31 Inni, "Ilmi namaa harka namootaatti dabar­famee in kennama, isaan isa in ajjeesu; inni garuu ajjeefamee guyyaa sadii booddee in ka'a" jedhee bartoota isaa barsiisaa ture. 32 Bartoonni garuu dubbii isaa hin hubanne, isa gaafa­chuus in sodaatan.

Inni Caalu Eenyu?

33 Kana booddee isaan Qifirnaa­horn in dhaqan. Erga mana ga'ee immoo Yasuus, "Karaa irratti maal walii wajjin dudubbachaa turtan?" je­dhee isaan gaafate. 34 Isaan garuu, eenyutu caalinna laata, jedhanii karaa irratti walii wajjin dudubbachaa waan turaniif, calluma jedhan. 38 Inni erga taa'ee, warra kudha lamaan ofitti waa­mee, "Namni dura ta'uu barbaadu nama hundumaa booddee ta'uutu irra jira, nama hundumaafis hojjechuutu irra jira" jedhe. 36 Yeroo sanatti inni mucaa tokko ofitti waamee, isaan dura dhaabachiisee ofitti qabee ammatees; bartoota isaatiin immoo, 31 "Mucaa akkasii tokko aqaa kootiin kan simu ana sima, kan na simu immoo isa na erge in sima malee, ana simuu isaa miti" jedhe.

 

Namni Nuun HinMormine Gara Keenya

38 Yohannis yommus Yasuusiin, "Yaa barsiisaa, namni tokko utuu inni maqaa keetiin hafuura hamaa baasuu arginee, waan inni nu duukaa hin bu'iniif isa dhowwine" jedhe. 39 Yasuus garuu, "Isa hin dhowwinaa, namni maqaa kootiin hojii aangoo hojjetee, dafee immoo waa'ee koo hamaa dubbachuu danda'u hin jiru'o. 40 Namni nuun hin mormine gara keenya ta' a. 41 Ani dhuguman isinitti hima, isin kan Kiristoos waan taataniif namni bishaan dhugaatii willee tokko isinii kenne gatii isaa hin dhabu" jedhe.

 

Qorama Irraa Of Eeggachiisuu Isaa

42 Yasuus itti fufee, "Eenyu illee warra xixinnaa anatti amanan kana keessaa tokko gufachiisuu irra, dhagaan daakuu guddaan morma isaatti hidha­mee galaana keessatti utuu darbatamee isaa wayya ture. 43 Harki kee yoo si gufachiise of irraa muri; harka lachuu qabaattee gara qilillee ibidda hin dhaamnee dhaquu kee mannaa, harku­ma tokko qabaattee jireenyatti galuu siif wayya. 44Qilillee sana keessaa raammoon nama nyaatu hin du'u, ibiddi isaas hin dhaamu.] 45 Miilli kee yoo si gufachiise of irraa muri; miilla lachuu qabaattee qililleetti darbatamuu kee mannaa, miilla tokko qabaattee jiree­nyatti galuu siif wayya. [46 Qilillee sana keessaa raammoon nama nyaatu du'u, ibiddi isaas hin dhaamu.] 47Iji kee yoo si gufachiise of keessaa baasi; ija lachuu qabaattee qililleetti darbatamuu kee mannaa, ija tokko qabaattee moo­tummaa Waaqayyootti galuu siif way­ya. 48 Qilillee sana keessaa raammoon nama nyaatu hin du'u ibiddi isaas hin dhaamu.

 

49 "Hundumtinuu ibiddaan in mi­yaa'a [qalmis soogiddaan miyeeffa­ma]. 50 Soogiddi waan ba'eessa, soo­giddi garuu miyaa yoo of keessaa dhabe, maaliin deebiftanii isa miyees­situ ree? Soogidda of keessaa qabaa­dhaa, walii keessaniifis nagaa qabaa­dhaa! " jedhe.

 

                                   Boqonnaa 10

Gaaffii Wal Hiikuu HaadhaManaa Fi Abbaa Manaa

1 Yasuus iddoo sanaa ka'ee gara kutaa biyya Yihudaa fi gama Yordaanos dhaqe. Namoonni ammoo gara isaatti dachaanaan, akkuma amala isaatii inni isaan barsiise. 2 Yommus warri Fariisotaa dhufanii isa qoruu­dhaaf, "Namni tokko haadha manaa isaa baasuun seeraa?" jedhanii gaafa­tan. 3Inni immoo deebisee, "Museen maal isin abboome?" isaaniin jedhe. 4Yommus isaan, "Museenoo `Caaffata ittiin ishee hiiku kenneefii yoo hiike in ta'a' jedheera" jedhan. 5 Yasuus garuu, "Sababii mata-jabina keessaniif inni abboommii kana isiniif caafe. 6 Jalqaba uumamaatti garuu, `Waaqayyo dhiira, dubartiis in uume;' 7 `Sababii kanaaf dhiirri abbaa isaa fi haadha isaa in dhiisa [haadha manaa isaattis in max­xana] 8 isaan lachanuus foon tokko in ta'u.' Egaa isaan lama miti, foon tokko malee. 9Kanaafis waan Waaqayyo walitti qabsiise, namni gargar hin baa­sin!" isaaniin jedhe.

 

10 Mana keessatti immoo bartoonni waa'ee dubbii kanaa isa gaafatan. "Inni immoo, "Eenyu illee haadha manaa isaa baasee kan biraa yoo fuu­dhe, ejjee, isheetti yakkeera; 12 ishee­nis abbaa manaa ishee hiiktee kan biraatti yoo heerumte, in ejjiti" isaa­niin jedhe.

Yasuus Mucoolii Eebbisuu Isaa

13 Yasuus harka isaa akka isaan irra kaa'uuf namoonni tokko mucoolii gara isaatti in fidan; bartoonni immoo ifata­nii isaan dhowwan. 14Yasuus garuu yommuu kana arge aaree, bartoota isaatiin, "Lakkisaa mucooliin gara koo has dhufan, hin dhowwinaa! Mootum­maan Waaqayyoo warra akkasiitiif ta'a. 15Ani dhuguman isinitti hima, eenyu illee mootummaa Waaqayyoo akka mucaan simatutti kan hin siman­ne, itti hin galu" jedhe. 16Mucooliis ammatee harka isaas mataa isaanii irra kaa'ee isaan eebbises.

Gaaffii Sooressicha Tokkoo

17 Yasuus adeemuudhaaf karaa irra yommuu bu'utti, namichi tokko itti fiigee, fuula isaa durattis jilbeenfatee, "Yaa barsiisaa gaarii! Jireenya bara baraatti galuudhaaf maal gochuutu anaaf ta'a?" jedhee gaafate. 18Yasuus immoo, "Maaliif gaarii naan jetta? Waaqayyo isa tokkicha duwwaa malee, namni gaariin tokko illee hin jiru. 19Abboommiin, ajjeesin, hin ej­jin, hin hatin, sobaan nama irratti dhugaa hin ba'in, gowwoomsaadhaan hin fudhatin, abbaa kee fi haadha keef ulfina kenni!' akka jedhu in beekta" jedheen. 20 Namichi immoo deebisee, "Barsiisa! Kana hundumaa ijoollum­maa kootii jalqabee raawwadheera" jedheen. 21 Yasuus ilaalee isa jaallatee, "Waan tokkotu si duraa hir'ata. Dha­qii, waan qabdu gurgurii, warra dee­gaadhaafis kenni, waaqa irratti badhaadhummaa in qabaatta; isa booddee immoo kottuu ana duukaa bu'i!" je­dheen. 22 Namichi kana yommuu dha­ga'e qabeenya guddaa qaba waan tu­reef, bifni isaa geddaramee, gaddees achii adeeme.

 

23 Yasuus yommus naannoo isaa ilaalee bartoota isaatiin, "Warra qa­beeyyiidhaaf mootummaa Waaqay­yootti galuun attam rakkisaa dha!" jedhe. 24 Bartoonni isaa dubbii isaatti na'anii dinqifatan. Yasuus garuu am­mas, "Ijoollee! [Warri qabeenya isaa­nii amanatan] mootummaa Waaqay­yootti galuun attam dhiphuu dha! 29 Sooressi tokko mootummaa Waaqay­yootti galuu irra, gaalli qaawwa lilmoo keessa ba'uutu salphata" jedhe. 26 Kana irratti isaan gar-malee na'anii dinqifa­tanii, "Egaa eenyutu fayyuu danda'a ree?" jedhaniin. 27 Yasuus immoo gara isaanii ilaalee, "Namootaaf hin dan­da'amu, Waaqayyoof garuu akkas miti; Waaqayyoof wanti hundinuu in dan­da' ama" jedhe.

 

28 Phexros kana irratti, "Kunoo, nuyi hundumaa dhiifnee si duukaa buu­neerra" jedheen. 29 Yasuus immoo deebi­see, "Dhuguman isinitti hima, eenyu illee mana yookiis obboloota yookiis obboleettota yookiis haadha, yookiis abbaa yookiis ijoollee yookiis araddaa anaa fi wangeelaaf jedhee kan dhiise, 30 bara jireenya isaatti ari'atamuudhaan yoo ta'e iyyuu manneen, obboloota, obboleettota, haadhota, ijoollota, arad­daas dachaa dhibba in argata, bara dhufuttis jireenya bara baraatti in gala. 31 Garuu baay'een warra dura jiran keessaa warra hundumaa booddee kan ta'an jiru, warra hundumaa booddee jiran keessaas warra duraa kan ta'an jiru" jedhe.

Yasuus Si'a Sadaffaa Waa'ee Du'a Isaatii Fi Waa'ee Du'aa Ka'uu Isaa Dubbachuu Isaa

32 Isaan gara Yerusaalem dhaquu­dhaaf karaa irra yommuu bu'an, Yasuus isaan dura in adeema ture. Bartoonni na'anii dinqifachaa, warri isaan duukaa bu'anis sodaachaa in adeemu turan. Inni immoo warra kudha lamaan am­mas kophaatti fuudhee, waan isatti dhufuudhaaf jiru isaanitti himuutti ka'e; 33 "Kunoo, gara Yerusaalemitti of ba'uu keenya! Ilmi namaa luboota warra angafootaatti, barsiisota see­raattis dabarfamee in kennama; isaan immoo yakka du'aa itti muranii, saba Waaqayyoo warra hin ta'initti dabarsa­nii isa in kennu; 34 jarri itti in ga'isu, itti in tufu, in reebu, in ajjeesus; inni immoo guyyaa sadii booddee du'aa in ka'a" jedhe.

Gaaffii Ilmaan Zabdewos

35 Yaaqoobii fi Yohannis ilmaan Zabdewos gara Yasuusitti dhi'aatanii, "Barsiisa! Waan nuyi si kadhannu akka nuuf gootu in barbaanna" jedhaniin. 36 Inni immoo, "Maal akkan isiniif godhu barbaaddu?" isaaniin jedhe. 37 Yommus isaan deebisanii, "Ulfina keetti abbaan tokko gara mirga kee inni kaan immoo gara bitaa kee akka teenyu nuuf kenni!" jedhaniin. 38 Yasuus ga­ruu, "Waan kadhattan hin beektan! Xoofoo dhiphinaa ani keessaa dhuguuf jedhu keessaa dhuguu in dandeessuu? Cuuphaa ani ittiin cuuphamuuf jedhus cuuphamuu in dandeessuu?" isaaniin jedhe. 39 Isaan immoo, "In dandee­nya" jedhaniin. Yasuus garuu, "Xoofoo ani keessaa dhuguuf jedhu keessaa dhuguuf jirtu, cuuphaa ani ittiin cuu­phamus cuuphamuuf jirtu. 40 Mirga koo yookiis bitaa koo taa'uu garuu kennuun kan koo miti; taa'umsi sun warra kanaan dura qopheeffameefiif ta'a" isaaniin jedhe.

41 Bartoonni warri kaan kurnan yommuu kana dhaga'an, Yaaqoobii fi Yohannisitti aaruutti ka'an. 42 Yasuus yommus gara isaatti isaan waamee, "Warri saba biyya lafa kanaa abboo­muutti beekaman, gooftummaadhaan akka isaan seerratan isin iyyuu in beektu; gurguddoonni isaaniis aboo isaanii isaan irratti argisiisu. 43 Isin gidduutti garuu akkas hin ta'u; eenyu illee isin keessatti guddaa ta'uu kan barbaadu, hojjetaa keessan ta'uutu isa irra jira. 44 Eenyu illee isin keessaa dura ta'uu kan barbaadu, hundumaaf garbicha ta'uutu isa irra jira. 4511mi namaa hojjechiifachuudhaaf hin dhuf­ne, namootaaf hojjechuu fi lubbuu isaa

furii namoota baay'eetiif kennuuf dhu­fe malee" jedhe.

Yasuus Barxiimewos Isa Jaamaa Fayyisuu Isaa

46 Ergasii isaan Yerikoo dhufan. Yeroo Yasuus bartoota isaatii fi tuuta sonaan baay'ee wajjin Yerikoodhaa ba'ee adeemuuf jedhetti, Barxiimewos ilmi Ximeewos, namichi jaamaan tok­ko, karaa bukkee taa'ee in kadhata ture. 47Yasuus nama biyya Naazireet ta'uu isaa yommuu dhaga'e, iyyee, "Yasuus! Ilma Daawit na maari!" jedhe. 48Namoonni  baay'een calluma jechisii­suudhaaf isa ifatan; inni garuu ittuma caalchisee iyyee, "Ilma Daawit, na maari!" jedhe. 48 Yasuus yommus dhaa­batee, "Waamaa!" jedhe. Isaan immoo namicha jaamaa sana waamanii, "Ja­baadhu, ka'i! Si waama!" jedhaniin. 50Kanaaf inni wayyaa isaa of irraa darbatee, utaalee ka'ee, gara Yasuus dhufe. 51 Yasuusis, "Maal akkan siif godhu barbaadda?" jedheen. Namichi inni jaamaan immoo deebisee, "Agar­tuu koo akka anaaf deebiftu, yaa bar­siisaa!" jedheen. 52Yasuus immoo, "Karaa kee dhaqi, amantiin kee si fayyiseera!" jedhe. Achumaanis agar­tuun isaa deebi'eefii, karaattis isa duu­kaa bu'e.

                                   Boqonnaa 11

Yasuus Milikkita Ulfinaan Yerusaalemitti Galuu Isaa

1 Isaan Yerusaalemitti galuudhaaf Betfaageedhaa fi Bitaaniyaatti, gaara ejersaattis yommuu dhi'aatan, Yasuus bartoota isaa keessaa lama ergee, 2"Ganda fuullee keessan jiru sana dhaqaa, achumaanis akkuma gandichatti galtaniin ilmoo  harree [yaabbii] hidhamee jiru, homtinuu takkaa kan hin yaabin in argitu, hiikaatii fidaa. 3 Namni, `Maaliif kana gootu?' yoo isiniin jedhe, `Gooftaatu dhimma isaa qaba, inni utuu hin turin iddoodhu ma kanatti in deebisa' ittiin jedhaa!" isaaniin jedhe.

4 Bartoonni yommus dhaqanii iimoo harree [yaabbii] karratti hidhame, karaa irratti argatanii hiikan. 5 Warra achi dhaabatan keessaa immoo jarri tokko, "Maal gootu ilmoo harree kana hiiktu?" isaaniin jedhan. 6Bartoonni immoo isa Yasuus jedhe isaanitti him­naan, jarri isaan dhiisan. 7 Ilmoo harree sanas Yasuusiif fidanii, uffata isaanii irra buusan; innis irra taa'e. 8 Namoon­ni baay'een uffata isaanii, warri biraa immoo damee baala-qabeessa bakkee­dhaa kukkutanii karaa inni irra darbu irra afan. 9Warri dura adeemanii fi warri duukaa bu'an sagalee isaanii ol fudhatanii, "Hosaa'inaa! Inni maqaa Waaqayyo gooftaatiindhufu galateeffamaa dha. 10 Mootummaan Daawit abaabilii keenyaa inni dhufu galateeffamaa dha! Hosaa'inaa ol waama gubbaatti" jedhan.

 11 Yasuus Yerusaalemitti mana qul­qullummaatti galee waan hundumaa ilaale; galgalaa'uus jalqabnaan bartoo­ta kudha lamaanii wajjin gara Bitaani­yaatti ba'e.

 Yasuus Harbuu Tokko Irraa Ija Dhabuu Isaa

12 Borumtaas isaan Bitaaniyaa­dhaa yommuu ba'an Yasuus in beela'e. 13Muka harbuu baala qabu tokkos fagootti argee, ija irraa argadha laa­taa? jedhee dhaqe. Inni mukicha bira ga'ee baala malee waanuma tokko irraa dhabe; yeroon isaa yeroo harbuun ija itti godhatu hin turre. 14Yasuus yommus mukichaan, "Homtinuu dee­bi'ee ija si irraa hin nyaatin bara baraan" jedhe; bartoonni isaas kana jechuu isaa dhaga'an.

 Yasuus Mana Qulqullummaa Keessaa Warra BiteeGurguru Oofuu Isaa

15 Isaan Yerusaalemin in ga'an; Yasuus yommus mana qulqullummaatti galee warra mana qulqullummaa kees­satti bitanii fi warra gurguran gad baasuutti ka'e, gabatoota warra horii callaa gegeddaraniitii fi taa'umsa war­ra gugee gurguranii gad garagalche. 16 Homtinuu mi'a baatee mana qulqul­lummaa keessa ba'ee akka adeemuuf karaa hin laanneef. 17 Yasuus isaan bar­siisee, "`Manni koo saba hundumaatiif mana kadhataa jedhamee in waamama' kan jedhu hin caafamnee ree? Isin garuu holqa hattuu isa godhattan" isaa­niin jedhe.

 18 Luboonni warri angafoonnii fi barsiisonni seeraas waa'ee dubbii ka­naa dhaga'anii, karaa ittiin isa ballees­san barbaadan; barsiifni isaa garaa namoota hundumaa rukutee waan tu­reef, isa in sodaatu turan. 19 Yommuu galgalaa'es Yasuusii fi bartoonni isaa mandaricha keessaa ba'an[8].

 Yesuus Goguu Harbuu Sanaatiin Qabee Barsiisuu Isaa

20 Ganama obboroodhaan utuu dar­banii harbuun sun hundeedhumaan ak­ka goge argan. 21Phexros yommus waan ta'e yaadatee, "Barsiisa! Ilaa harbuun ati abaarte gogeera" jedhe. 22 Yasuus immoo deebisee, "Waaqay­yotti amantii qabaadhaa! 23 Dhuguman isiniin jedha, namni garaa isaatti utuu hin mamin gaara kanaan, '01 kaafami, galaanattis darbatami!' jedhe, waan in­ni jedhus akka ta'uuf yoo amane, in ta'aaf. 24 Kanaaf isinittan hima; waan kadhattan waan gaafattanis hundumaa akka waan fudhataniitti lakkaa'aa ama­naa, isiniif ta'uufis jira! 25 Kadhachuuf yommuu dhaabattan, abbaan keessan inni waaqa irraa yakka keessan akka isiniif dhiisutti, namni tokko waa isi­nitti yakkee yaada keessan miidheera yoo ta'e dhiisaaf! [26 Isin yoo dhiisuudhaabaattan garuu abbaan keessan inni waaqa irraas yakka keessan isiniif hin dhiisu]" jedhe.

Gaaffii Waa'ee Gooftummaa Yasuusiif Dhi'aate

27 Isaan ammas Yerusaalem dha­qan; Yasuus mana qulqullummaa keessa utuu deddeebi'uu, luboonni warri an­gafoonnii fi barsiisonni seeraa maan­guddoonnis gara isaa dhufan. 28 Yasuusiin, "Gooftummaa maaliitiin kana hundumaa goota? Yookiis kana hundu­maa akka gootuuf eenyutu gooftummaa kana siif kenne?" jedhan. 29 Yasuus immoo deebisee, "Ani dubbii tokkon isin gaafadha, anaaf deebisaa! Anis gooftummaa maaliitiin kana hundumaa akkan godhu isinitti nan hima. 30Cuu­phaan Yohannis cuuphe Waaqayyo bi­raa moo, nama biraa abboomame? Anaaf deebisaa!" isaaniin jedhe. 31 Isaan yommus walitti dudubbatanii, "`Waaqayyo biraa' yoo jenne, 'Yoos immoo maaliif dubbii isaa hin amanin ree?' nuun jedha; 32 egaa attamitti, `Nama biraa abboomame' jenna ree?" jedhan. Namoonni hundinuu Yohanni­sin raajiitti waan fudhataniif tuuta ja­raa in sodaatu turan. 33 Kanaaf, "Nuyi hin beeknu" jedhanii Yasuusiif deebi­san. Yasuus immoo, "Egaa anis kana hundumaa gooftummaa maaliitiin ak­kan godhu isinitti hin himu" isaaniin jedhe.

 

                                 Boqonnaa 12

 

Fakkeenya Warra Muka Waynii Akka Eeganiif Itti Kennamee

1Yasuus fakkeenyaan isaanitti dubbachuutti ka'e; "Namni tokko mukkeetii waynii baay'ee lafa isaa irra dhaabe. Naannoo isaatti dallaa dhagaa ijaaree, boolla isa keessatti ija isaa cuunfan qotee, siree irra taa'anii eegan ijaare. Namoota hojjetanii eeganii, isaa wajjin ija isaa irraa hirmaatanitti kenna­tee, biyya tokko dhaqe. 2Yeroon isaa yommuu ga'e, ija mukkeetii waynichaa irraa waa biraa argachuudhaaf hojjetaa isaa gara warra waynicha eeganiitti erge. 3lsaan garuu hojjeticha qabanii, reebanii harka isaa duwwaa isa gad dhiisan. 4Ammas hojjetaa kan biraa isaanitti erge; isaan immoo mataa isaa mammadeessanii, isa salphisan. 5Am­mas kan biraa itti erge, isa immoo in ajjeesan. Akkanumas kan biraa baay'ee itti erginaan, kaan reebanii, kaan immoo ajjeesan. 6Amma illee nama tokko qaba ture, innis ilma isaa isa jaallatamaa dha. Dhuma irratti, 'lima koo safeeffachuuf jiru' jedhee, isa gara isaaniitti erge. 7Warri waynicha eegan sun garuu, `Isa kana abbaa waynichaa kan dhaalu, kot­taa isa in ajjeefnaa, dhaalli isaas nuuf in ta'a!' waliin jedhan. 8Akkasitti butanii, isa ajjeesanii, reeffa isaa dhaabaa way­nichaa keessaa gad baasanii gatan.

 

9 "Abbaan waynichaa maal godha laata ree? In dhufa, warra eegduu in balleessa, waynicha immoo kan biraatti in kennata.10 Isin caaffata qulqullaa'aa keessaa hin dubbifnee ree? `Dhagichi, mana ijaartuun tuffatan, inni dhagaa mataa goleeqajeelchu ta'e; 11 kun gocha gooftaa ti, ija keenyattis dinqii dha' kan jedhu caafameera" jedhe. 12Yommus fakkeenya kana waa'ee isaaniitiif akka dubbate waan baraniif, Yasuusin qabuu yaalan; garuu tuuta sana sodaatanii, isa dhiisanii adeeman.

Gaaffii Waa'ee Mootii Gabbaruu

13 Waan inni dubbatuun isa qabuu­dhaaf jedhanii warra Fariisotaa fi garee Herodis keessaa jara tokko Yasuusitti ergan. 14 Warn ergaman dhufanii, "Yaa barsiisaa! Ati dhuga-qabeessa akka taate nuyi in beekna, nama tokko illees hin sodaattu, karaa Waaqayyoo dhugaadhaan barsiifta malee, nama wal hin caalchiftu. Egaa mootii warra Roo­maaf gibira baasuun seera moo seera miti? Gibira baafnuufi moo dhiifnu?" jedhaniin. 18 Inni garuu of arguu dhabi­na isaanii baree, "Maaliif na qortu? Horii ittiin bittanii gurgurtan tokko naa fidaa, nan ilaalaa!" ittiin jedhe. 16 Isaan yommus tokko itti fidan; inni immoo, "Kun bifa eenyuu ti? Caaffata eenyuu tis?" jennaan, isaan immoo, "Kan mootii Roomaa ti" ittiin jedhan. 17 Ka­naaf Yasuus, "Yoos immoo mootichaaf, kan fudhachuun isaaf ta'u kennaa, Waaqayyoofis kan fudhachuun isaaf ta'u kennaa!" isaaniin jedhe; kana irratti isaan isa raajeffatan.

Gaaffii Waa'ee Du'aa Ka'uu

18 Ergasii Saduqoonni warn du'aa ka'uun hin jiru jedhan gara Yasuus dhufanii, gaaffii isa gaafatan. 19 "Yaa barsiisaa! `Namni tokko niitii fuudhee dhala utuu hin godhatin ishee irraa yoo du'e, obboleessi isaa niitii sana fuu­dhee sanyii obboleessa isaatiif has dhaabu!' jedhee, Museen seera kees­satti nuuf caafeera. 20 Obboloota tor­batu turan; inni angafni niitii fuudhe; yeroo du'e garuu dhala hin godhanne. 21Inni lammaffaanis ishee fuudhee, utuu dhala hin godhatin du'e; inni sadaffaanis akkasuma ishee fuudhee irraa du'e. 22lsaan torbanuus dhala hin godhanne; hundumaa booddee immoo dubartittiin in duute. 23lsaan torbanuu niitummaatti ishee fuudhaniiru'otii, guyyaa warri du'an ka'anitti isaan keessaa isa kamiif haadha manaa ta'uuf jirti ree?" jedhan.

 

24 Yasuus deebisee, "Akkas dubba­chuu keessaniin irraa kaattaniittu; kunis caaffata qulqullaa'aa yookiis humna Waaqayyoo isa isin hin beekne kanaaf, mitii ree? 28 Yeroo du'aa ka'anitti akka ergamoota Waaqayyoo warra waaqa keessaa in ta'u malee, hin fuudhan, hin heerumanis. 26 Waa'ee warri du'an kaa­famuu garuu macaafa Musee keessaa hin dubbifne moo ree? Inni waa'ee daggala boba'uu yommuu dubbate, Waaqayyo Museedhaan maal akka je­dhe in hima, `Ani Waaqayyo isa kan Abrahaam, Waaqayyo isa kan Yisihaq, Waaqayyo isa kan Yaaqoobis' jedhe. 27 Inni Waaqayyo warra du'anii miti, Waaqayyo warra jiraatanii ti malee; kanaaf baay'ee irraa kaattaniittu" isaa­niin jedhe.

Abboommii Keessaa Isa Caalu

28 Barsiisota seeraa keessaa tokko yeroo isaan waliin morkatan dhaga'ee, Yasuus deebii gaarii akka deebiseef yom­muu arge gara isaatti dhi'aatee, "Ab­boommiin inni hundumaa irra caalu isa kam?" jedhee, gaaffii isa gaafate. 29Yasuus deebisee, "Inni hundumaa irra caalu, `Dhaga'i, yaa Israa'el! Gooftichi Waa­qayyo keenya kophaa isaa gooftaa dha. 30Atis Waaqayyo kee goofticha garaa kee guutuudhaan, jireenya kee guutuu­dhaan, yaada kee guutuudhaan, humna kee guutuudhaanis jaallachuutu siif ta'a'! 31 Inni lammaffaan immoo `Na­ma, akka mataa keetiitti jaallachuutu siif ta'a'! isa jedhuu dha. Abboommiin isaan kana irra caalu kan biraa hin jiru" jedhe. 32Barsiisichi seeraa sun immoo, "Ba'eessa dubbatte yaa barsiisaa! `Inni tokkicha, isa malee kan biraa hin jiru' isa jette dhugaa dubbatte. 33Isas garaa guutuudhaan, qalbii guutuudhaan, hum­na guutuudhaanis jaallachuun, nama ak­ka mataa ofiitti jaallachuun, guutummaa qalma gubamuu fi aarsaa hundumaa irra guddaa in caala" jedheen. 34 Ogummaa­dhaan akka inni deebiseef yommuu ar­ges Yasuus, "Ati mootummaa Waaqay­yoottii fagoo miti" ittiin jedhe. Kana booddees namni tokko illee gaaffii isa gaafachuudhaaf ija hin jabaanne.

29-30 Kes 6:4-5; 31 Lew 19:18; Rom 13:9; Gal 5:14; Yaq 2:8; 32 Kes 4:35; 33 1Sam 15:22; Hos 6:6;  34 Mat 22:46; Lug 20:40

Gaaffii Waa'ee Kiristoos Isa Abdachiifamee
(Mat 22:41-46; Luq 20:41-44)

35 Mana qulqullummaa keessattis utuu barsiisuu Yasuus, "Attamitti bar­siisonni seeraa `Masiihiin ilma Daa­wit' jechuu danda'u? 36 Daawit ofii isaatii immoo hafuura qulqulluudhaan geggeeffamee,

`Gooftichi gooftaa kootiin, diinota kee miillan kee jala

hamma ani siif kaa'utti
gara mirga koo taa'i! jedheera' jedhe.

Egaa Daawit ofii isaatii `Gooftaa koo' jedhee erga isa waamee, attamitti immoo ilma isaa ta'a ree?" jedhe. Yommus tuuti sonaan baay'een gam­machuudhaan isa in dhaggeeffatu turan.

Yasuus Barsiisota Seeraattii Of Eeggachiisuu Isaa

38 Barsiisa isaa keessatti immoo Yasuus, "Barsiisota seeraa warra way­yaa dhedheeraa uffatanii lafaan haraa naanna'an, gabaa keessattis namoonni gugguufanii akka nagaa isaan gaafatan jaallatan, 39 akkasumas mana sagadaa keessaa taa'umsa olaanu, lafa ci­dhaattis iddoo ulfinaa warra fo'atan irraa of eeggadhaa! 40 1saan kun warra fucha eeggatanii bultoo haadha hiy­yeessaa duraa fixanii, fakkeessaadhaaf immoo kadhata isaanii dheeressanii dha. Egaa isaan kanatti yakka caalaatu itti murama" jedhe.

Yasuus Buusii Haadha Hiyyeessaa Tokko Arguu Isaa

41 Al tokko Yasuus fuullee qodaa buusii taa'ee, yeroo namoonni horii qodaa buusii sana keessa buusan in ilaala ture; namoonni warri badhaa­dhonni baay'een horii baay'ee keessa buusan. 42 Haati hiyyeessaa tokkos dhuftee, horii sibiilaa diddiimtuu kan akka saantiima lamaa qodicha keessa buufte. 43 Yommus inni bartoota isaa ofitti waamee, "Dhuguman isinitti hima! Haati hiyyeessaa kun warra qodaa buusii sana keessa horii buusanhundumaa caalaa buufteetti. 44 Isaan kun hundinuu bultoo isaanii irraa hafee kan kaa'atan keessaa qodaa buusii keessa buusan; isheen kun ga­ruu danuu hiyyuma ishee keessaa, bultoo isheetiif waan qabdu hundu­maa qodicha keessa buufte" jedhe.

 

                                 Boqonnaa 13

 

Yasuus Waa'ee Diigamuu Mana Qulqullummaa Dubbachuu Isaa

 1 Akkuma Yasuus mana qulqul­lummaa keessaa ba'een, bar­toota isaa keessaa inni tokko, "Barsii­sa, mee dhagaa gurguddaa kana, ijaarsa babba'eessa kanas ilaali!" ittiin jedhe. 2Yasuus deebisee, "Ijaarsa gurguddaa kana ilaaltaa? Iddoo kanatti dhagaan in diigama malee, tokko illee wal irratti hin hafu" jedheen.

2 Luq 19:44

Yasuus Waa'ee Rakkinaa FiAri'atamuu Dhufuuf Jiruu Dubbachuu Isaa

3 Yasuus gaara ejersaa gubbaa gara mana qulqullummaatti garagalee utuu taa'uu, Phexros, Yaaqoob, Yohannisii fi Indriiyaas kophaatti isa gaafatan, 4"Nutti himi, kun yoom ta'a? Wanti kun hundinuu yommuu raawwata­muuf jedhu immoo milikkinni isaa maali?" jedhan. 5 Yasuus immoo, "Homtinuu akka isin hin wallaalchif­netti akeekkadhaa! 6 Baay'een, `Ani Kiristoos' jechaa maqaa kootiin in dhu­fu, namoota baay'ees in wallaalchisu. 7Lolaa fi oduu lolaa yommuu dha­geessan hin na'inaa, kan akkasii kun ta'uun irra jira; kun garuu amma illee dhuma isaa miti. 8 Sabni saba irratti mootummaanis mootummaa irratti in ka'a; socho'i lafaa iddoo adda ad­daatti, beellis in ta'a; wanti kun garuu jalqaba ciniinsuu ti.

 

9 "Garuu of eeggadhaa, isaanoo yaa'ii garaa garaatti dabarsanii isin in kennu, manneen sagadaa keessattis in reebamtu, anaaf jettanii fuula abboota biyyaa, fuula moototaa duras in dhaa­battu; kunis dhugaa isaanitti in ba'a. 10Duraan dursee wangeelli saba hun­dumaatti lallabamuun in ta'a. 11 Isaan dabarsanii isin kennuudhaaf yommuu isin geessan, isa dubbachuuf jirtaniif dura hin yaadda'inaa! Waanuma ye­roo sanatti isiniif kennamu dubbadhaa malee; isintu dubbata miti'o, hafuura qulqulluutu dubbata malee. 12 yom_ mus obboleessi obboleessa du'atti da­barsee in kenna, abbaanis mucaa isaa, ijoollonnis warra isaanii irratti ka'anii isaan in ajjeesisu. 13 Anaaf jettanii hundumaa biratti kan jibbamtan in taatu; namni hamma dhumaatti jabaa­tee dhaabatu garuu in fayya" isaaniin jedhe.

 

Yasuus Milikkita Garaa Garaa Kennee Of Eeggachiisuu Isaa

14 Yasuus itti fufee, "Inni jibbisii­saan iddoo qullaa'aa xureessu sun, iddoo isaaf hin malle dhaabachuu isaa yommuu argitan - namni kana dubbisu haa hubatu! - warri Yihudaa jiran gara gaarotaatti haa baqatan! 15 Namni oobdii isaa keessa jiru deebi'ee, waa fudhachuudhaaf manatti of hin lixin. 16 Lafa qotiisaa inni jirus wayyaa isaa fudhachuudhaaf hin galin. 17 Garuu dubartoota ulfaa fi warra hoosisaniif guyyoonni sun attam sodaachisoo dha. 18Haa ta'u iyyuu malee, kun yeroo gannaatti akka hin taaneef ka­dhadhaa! 18Guyyoonni sun guyyoota rakkinaa in ta'u; rakkinni akkasiis erga Waaqayyo biyya lafaa uumee jalqabee hamma ammaatti hin taane, deebi'ees hin ta'u. 20 Waaqayyo gooftaan guyyoota sana utuu gabaab­suu dhaabaatee, namni tokko iyyuu hin fayyu ture; amma garuu namoota fo'amaniif, isaanis warra inni ofiif fo'ateef jedhee, guyyoota sana in ga­baabsa. 21 Yeroo sanatti namni, `Ilaa Masiihiin as jira! Ilaa achi jira!' yoo isiniin jedhe hin amaninaa. 22 Masii­honni sobaatii fi raajonni sobaa ka'a­nii, yoo danda'ame warra Waaqay­yoof fo'aman iyyuu wallaalchisuu­dhaaf, milikkitaa fi dinqii adda addaa in argisiisu. 23 Isin garuu akeekka­dhaa! Ani duraan dursee waan hundu­maa isinitti himeera" jedhe.

 

Yasuus Waa'ee Dhufaatii Ilma Namaa Dubbachuu Isaa

24 Yasuus itti dabalee, "Guyyootu­ma sanatti rakkina kana booddee im­moo biiftuun in dukkanoofti, jiinis ifa ishee hin laattu. 25 Urjoonni waaqa irraa in harca'u, humnoonni bantii waaqaa keessaas in raafamu. 26 yom_ mus ilmi namaa humna guddaadhaan ulfinaanis duummessootaan utuu dhu­fuu in argu. 27 Inni immoo ergamoota waaqa irraa ergee, warra Waaqayyoof fo'aman qixa arfanii, andaara lafaatii, andaara bantii waaqaatiis walitti in qaba" jedhe.

 

Fakkeenya Muka Harbuu

28 Yasuus amma immoo, "Muka harbuu fakkeenya godhadhaatii irraa baraa! Dameen isaa quqquuqee baala yommuu biqilchu, bonni akka dhi'aate in hubattu. 29 Akkasuma isinis immoo, kun hundinuu ta'uu isaa yommuu ar­gitan, akka inni balbalatti dhi'aate beekaa! 30 Dhuguman isinitti hima, wanti kun hundinuu hamma raawwa­tamutti dhaloonni si'anaa kun hin darbu. 31 Waaqnii fi lafti darbuuf jiru; dubbiin koo garuu gonkumaa hin dar­bu" jedhe.

 

Guyyicha Yookiis Yerich a Homtinuu Hin Beeku

32 Yasuus itti fufee, "Guyyicha sa­na yookiis yericha sana garuu abbaa koo duwwaatu beeka malee, erga­moonni waaqa irraa, ilmis, namni tok­ko illees kana hin beekan. 33 Akeek­kadhaa, dammaqaas! Yerichi sun yoom akka ga'u hin beektan. 34 Kun akka nama mana isaa dhiisee, biyya fagoo dhaquudhaaf ka'ee ti. Inni hoj­jetoota isaatiif aboo kennee, tokkon tokkon isaaniitiif hojii hojii isaanii kenne; karra eegduudhaan immoo 'Bin dagatin dammaqi!' jedhee abboome. 35 Egaa dammaqaa! Abbaan manaa yoom akka dhufu, galgala dhufaa fi halkan walakkaa dhufaa, iyya indaan­qoo dhufaa fi ganama dhufaa hin beektan. 36 Yeroo isin quba hin qabaa­tinitti yoo dhufe, utuu isin rafaa jirta­nii akka isin hin argannetti, 37 kanan isiniin jedhus nama hundumaan nan jedha, dammaqaa!" isaaniin jedhe.

 

                              Boqonnaa 14

Maree Yasuus Irratti Mari'atame

1 Ayyaanni Faasiikaa fi, ayyaanni Maxinoo guyyaa lamatti galee ture. Luboonni warn angafoonnii fi barsiisonni seeraa karaa ittiin Yasuusin haxxummaadhaan qabsiisanii ajjee­san in barbaadu turan. 2 Isaan, "Na­moota gidduutti raafamni akka hin kaaneef, kana gochuun yeroo ayyaa­naatti hin ta'u" jedhu turan.

Yasuus Bitaaniyaatti Urgooftuu Dibamuu Isaa

3 Yasuus immoo, Bitaaniyaa mana Simoon isa lamxaa'ee turee keessa nyaataaf taa'ee utuu jiruu, dubartiin tokko urgooftuu dibataa makaa hin qabne baay'ee gati-jabeessas, hidda biqiltuu naardos jedhamu irraa kan hojjetame, shurrubbeetti qabattee dhuf­te; isheen shurrubbee sana cabsitee, urgooftuu sana mataa Yasuus irratti naqxe. 4 Jarreen tokko garuu jibbanii, "Urgooftuun kun maaliif bade? 5Ur­gooftuun kun akka meetii dhibba sadil caalaatti gurguramee, warra hiyyeesso­taaf kennamuu in danda'a ture" waliin jedhan; isheettis in dheekkaman. 6 Yasuus garuu, "Ishee dhiisaa! Maaliif rak­kiftu? Isheen waan gaarii anaaf goote. 7 Warra hiyyeessota, yeroo hundumaa of biratti argattu, yeroodhuma feeta­nittis gaarii gochuufii in dandeessd; ana garuu yeroo hundumaa of biratti hin argattan. a Isheen waan dandeesse hojjetteetti; dhagna koos duraan dursi­tee awwaalaaf dibdeetti. 9 Ani dhugu­man isiniin jedha, biyya lafaa guutum­maatti iddoodhuma wangeelli itti lalla­bametti, wanti isheen goote immoo seenaa isheetiif in dubbatama" jedhe.

 

Yihudaan Yasuusin Dabarsee Kennuudhaaf Walii Galuu Isaa

10 Yommus Yihudaan namni biyya Keriyot, bartoota kudha lamaan kees­saa tokko inni ture, Yasuusin dabarsee itti kennuudhaaf gara luboota warra angafootaa dhaqe. 11 Isaan kana yom­muu dhaga'an gammadanii, horii ken­nuufii abdachiisan; kanaaf Yihudaan dabarsee isa kennuudhaaf fucha in barbaada ture.

 

Qophee Irbaata Faasiikaa

12 Jalqaba ayyaana Maxinootti, na­moonni hoolaa Faasiikaa erga qalanii booddee, bartoonni isaa, "Hoolaa Faa­siikaa akka nyaattuuf eessa dhaqnee akka qopheessinu barbaadda?" jedha­nii Yasuusin gaafatan. 13 Yommus inni bartoota isaa keessaa lama ergee, "Mandarichatti lixaa! Namni okkotee bishaanii baatu tokkos isinitti in dhufa; isa duukaa dhaqaa! 14 Manuma namichi itti galuttis abbaa manaatiin, `Manni keessummaa kan ani bartoota koo waj­jin keessatti irbaata Faasiikaa nyaadhu eessa? siin jedha barsiisaan' ittiin je­dhaa! 19 Namichi yommus mana mana irraa keessaa kutaa bal'aa, mi'a manaa­tiin guutee afame tokko, isinitti in argisiisa. Achitti nuuf qopheessaa!" jedhe. 16Bartoonni sun ka'anii gara mandaraa dhaqan; akkuma inni isaa­nitti himettis argatanii, achitti irbaata Faasiikaa qophee s s an.

 

Isa Dabarsee Isa Kennu

17 Yommuu galgalaa'e Yasuus bar­toota isaa kudha lamaanii wajjin in dhufe. 18Maaddiitti taa' anii nyaachaa utuu jiraniis Yasuus, "Dhuguman isiniin jedha, isin keessaa, inni anaa wajjin nyaachuutti jint tokko, dabarsee na kennuuf jira" jedhe. 19 Isaan yommus gaddanii wal harkaa fuudhaniis, "Anaan jechuu kee miti! Mitii ree?" ittiin jechuu jalqaban. 20Inni immoo, "Warra kudha lamaan keessaa tokko, isa anaa wajjin qodaa ittootti cuupha­tuu dha. 21Ilmi namaa illee akkuma waa'ee isaaf caafametti du'uuf in dha­qa; garuu namicha ilmi namaa harka isaatiin dabarfamee kennamu sanaaf wayyoo! Namichi sun utuu hin dhalan­ne ta'ee in wayyaaf ture" isaaniin jedhe.

Irbaata Qulqulluu Dhaabuu Isaa

22 Utuu nyaachaa jiranii, Yasuus buddeena fuudhee, eebbisee, cabsees bartoota isaatiif kennee, "Fudhadhaa, kun dhagna koo ti!" jedhe. 23 Xoofoos fudhatee Waaqayyoof galata galchee, isaaniif kenne; isaanis hundumtuu xoo­ficha keessaa in dhugan. 24 Inni immoo, "Kun dhiiga koo ti, dhiiga kakuu dhaabate sana cimsuudhaaf namoota baay'eedhaaf dhangala'ee        dha. 25 Hamma guyyaa gaafa ani mootum­maa Waaqayyoo keessatti isa haaraa dhugutti, deebi'ee daadhii wayni­chaattii akkan hin dhugne dhuguman isinitti hima" isaaniin jedhe. 26 Faar­fannaa galataa erga faarfatanii booddee gara gaara ejersaatti of ba'an.

Phexros Ganuuf Akka Jiru Yasuus Duraan Dursee Dubbachuu Isaa

27 Yommus Yasuus, "Hundumti keessan na dhiiftanii baqachuuf jirtu. `Ani tiksee rukutee lafaan nan dha'a, hoolonnis in bittimfamu' jedhamee caa­fameera. 28 Ergan du'aa kaafamee booddee garuu, isin dura Galiilaa nan dhaqa" isaaniin jedhe. 29 Phexros yommus, "Isaan hundinuu si dhiisanii yoo baqatan iyyuu, ani si dhiisee hin baqadhul" ittiin jedhe. 38 Yasuus immoo, "Dhuguman sun jedha, halkanuma ka­na indaanqoon si'a lama utuu hin iyyin, ati si'a sadii na ganta" ittiin jedhe. 31 Inni garuu ittuma cimsee, "Sii wajjin du'uun yoo na irraa barbaadame illee, matumaa si hin ganu" jedhe; isaan hundumtuus akkasuma jedhan.

Yasuus Getesemaaneetti Kadhachuu Isaa

32 Gara iddoo dhaabaa Getesemaa­nee jedhamu tokkoo dhaqanii, Yasuus bartoota isaatiin, "Hamma ani kadha­dhee raawwadhutti as taa'aa!" jedhe. 33 Phexrosin, Yaaqoobin, Yohannisinis ofii wajjin fudhatee, raafamee yaadaan dhiphachuutti ka'e. 34 Isaaniin immoo, "Lubbuun koo hamma du'aatti baay'ee gaddite; isin as turaa, dammaqaas!" jedhe. 35 Xinnoos irraa hiiqee adda isaatiin gombifamee, yoo danda'ame yerottiin kun akka isa bira darbituuf kadhatee, 36 "Yaa abbaa ko wanti hun­dumtuu siif in danda'ama; xoofoo dhi­phinaa kana ana irraa fuudhi! Garuu wanti ati jaallatte has ta'u malee, waan ani jaalladhu miti" jedhe. 37 Dhufees rafanii isaan argee, Phexrosiin, "Si-moon! In raftaa? Sa'aatii tokkittiif illee dammaquu hin dandeenyee? 38 Qora­matti akka hin galleef dammaqaa, ka­dhadhaa! Hafuurri illee dhimmaa dha, foon garuu dadhabaa dha" jedhe. 39 Ammas achi hiiqee kadhatuma isaa duraas kadhate. 40 Deebi'ee dhufees utuu isaan rafanii arge; iji isaanii baay'ee itti ulfaatee ture; maal akka isaaf deebisanis hin beekne. 41 Si'a sadaffaatti dhufee, "Amma iyyuu raf­tanii boqochuutti jirtuu? In ga'a, yeri­chi ga'eera; kunoo, ilmi namaa harka cubbamootaatti kennamuu isaa ti. 42 Ka'aa itti adeemnaa! Kunoo, inni dabarsee na kennu dur dhi'aate" isaa­niM jedhe.

Yasuus Qabamuu Isaa

43 Utuma Yasuus kana dubbachaa jiruu, kunoo, Yihudaan, warra kudha lamaan keessaa tokko, isaan bira ga'e. Isaa wajjinis luboota warra angafoota, barsiisota seeraa fi maanguddoota bi­raa warri ergaman billaadhaa fi bokkuu qabatanii dhufan. 44 Inni dabarsee Yasuusin kennuuf ture sun milikkitaaf, "Inni ani dhungadhu isa, qabaatii, eeg­gachaa fuudhaa sokkaa!" jaraan jedhee ture. 48 Yihudaan akkuma achi ga'een gara Yasuusitti darbee, "Barsiisaa ko!" jedhee isa dhudhungate. 46 Jarri yom­mus hiixatanii Yasuusin qaban. 47 Warra bukkee dhaabatan keessaa immoo tok­ko billaa isaa luqqifatee, garbicha an­gafa lubootaa rukutee, gurra isaa irraa kute. 48 Yasuus immoo, "Akka warra saamtuu qabuudhaaf ba'aniitti, ana qa­buudhaaf billaadhaa fi bokkuudhaan yaatanii? 49 Guyyaa dhufaa darbaa isi­nii wajjin wal argaa, mana qulqullum­maa keessattis barsiisaan ture, isin yommus ana hin qabne; amma garuu wanti caaffanni qulqullaa'oon jedhan raawwatamuun in ta'a" jedhe. 50 Bar­toonni hundinuu immoo isa dhiisanii in baqatan.

 

51 Yeroo sanatti dargaggeessi tok­ko wayyaa quncee talbaa tokko duw­waa dhagna isaatti olbatee, Yasuus duu­kaa dhaqe; jarris isa qabatan. 82 Juni immoo wayyaa sana harkatti dhiisee, qullaa isaa fiigee harkaa ba'e.

Yasuus Yaa'ii Warra Yihudootaa Duratti Dhi'aachuu Isaa

53 Yasuusin gara angafa lubootaatti geessan; luboonni warri angafoonni hundinuu, maanguddoonni, barsiisonni seeraas achitti walitti qabamanii turan. 54 Phexros hamma oobdii mana angafa lubootaatti irraa fagaatee Yasuus duu­kaa adeeme, achitti eegdotaa wajjin taa'ee ibidda in qaqqaammata tune. 55 Luboonni warri angafoonni, guutum­maan yaa'ii warra Yihudootaas Yasuusin ajjeesuudhaaf namoota isa irratti dhugaa ba'aniif in barbaadu turan, garuu tokko illee hin arganne. 56 Na­moonni baay'een sobaan yoo isa irratti dhugaa ba'an iyyuu, dubbiin isaanii wal hin fudhanne. 57Kaan immoo ka'a­nii sobaan isa irratti dhugaa ba'anii, 58 "`Mana qulqullummaa isa harkaan hojjetame kana jigsee, guyyaa sadiitti kan biraa kan harkaan hin hojjetamin nan dhaaba' jechuu isaa dhageenyeer­ra" jedhan. 59 Haa ta'u iyyuu malee, isa kana irratti iyyuu dubbiin isaanii wal hin fudhanne.

 

60 Yommus angafni lubootaa fuula hunduma isaanii dura dhaabatee Yasuusin, "Waan jarri kun si irratti dhugaa ba'an kanaaf deebii tokko illee hin qabduu ree?" jedhee gaafate. 61 Inni garuu calluma jedhe malee, deebii tokko illee hin laanneef. Angafni lu­bootaa amma immoo, "Ati Masiihii, ilma Waaqayyoo isa galateeffamaa tii?" jedhee isa gaafate. 62 Yasuus im­moo, "Ani isa; ilmi namaa mirga isa aango-qabeessaa taa'ee duumessoota waaqaa keessas utuu dhufuu arguuf jirtu" jedheen. 63 Yommus angafni lubootaa sun aaree uffata isaa tarsaa­see, "Amma immoo dhuga-baatuu maalii nu barbaachisa ree? 64 waaqay_ yoon arrabsuu isaa isin iyyuu dhagees­saniittu! Maal isinitti fakkaata?" jedhe. Kana irratti isaan hundumtuus ajjeefa­muun akka isaaf ta'u itti muran. 65 Jarreen tokkos isatti tufan, ija isaas hidhanii rukutanii, "Eenyutu si rukute? Raajii keetiin nutti himi!" ittiin jedhu turan; warri eegdonnis isaan harkaa fudhatanii isa kakkabalan.

Phexros Yasuusin Ganuu Isaa

66 Phexros amma illee oobdii keessa utuu jiruu xomboreewwan angafa luboo­taa keessaa tokko in dhufte. 67Isheen utuu Phexros ibidda qaqqaammatuu ar­gitee, hubattee isa ilaaltee, "Atis immoo Yasuus namicha biyya Naazireet sanaa wajjin turte" jette. 68Inni garuu, "Waan ati jettu ani hin beeku, anaaf hin galus" jedhee gane; kana booddee gara karra dallichaatti gad ba'e; [ergasii indaan­goon in iyyite]. 69Xomboreettiin isa argitee ammas warra achi dhaabataniin, "Namichi kunis isaan keessaa tokko" jette. 70Inni garuu ammas in gane. Yeroo xinnoo booddees warri achi dhaabatan ammoo Phexrosiin, "Atis nama Galiilaa waan taateef, ati dhuguma isaan keessaa tokko" ittiin jedhan. 71 Inni garuu, "Na­micha isin jettan kana ani hin beeku" jedhee, of abaaruu kakachuuttis ka'e. 72Achumaanis indaanqoon lammaffaa iyyite; Phexros yommus isa Yasuus, "In­daanqoon si'a lama utuu hin iyyin, ati si'a radii na ganta" ittiin jedhee ture yaadatee, boo'icha in futtaafate.

 

                                    Boqonnaa 15

 

Yasuus Philaaxos Duratti Dhi'eeffamuu Isaa

1 Akkuma lafti bari'een luboonni warri angafoonni, maangud­doonnii fi barsiisonni seeraa guutum­maan yaa'ii warra Yihudootaa hundi­nuus Yasuus irratti mari'atan; kana booddee isa hidhanii, geessanii, Philaa­xositti dabarsanii kennan. 2 Philaaxos, "Sii mootiin Yihudootaa?" jedhee isa gaafate; inni immoo, "Situ akkas je­dhe" jedhe deebiseef. 3 Luboonni warri angafoonni waan baay'eedhaan isa ha­dheessan. 4 Philaaxos ammas, "Kunoo, waan baay'eedhaan si hadheessu'o waan deebiftu hin qabduu ree?" jedhee, Yasuusin gaafate. 5 Yasuus garuu ergasii deebii tokko illee hin deebif­neef; kun immoo Philaaxosin in dinqi­fachiise.

Yasuusitti Du'i Faradamuu Isaa

6 Philaaxos ayyaana Faasiikaatti warra hidhaman keessaa nama isaan, "Nuuf gad dhiisi" jedhan tokko in gad dhiisa ture. 7 Warra goolii kaasanii nama ajjeesanii hidhaman keessaa im­moo tokko Barabbaa kan jedhamu ture. 8 Yommus namoonni gara mana mootummaatti of ba'anii, waan dur gochaafii ture akka isaaniif raawwa­tuuf Philaaxosin kadhachuutti ka'an. 9 Philaaxos immoo deebisee, "Mootii Yihudootaa akkan gad isiniif dhiisu barbaadduu?" isaaniin jedhe. 16 Innoo luboonni warri angafoonni hinaaffaa­dhaaf dabarsanii akka isa kennan hu­batee ture. 11 Luboonni warri anga­foonni garuu, isaa mannaa Barabbaa gad nuuf dhiisi, akka jedhaniif namoo­ta itti tuqan. 12 Ammas Philaaxos, "Egaa namicha isa isin mootii Yihu­dootaa jettanii waamtanoo maal godhu ree?" jedhee isaaniif deebise. 13 Isaa­nis, "Isa fannisi!" jedhanii iyyan. 14 Philaaxos immoo, "Maaliif? Maal balleesse?" isaaniin jedhe; isaan ga­ruu, "Isa fannisi!" jedhanii ittuma caalchisanii iyyan. 15 Philaaxos yom­mus namoota gammachiisuu barbaa­dee, Barabbaa gad isaaniif dhiise; Yasuusin immoo reebsisee akka inni fan­nifamuuf dabarsee kenne.

Warri Loltuu Yasuusitti Ga'isuu Isaanii

16 Warri loltuu ergasii Yasuusin ga­ra mana mootummaa sanatti of galcha­nii, kutata loltuu sana keessaa warra hafanis walitti waaman. 17 Uffata dhiil­gee Yasuusitti uffisanii, gonfoo qoraattii hojjetanii, mataa isaa irra kaa'an.15 Achumaanis, "Attam ree, yaa mootii Yihudootaa!" jedhanii nagaa isa gaafa­chuutti ka'an. 15 Uleedhaan mataa isaa rurrukutanii, itti tufanii jilbeenfatanii sagadaniifis. 20 Isaan erga itti ga'isa­nii booddee, uffata dhiilgee sana irraa baasanii, wayyaa isaa deebisanii itti uffisan; kana booddee gad baasanii fannisuudhaaf isa geessan.

17-19 Luq 23:11

Yasuus Fannifamuu Isaa

21 Namni biyya Qareenaa tokko maqaan isaa Simi'oon kan jedhamu, abbaa Iskindrosii fi Ruufos, lafa qotiisa isaatii utuu galuu isaanitti dhufe; isaan immoo fannoo Yasuus akka baatuuf isa giddisiisan. 22 Yasuusinis gara iddoo Golgootaa jedhamutti geessan; "Gol­gootaa" jechuun "Iddoo lafee mataa" jechuu dha. 23 Isaan yommus daadhii waynii qumbiidhaan makame Yasuusiif kenninaan, inni fudhachuu dide. 24 Yommus jarri isa in fannisan; uffata isaa immoo hiranii eenyu isa kam akka fudhatu baruudhaaf muka itti buufa­tan. 25 Yeroon isa fannisanis bari'ee sa'aatii sadiitti ture. 26 Yakka inni ittiin hadheeffame mul'isuudhaafis, "Kun mooticha Yihudootaa ti" kan jedhu mataa isaa gararraatti caafamee ture. 27 Isaa wajjin immoo saamtota lama, isa tokko mirga isaatti isa kaanis bitaa r28 isaatti fannisan. Yommus inni ma­caafni, "Warra seera cabsituutti lak­kaa' ame" jedhu in raawwatame]. 29 Warri achiin darban immoo mataa isaanii raasanii, "Muu! Ati isa mana qulqullummaa jigsitee guyyaa sadiitti ijaartu! 30 Mee of oolchi! Fannoo ir­raas gad bu'i!" jedhanii in arrabsu turan. 31 Luboonni warri angafoonnii fi barsiisonni seeraas akkasuma wal har­kaa fuudhanii isatti ga'isan, "Inni na­moota biraa oolcheera, ofii isaa immoo oolchuu hin danda'u. 32 Masiihicha mooticha Israa'el erga ta'ee akka nuyi arginee isatti amannuuf, amma fannoo irraa gad has bu'u!" jedhan; warri isaa wajjin fannifamanis immoo isa in cee­pha'u turan.

Yasuus Du'uu Isaa

33 Sa'aatii ja'aa jalqabee hamma sa'aatii sagaliitti dukkanni lafa hundu­maa irra ture. 34 Sa'aatii sagalittis Yasuus sagalee guddaadhaan, "Elo'ii, Elo'ii lamaa sabaktanii?" jedhee waammate; kunis, "Waaqayyo ko, Waaqayyo ko maaliif na dhiifte?" jechuutti in hiikama. 35 Warra achi dhaabatan keessaa kaan kana dhaga'a­nii, "Kunoo, Eliyaasin waammata" jedhan. 36 Yommus isaan keessaa tok, ko fiigee daadhii waynii dhangag, gaa'aa waan akka cumaa buqqee ha­dhaa'aa, isa bishaan dhagnatti xuuxu tokkotti guutee, uleetti kaa'ee, akka inni dhuguuf kenneefii, "Eliyaas fan­noo irraa gad isa buusuudhaaf yoo dhufe, mee in ilaalla!" jedhe. 37 Yasuus sagalee guddaa isaa dhageessisee hafuurri isaa keessaa yaa'e. 38 Yeroo sanatti golgaan mana qulqullummaa olii hamma gadiitti iddoo lamatti tar­sa'e. 39 Angafni dhibbaa inni gara Yasuusitti garagalee dhaabatu akkasitti hafuurri isaa isa keessaa yaa'uu isaa yommuu hubate, "Namni kun dhugu­ma ilma Waaqayyoo ture" jedhe.

 

40 Dubartoonni halaala dhaabatanii in ilaalan; isaan keessas Maariyaam ishee Magdalaa, Maariyaam haadha Yaaqoob isa quxisuu, kan Yosees, Salomees turan, 41 Isaan warra yom­muu inni Galiilaa ture isa duukaa bu'anii isaaf hojjetan; kan biraa dubar­toonni baay'eenis immoo isaa wajjin Yerusaalemitti kan ol ba'an achitti argamaniiru.

 

Yasuus Awwaalamuu Isaa

42 Borumtaas Sanbata waan ta'eef namoonni guyyaa sanatti in qophaa'u turan; yeroon isaa immoo gara galgalaa ture. 43 Yaa'ii warra Yihudootaa keessa namichi ulfina-qabeessi Yoseef jedha­mu tokko ture. Namichi mandara Ar­maatiyaa inni ofii isaatii mootummaa Waaqayyoo eeggatu kun, ija-jabinaan Philaaxos bira dhaqee, reeffa Yasuus kadhate. 44 Philaaxos immoo, "Kanuma dura du'ee?" jedhee dinqifate; yommus angafa dhibbaa waamee erga du'ee hammam akka ture gaafate. 45 Akka isaa angafa dhibbaa irraa erga baree booddee, reeffa isaa Yoseefiif kennisii­se. 48 Yommus Yoseef wayyaa quncee talbaa irraa dha'ame bitee, reeffa isaa fannoo irraa gad buusee, wayyicha sanaanis kafane. Awwaala garaa dha­gaa keessatti tolfame tokko keessa kaa'ee, balbala awwaalichaatti immoo dhagaa gangalche. 47 Maariyaam isheen Magdalaa, Maariyaam haati Yo-sees iddoo reeffi isaa kaa'ame in argan.

 

                                        Boqonnaa 16

 

Yasuus Du'aa Ka'uu Isaa

1 Sanbanni erga darbee, Maari­yaam isheen Magdalaa, Maari­yaam haati Yaaqoob, Salomeenis dha­qanii dhagna Yasuus dibuudhaaf urgoof­tuu bitan. 2 Jalqaba torbanii, [gaafa Sanbata guddaa], ganama barii ka'anii akkuma aduun baateen awwaalicha bi­ra ga'an. 3 Karaatti immoo, "Eenyutu dhagicha balbala awwaalichaattii nuuf garagalcha?" waliin jechaa turan. 4 Dhagichi baay'ee guddaa ture; itti hiiqanii yommuu ilaalan immoo dhagi­chi balbala awwaalichaattii garagalfa­mee argan. 5 Awwaalichatti akkuma ol lixaniin dargaggeessa tokko, uffata gad dheeraa adii uffatee bukkee gara mir­gaatiin taa'ee argan; isaan yommus na'anii in dinqifatan. 6 Inni immoo, "Naatanii hin dinqifatinaa! Isin Yasuus nama Naazireet isa fannifamee ture barbaaddu; innoo ka'eera, as hin jiru, ilaa, iddoo isaan isa ciibsanii turan iyyuu! 7 Garuu dhaqaa! Bartoota isaatti Phexrosittis, `Inni isin dura Galiilaa in dhaqa, akkuma isinitti himes achitti isa in argitu' jedhaatii himaa!" isaaniin jedhe. 8 Isaan rom'anii of wallaalanii waan turaniif, achi keessaa ba'anii awwaalicha biraa baqatan; waan sodaa­taniifis nama tokkotti iyyuu waa hin himne.

Yasuus Maariyaam Ishee Magdalaatti Mul'achuu Isaa

9 Yasuus jalqaba torbanii, [guyyaa Sanbata guddaa] ganama barii yommuu du'aa ka'e, dura Maariyaam ishee Magdalaatti mul'ate; Maariyaam kun ishee inni hafuurota hamoota torba keessaa baasee turee dha. 10 Isheen gara warra isaa wajjin turanii, gadduu fi boo'uutti jiranii, dhaqxee kana isaa­nitti himte. 11 Isaan garuu akka inni jiraataa ta'e, akka isheen isa argites, yommuu ishee irraa dhaga'an kana hin amanne.

 

Yasuus Jara Lamaanitti Mul'achuu Isaa

12 Kana booddee jarreen lama diida utuu dhaqanii Yasuus bifa biraatiin isaa­nitti mul'ate. 13 Jarreen kun deebi'anii warra kaanitti himan; isaan garuu dub­bii isaan kanaas hin amanne.

 

 

Yasuus Bartoota Kudha Tokkonitti Mul'achuu Isaa

14 Ergasii immoo Yasuus, bartoota kudha tokko warra maaddiitti taa'anitti mul'ate. Warri isa du'aa ka'e kana argan, yommuu isaanitti himan, waan bartoonni kun hin amaniniif amanti­dhabina isaaniitii fi mata-jabina isaa­niitti dheekkame. 15 Inni, "Gara biyya lafaa hundumaa dhaqaa! Uumama hun­dumaattis wangeela lallabaa!  16 Namni amane namni cuuphames in fayya; namni hin amanne garuu itti in farada­ma.  17Warra anatti amanan birattis milikkitoonni kun in argamu; warri anatti amanan kun maqaa kootiin ha­fuurota hamoota in baasu, afaanota haaraadhaanis in dubbatu. 18 Bofa yoo qaban yookiis waan nama ajjeesu yoo dhugan isaan hin miidhu; harka isaaniis warra dhukkubsatan irra in kaa'u, isaa­nis in fayyu" isaaniin jedhe.

Yasuus Gara Waaqa Keessaatti 0l Fudhatamuu Isaa

19 Yasuus gooftaan isaanii wajjin erga dubbatee booddee, gara waaqa keessaatti of fudhatamee mirga Waa­qayyoo taa'e. 20 Ergasii bartoonni dhaqanii iddoo halletti lallaban; goof­taan immoo isaanii wajjin hojjete, dubbichas milikkitoota argamaniin in cimse.


 


Text Box: Yaadannoo dabalataa 
 
"Cubbuu hin qabnu yoo jenne of in sossobna; dhugaanis nu keessa hin jiru. Cubbuu keenya yoo himanne, inni[Waaqayyo] amanamaa fi qajeelaa waan ta'eef,  cubbuu keenya nuuf dhiisa, jallina keenya hundumaattiis nu qulleessa.  Nuyi cubbuu hin hojjenne yoo jenne immoo isa[Waaqayyoon] sobduu in goona, dubbiin Isaas nu keessa hin jiru."1Yoh.1:8-10. 
 
"Waaqayyo, ... deebi'uu yoo barbaadde, gara kootti deebi'i! Waaqolii kee warra ciigga'amoo ija koo duraa yoo bal'eessiteef hin sochootu" jedha. 
 
Yaa firako, egaa jireenya kee olfachuu yoo brbaadde isa Waaqayyo waa'ee keetiif jedhu amanii fudhadhu. Ofii kees siirriitti beeki. Akka dubbiin Waaqayyoo jedhutti: 
 
1.	Atis  nama cubbamaadha. Cubbuu irraa kan ka'e immoo du'a jala galtee jirta [yoo karaa Yasuus dhiifamuu cubbuu keetii hin fudhanne ta'e]! Sababni isaa, "Hundinuu yaakkaniiru, ulfinni Waaqayyoos isaanitti hir'ateera". (Rom.3:23). "Namni qajeelaan hin jiru, lakkii, tokko illee hin jiru" (Rom.3:10) jedha waan ta'eef. Kitaabni Qulqulluun, "Beenyaan nama cubbuu hojjetuu du'a; kennaan Waaqayyoo inni Kiristoos Yasuus gooftaa keenyaa wajjin  tola kennamu garuu  jireenya bara baraa ti." Rom.6:23.  
 
2.	Waaqayyo garuu si jaallata. "Waaqayyo, akkasitti tokkicha ilma isaa hamma kennuufitti biyya lafaa jaallate; kun immoo kan isatti amanu hundinuu jireenya bara baraa haa qabaatuuf malee, haa baduuf miti."Yoh.3:16. "Waaqayyo garuu utuu nuyi cubamoota taanee jirruu, Kiristoos nuuf du'uu isaatiin hammam akka nu jaallate in agarsiisa." Rom.5:8. "... Araarri Waaqayyoo garuu baay'ee waan ta'eef, jaalala isaa isa guddaa sanaan nu jaallate"Efe.2:4 
 
3.	Yasuusitti amanuudhaan Firdii jalaa baata. "Egaa amma firdiin, warra Kiristoos Yasuusitti qabamanii jiraatanitti faradamu tokko illee hin jiru."Rom.8:1. "Ilma isaa Kanatti kan amanu itti hin faradamu, isatti kan hin amanne garuu, maqaa tokkicha ilma Waaqayyootti waan hin amaniniif, ammuma iyyuu itti faradameera." Yoh.3:17. "... kennaan Waaqayyoo inni Kiristoos Yasuus gooftaa keenyaa wajjin  tola kennamu garuu  jireenya bara baraa ti."Rom.6:23.  
 
 
Ani _________________________________ jaalala Waaqayyo karaa Yasuus Kiristoos natti agarsiiseef deebii kennuuf, araara karaa Yasuus Kiristoositti amanuu aragamus fudhachuuf nan fedha. Kanaaf immoo dubbii Waaqayyootti amanuudhaan, isaafis abboomamuudhaan Yasuus Kirstoosiin fayyisaa jireenyaa koo godhee fudhadheera. Egaa ani ammaa jalqabee kanYasuus ta’eera.  
 
Guyyaa_______________   Mallattoo___________________



 

 

 

 

 

 

 

 

 

 



 

 

 

 

 

 

 

Teklu T. Guta

 




[1] Mar 1:23 "Hafuura hamaa" yookiis "Hafuura xuraa'aa".

 

[2] Mar 3:11 "Hafuuronni hamoonni" yookiis "Hafuuronni xuraa'oon".

[3] Mar 3:30 "Hafuura hamaa" yookiis "Hafuura xuraa'aa".

[4] Mar 5:1 "Biyya Gergeeseen" yookiis "Biyya Gadareenee".

[5] Mar 6:7 "Hafuurota hamoota irratti" Mar 3:30 ilaali.

 

[6] Mar 7:24 "Xiiroos" kaan immoo "Xiiroosii fi Sidoon" jedhu.

 

[7] Mar 9:25 "Hafuuricha hamaa" (Mar 3:30 ilaali).

 

[8] Mar 11:19 "Mandaricha keessaa ba'an", "Inni in ba'e" kan jedhan jiru.

 

 

Wangeela Gooftaa Keenyaa    Yesus Kristos

  

Isa Qulqulluu Isa Yohannis Caafe

                                                         Boqonnaa 1



Kristos "Sagalichi" Foon Uffachuu Isaa

1 Sagalichi jalqaba waan hundu­maa dura ture; sagalichi Waaqay­yo bira ture; sagalichi ofii isaa Waa­qayyo ture*. 2lnni kun jalqabumaa jalqabee Waaqayyo bira ture. 3 Wanti hundinuus isumaan ta'e; waan ta'e keessaas isa malee kan ta'e tokko illee hin jiru*. aJireenyi isa keessa ture; jireenyichis ifa namootaa ture*. 5Ifichi dukkana keessatti in ibsa, dukkanichi immoo isa bira ga'uu hin danda'u*.

6 Namni Waaqayyo biraa ergame tokko ture, maqaan isaas Yohannis jedhama*. 7lnni kun dhugaa ba'uu­dhaaf dhufe; namoonni hundinuu dub­bii isaatiin akka amananiif waa'ee ifichaa dhugaa ba'e*. 8lnni ofii isaa ificha hin turre, waa'ee ifichaa akka dhugaa ba'uuf ergame malee*. 9 Ifichi inni dhugaan, inni gara biyya lafaa dhufe, namoota hundumaaf in ibsa*. 18Inni biyya lafaa keessa ture; biyyi lafaas isumaan ta'e; biyyi lafaa garuu isa hin beekne*. 11 Gara biyya dhuun­faa isaa dhufe; namoonni isaa garuu isa hin simanne*. 12 Hamma isa simataniif immoo ijoollee Waaqayyoo akka ta'a­niif aboo isaaniif kenne; isaanis warra maqaa isaatti amananii dha*. 13 Isaan kun Waaqayyottii dhalatan malee, dhii­gattii yookiis fedha fooniittii yookiis fedha dhiiraattii hin dhalanne*.

14 Sagalichis nama foonii ta'ee, nu gidduus buufate. Ulfina isaa isa ayyaa­naa fi dhugaadhaan guutes argine; ul­finni isaas isa ilmi tokkichi abbaa isaa irraa argatu ture*. 15Yohannis waa'ee isaatiif dhugaa in ba'a; sagalee isaa of fudhatees, "`Inni ana booddee dhufu ana irra caala, ana dura ture'o' jedhee waa'ee isaa kanan dubbadhe, kunoo, isa kana" jedhe*. 16 Guutummaa ayyaa­na isaa keessaa hundumti keenya ay­yaana irratti ayyaana fudhanneerra*. 17 Seerri Museedhaan kenname, ay­yaannii fi dhugaan garuu Yesus Kris­tosiin argaman*. 18Homtinuu takkaa Waaqayyoon hin argine, ilma tokkicha isa abbaa bukkee ture sanatu waa'ee isaa hiikee beeksise malee*.

Dhugaa Ba'uu Yohannis Cuuphaa

19 Yeroo Yihudoonni Yerusaalemii lubootaa fi Lewwoota Yohannisitti er­ganii, "Ati eenyu?" jedhanii isa gaafa­chiisanitti, Yohannis*, 20 utuu hin haa­lin, "Ani Kristos isa abdachiifame miti" jedhee mul'isee dhugaa ba'e*. 21 Warri ergamanis deebisanii, "Amma ati eenyu? Ati Eliyaasii?" jedhanii isa gaafatan. Inni immoo, "Waawuu ani isa miti" jedhe. Isaan, "Ati raajichaa ree?" ittiin jennaan, "Waawuu" jedhee deebise*. 22 Isaanis, "Eenyu ati? Egaa, warra nu erganitti kan deebifnu nutti himi; ati eenyu ofiin jetta?" ittiin jedhan.


23 Yohannis deebisee, "Isaayaas raajichi akkuma dubbatetti, `Ani saga-lee namaa, isa karaa gooftaan irra adeemu qajeelchaa' jedhee, lafa onaa

keessaa iyyuu dha" jedhe*. 24 Warri isatti ergaman immoo Fariisota keessaa turan. 25 Isaan kun itti dabalanii, "Ati Kristos yookiis Eliyaas yookiis raaji­cha ergs hin ta'inii maaliif cuuphxa ree?" jedhanii isa in gaafatan*. 26 Yohannis immoo, "Ani bishaaniinan isin cuupha, inni isin isa hin beekne garuu isin gidduu in dhaabata. 27 Inni na booddee in dhufa; ani immoo hidhaa kophee isaatii illee hiikuudhaaf nama ta'u miti" jedhee isaaniif deebise*. 28 Wanti kun hundinuu Yordaanos ga­ma, Betaabaraa iddoo Yohannis cuu­phaa turetti ta'e*.

Hoolaa Waaqayyoo

29 Borumtaa Yohannis utuu Yesus gara isaa dhufuu argee, "Ilaa hoolicha Waaqayyoo, isa cubbuu biyya lafaa irraa fuudhu*. 30 `Namni ana booddee dhufu ana irra caala, ana dura ture'o' jedhee waa'ee isaa kanan dubbadhe isa kana*. 31 Ani ofii kootii iyyuu isa hin beekne, garuu Israa'elitti akka inni mul'ifamuufan bishaaniin namoota cuuphuu dhufe" jedhe*. 32 Yohannis dhugaa ba'eefii, "Hafuurri qulqulluun akka gugeetti waaqa irraa isa irra bu'ee hafuu isaa argeera*. 33 Ani ofii kootii iyyuu isa hin beekne; garuu inni akka ani bishaaniin cuuphuuf na erge sun, `Hafuurri qulqulluun isa irra bu'ee hafuu isaa kan argitu, isa inni hafuura qulqulluudhaan cuuphu' jedhee anatti hime*. 34 Ani ofii kootii kana argeera, inni kun ilma Waaqayyoo ta'uu isaas dhugaa ba'eera" jedhe*.

Bartoota YesusWarra Dura Waamaman

35 Borumtaas immoo Yohannis bartoota isaa keessaa namoota lamaa wajjin in dhaabata ture. 36 Yohannis utuu Yesus achiin darbuu ilaalee, "Ilaa hoolicha Waaqayyoo" jedhe*. 37 Bar­toonni isaa lamaan kana dubbachuu isaa dhaga'anii, Yesus duukaa bu'an. 38 Yesus garagalee isa duukaa bu'uu isaanii argee, "Maal barbaaddu?" je­dhee isaan gaafate. Isaan immoo, "Rabbii, eessa buufatte?" jedhanii dee­bisaniif; "Rabbii" jechuun "Barsiisaa" jechuu dha. 39 Yesus immoo, "Kottaatii ilaalaa!" jedhee isaaniif deebise. Bar­toonni sunis dhaqanii, iddoo Yesus buufate arganii, guyyaa sana isa bira oolan; yeroon isaa akka sa'aatii kudha­nii ture.

40 Bartoota lamaan dubbii Yohan­nis dhaga'anii, Yesus duukaa bu'an keessaa, inni tokko Indriiyaas obbo­leessa Simoon Phexros ture. 41 Indrii­yaas, dura obboleessa isaa Simoonin argatee, "Masiihicha arganneerra" je­dhee itti hime; "Masiihii" jechuun "Kristos" jechuu dha*. 42 Indriiyaasis Simoonin gara Yesusitti geesse; Yesus immoo isa ilaalee, "Edaa ati Simoon ilma Yohannis; egaa si'achi `Keefaas' jedhamtee in waamamta" jedheen. "Keefaas" jechuun afaan Griikiitti "Phexros" jechuu dha; Phexros je­chuun immoo "Dhagaa hin sochoone" jechuu dha*.

Yesus Filiphosii Fi Naataanaa'elin Waamuu Isaa

43 Borumtaas Yesus Galiilaa dha­quudhaaf ka'ee, Filiphosin argatee, "Na duukaa bu'i!" ittiin jedhe*. 44 Fi- liphosis akkuma Indriiyaasii fi Phex­ros, nama mandara Betsayidaa ture*. 45 Filiphos kun Naataanaa'elin argatee, "Isa Museen macaafa seeraa keessatti, raajonnis immoo macaafa isaanii kees­satti waa'ee isaa caafan arganneerra; inni namicha Naazireet, Yesus ilma Yoseef" jedheen*. 46 Naataanaa'el yommus, "Naazireet keessaa wanti gaariin ba'uu danda'aa?" jedhee Fi­liphosin gaafate; Filiphos immoo, "Kottuutii ilaali!" jedhee deebiseef*. 47 Yesus, utuu Naataanaa'el gara isaa dhufuu argee, "Ilaa, nama Israa'el isa dhugaa isa sobni keessa hin jirre" jedhee waa'ee isaa dubbate. 48 Naataa­naa'el, "Eessatti na beekta?" jedhee

isa gaafate; Yesus immoo deebisee, "Filiphos utuu si hin waamin muka harbuu jalattan si arge" jedheen. 49Ka­na irratti Naataanaa'eI, "Rabbii! Ati ilma Waaqayyoo ti, ati mootii Is­raa'el!" jedheen*. 50 Yesus ammas dee­bisee, "Muka harbuu jalattan si arge waanan siin jedheef amantaa? Isaan kana irra kan caalu iyyuu arguuf jirta" jedheen. 51 Itti dabalees, "Dhuguma, dhuguman isinitti hima, waaqa bana­maa, ergamoota Waaqayyoos ilma na­maa irra utuu ol ba'anii gad bu'anii arguuf jirtu" jedheen*.

                                                               Boqonnaa 2

Cidha Qaanaatti Ta'e


1 Guyyaa sadaffaatti immoo kutaa biyya Galiilaa mandara Qaanaatti cidhi tokko ture; haati Yesus achi turte*. 2Yesusii fi bartoonni isaas ci­dhichatti waamamanii turan. 3 Daa­dhiin waynii duraa dhumnaan, haati isaa, "Daadhii waynii hin qaban" jettee Yesusitti himte. 4 Yesus immoo "Haa­dhoo, maaliif hojii koo keessa lixxa ree? Waa gochuuf yeroon koo amma illee hin geenye" jedhee deebise*. 5Haati isaa yommus warra achii erga­maniin, "Waanuma inni isinitti himu godhaa!" jetteen.

6 Warri Yihudootaas seera ittiin ofii isaanii, qodaa isaaniis qulleessan qabu turan; kanaafis gaanii dhagaa ja'a, tokkon tokkon isaa akka liitrii saddeettamaa hamma dhibbaa fi digda­maatti kan fudhatu achi in dhadhaaba­tu*. 7Yesus yommus jaraan, "Bishaan gaanota kanatti guutaa!" jedhe; kanaaf isaan hamma afaaniitti guutan. 8Kana booddee Yesus, "Buusaatii isa cidhi­cha geggeessutti geessaa!" isaaniin je­dhe; isaan yommus itti geessan. 9 Na­michi isa daadhii ta'e sana miyeeffatee ilaale. Daadhichi eessaa akka ba'e, warra bishaan guure sanatu beeka malee namichi hin beeku ture. Yommus dhirsa misirroo ofitti waa­mee, 10"Silaa illee akka amala biyya kanaatti namni hundinuu daadhii way­nii isa gaarii dura kennee, erga kees­summoonni quufanii daadhii isa laafaa fida; ati garuu daadhii isa gaarii ham-ma ammaatti keesse", ittiin jedhe.

11 Yesus milikkita argisiise hundu­maa keessaa isa jalqabaa kana Qaanaa Galiilaatti hojjete, ulfina isaa mul'ise, bartoonni isaas ittumaa isatti amanan*.

12 Kana booddee Yesus haadha isaa, obboloota isaatii fi bartoota isaa wajjin gara mandara Qifirnaahomitti gad bu'e; garuu guyyaa baay'ee achi hin bubbulle*.

Yesus Mana Qulqullummaa Keessaa Warra Bitee
Gurguru Oofuu Isaa

13 Ayyaanni Faasiikaa warra Yihu­dootaa geenyaan, Yesus gara Yerusaa­lemitti ol ba'e*. 14 Mana qulqullummaa keessattis namoota iddoo sana taa'anii sangoota, hoolota, gugees gurguran, warra horii callaa gegeddaranis arge. 15Yommus inni quncee irraa qaccee dha'atee, hunduma isaanii hoolota isaanii fi sangoota isaanii wajjin gad isaan oofe; horii warra horii gegedda­ranii in bittimse, gabatootas gad gara­galche. 16 Warra gugee gurguraniin im­moo, "Kana keessaa gad baafadhaa! Mana abbaa kootiis mana bitaa gurgur­taa hin godhinaa!" jedheen*. 17 Yom­mus bartoonni isaa, "Hinaaffaan mana keetii na guba" jedhamee isa caafame yaadatan*.

18 Kana irratti Yihudoonni, "Waan ittiin kana gochuu dandeessu mul'isuu­dhaaf, milikkita maalii nu argisiifta?" jedhanii isa gaafatan*. 19 Yommus Ye-sus deebisee, "Mana qulqullummaa kana jigsaa! Ani immoo guyyaa sadiitti deebisee isa nan dhaaba" isaaniin je­dhe*. 20 Yihudoonni immoo, "Mana qulqullummaa kana ijaaruun isaa wag­gaa afurtamii ja'a fudhate, ati immoo guyyaa sadii keessatti deebiftee isa

dhaabdaa ree?" jedhanii gaafatan.

21 Yesus garuu waa'ee mana quIqul­lummaa yommuu dubbate waa'ee dhagna ofii isaa dubbachuu isaa ti*.

22 Kanaaf bartoonni isaa, erga inni du'aa ka'ee booddee, waa'ee isa ka­naaf dubbachuu isaa yaadatan; waan macaafni jedhe, dubbii Yesus dubbates in amanan*.

Yesus Garaa Nama
Hundumaa Beekuu Isaa

23 Yeroo inni ayyaana Faasiikaaf Yerusaalem turetti, namoonni baay­yeen milikkita inni godhe arganii isatti in amanan*. 24 Inni garuu namoota hundumaa gaarii godhee waan bee­kuuf, amanee isaanitti of hin dhiifne*. 25 Inni ofii isaatii garaa namaa keessa kan jiru waan beekuuf, kan biraa dhu­fee waa'ee nama tokkoo isatti himuu hin barbaachifne.

Boqonnaa 3

Niqoodemos Gara Yesus Dhaquu Isaa

1 Fariisota keessa, namni Niqoode- mos jedhamu tokko ture; inni du­ra-buutuu Yihudootaa ture*. 2 Inni kun halkaniin gara Yesus dhufee, "Rabbii akka ati barsiisaa taatee Waaqayyo biraa dhufte nuyi beekna; homtinuu yoo Waaqayyo isaa wajjin jiraate ma-lee milikkita ati argisiiftu kana, dan­da'ee hin argisiisu" ittiin jedhe*. 3 Ye-sus, "Dhuguma, dhuguman sitti hima, eenyu illee olii yoo dhalachuu dhaa­baate, mootummaa Waaqayyoo arguu iyyuu hin danda'u" jedhee deebiseef*. 4 Niqoodemos immoo, "Namni erga qancaree attamitti dhalachuu danda' a? Gadameessa haadha isaatti lammaffaa galee, dhalachuu danda'a moo?" je­dhee Yesusin gaafate*. 5 Kanaaf Yesus, "Dhuguma, dhuguman sitti hima, ee­nyu illee bishaanii fi hafuura qulqul­luuttii yoo dhalachuu dhaabaate, moo­tummaa Waaqayyootti galuu hin dan­da'u*. 6 Nama fooniittii kan dhalate foon, hafuurattii kan dhalate hafuura*. 7 Olii dhalachuun isiniif in ta'a siinjechuu kootiif hin dinqifatin. 8 Qilleen­si gara fedhetti in qilleensa'a, qilleen­sa'uu isaa in dhageessa, eessaa akka inni dhufu, eessas akka inni dhaqu garuu hin beektu; egaa hafuurattii kan dhalate hundinuus akkuma kana" je­dhee deebiseef*.

9 Niqoodemos deebisee, "Kun atta­mitti ta'uu danda'a?" jedhee Yesusin gaafate. 10 Yesus deebiseefii, "Ati barsii­saa Israa'el kan taate, kana hin beektuu? 11Dhuguma, dhuguman sitti hima, nuyi isa beeknu in dubbanna, isa argines dhugaa in baana; utuma ta'uu iyyuu isin isa nuyi dhugaa baanu hin fudhattan*. 17 Waa'ee isa biyya lafaa isinitti himnaan erga hin amantan ta'ee, waa'ee isa biyya waaqaa yoon isinitti hime immoo atta­mitti amantu ree? 13Ilma namaa isa waaqa irraa gad bu'e sana malee, hom-( tinuu gara waaqaatti ol hin baane*. 14 Museen lafa onaa keessatti bofa sibiila diimaa muka irratti akka ol fuudhe, ilmi namaas immoo akkasuma muka irratti ol fuudhamuun in ta'a*. 15Kunis ilma na­maatti kan amanu hundinuu jireenya bara baraa has qabaatuuf ta'a*.

16 "Waaqayyo, akkasitti tokkicha ilma isaa hamma kennuufitti biyya lafaa jaallate; kun immoo isatti kan amanu hundinuu jireenya bara baraa has qabaatuuf malee, has baduuf miti*! 17 Waaqayyo biyya lafaatti farachiisuuf miti, biyyi lafaa isaan has fayyuuf ilma isaa biyya lafaatti erge malee*. 18 Ilma isaa kanatti kan amanu itti hin farada­mu, isatti kan hin amanne garuu, maqaa tokkicha ilma Waaqayyootti waan hin amaniniif, ammuma iyyuu itti farada­meera*. 19 Ifichi gara biyya lafaa dhu­feera, namoonni garuu hojiin isaanii hamaa waan ta'eef, ifa irra dukkana jaallatan; firdichis akkuma kanatti in raawwatama*. 20 Hamaa kan hojjetu hundinuu ificha in jibba, hojiin isaa akka irratti hin beekamneef gara ifi­chaatti hin ba'u*. 21 Dhugaatti kan ji­raatu garuu hojiin isaa, inni akka jaalala Waaqayyootti hojjetame, has mul'atuuf gara ifichaatti in ba'a" jedheen*.

Yohannis Waa'ee
Yesus Dhugaa Ba'uu Isaa

22 Kana booddee Yesusii fi bar­toonni isaa gara kutaa biyya Yihudaa dhaqan; Yesus bartoota isaa wajjin takka achi bubbule, in cuuphas ture*. 23 Yohannis immoo mandara Enon isa Saalemitti dhi'oo, iddoo bishaan baay'een argame sanatti in cuupha ture; namoonnis achi dhaqanii in cuu­phaman. 24 Yohannis yeroo sanatti ma­na hidhaatti hin galfamne ture*.

25 Yommus bartoonni Yohannis waa'ee qulleessuu irratti tok­koo wajjin walitti falmuutti ka'an. 26Bartoonni sun gara Yohannis dhufa­nii, "Yaa barsiisaa, inni gama Yordaa­nositti sii wajjin ture, atis immoo dhugaa baateef sun kunoo, in cuupha; hundumtinuus gara isaa dhaqaa jiru" jedhanii itti himan*. 27 Yohannis yom­mus deebisee, "Namni yoo waaqa irraa isaaf kenname malee, waan tokko illee fudhachuu hin danda'u*. 28 `Ani Kris­tos miti, garuu fuula isaa duran erga­me' jedhee akkan dubbadhe, isin ofii keessanii dhugaa anaaf baatu*. 29 Mi­sirroo kan manaa qabu inni dhirsa misirroo ti, miinjeen inni isa dhaggeef­fatu garuu sagalee dhirsa misirroo dha­ga'uutti guddaa in gammada; anis ak­kuma kanatti gammachuun koo amma guutuu in ta'a*. 30 Inni sun guddachaa adeemuun in ta'aaf, ani garuu xinnaa­chaa adeemuun anaaf in ta'a" jedhe.

Yesus Waaqa Irraa Dhufuu Isaa

31 Yohannis itti fufee, "Inni olii dhufu hundumaa irra jira; namni lafakanaa kanuma lafaa ti, waa'ee isa lafa irraa dubbatas, inni waaqa irraa dhufu hundumaa irra jira*. 32 Isa arge isa dhaga'e sanas dhugaa in ba'a; isa inni dhugaa ba'us homtinuu hin fudhatu*.

33 Isa inni dhugaa ba'u kan fudhatu immoo, Waaqayyo dhuga-qabeessa akka ta'e mallattoodhaan cimseera*.

34 Inni Waaqayyo isa erge dubbiidhu­ma Waaqayyoo dubbata, Waaqayyo hafuuricha safara malee in kenna'o*.

35 Abbaan ilma isaa in jaallata, waan hundumaas harka isaatti kenneera*.

36 Namni ilma Waaqayyootti amanu, jireenya bara baraa qaba; ilma Waa­qayyoof kan hin abboomamne garuu jireenya hin argatu, dheekkamsa Waa­qayyootu isa irratti hafa malee" je­dhe*.

Yesusii Fi Dubartii Samaariyaa

                                                 Boqonnaa 4

1 Yesus yommus Yohannis irra kan caalu bartoota dabalachaa, cuu­phaas akka ture warri Fariisotaa dha­ga'uu isaanii, Yesusis in bare*. 2 Utuma ta'uu iyyuu bartoota isaatu cuuphe ma-lee Yesus ofii isaatii hin cuuphne ture. 3Kana booddee inni kutaa biyya Yihu­daa dhiisee Galiilaa dhaqe. 4 Yeroo achi dhaqu immoo Samaariyaa keessa dar­buun isa irra ture*.

5 Kutaa biyya Samaariyaa keessaa gara mandara Siikaar jedhamu tokkoo dhufe; mandarichi lafa isa Yaaqoob ilma isaa Yoseefiif kennetti dhi'oo dha*. 6 Bishaan boollaa Yaaqoob achi ture. Yesus karaa adeemaa oolee waan dadhabeef, boolla bishaanii sana buk­kee taa'e; yeroon isaas akka sa'aatii ja'aa ture*.

7 Dubartiin Samaariyaa tokkos bi­shaan waraabbachuudhaaf dhufte; yommus Yesus, "Bishaan dhugaatii anaaf kenni!" ittiin jedhe. 8 Bartoonni isaa nyaata bituudhaaf gara mandaraa

dhaqanii turan*. 9Dubartiin Samaari­yaa sun, "Attamitti ati Yihudii taatee, ana dubartii Samaariyaa bishaan dhu­gaatii gaafatta?" ittiin jette. Yihudoon­ni warra Samaariyaa wajjin qodaa tok­kotti hin sooratan*. 10 Yesus immoo deebiseefii, "Kennaa Waagayyoo utuu beektee, inni `Bishaan dhugaatii anaaf kenni!' siin jedhe kunis eenyu akka inni ta'e utuu hubattee, silaa situ isa kadhata, inni immoo bishaan yeroo hundumaa jiraatu siif in kenna ture" jedheen*.

11 Dubartittiin kana irratti, "Yaa gooftaa, atoo waan ittiin budduqsitu hin qabdu, boolli bishaanichaa immoo gad fagoo dha, bishaan yeroo hundu­maa jiraatu sana eessaa fidda ree? 12 Abbaa keenya Yaaqoob isa bishaani­cha dhugee, ijoolleen isaa, horiin isaas dhuganii, boolla bishaanichaa immoo nuuf kenne in caaltaa?" jetteen*. 13 Ye-sus immoo, "Bishaan kana irraa kan dhugu hundinuu deebi'ee in dheebota; 14bishaan isa ani kennuufiif jiru irraa inni dhugu garuu, bara baraan hin dheebotu; bishaan inni ani kennuufiif jiru, isa keessatti burqaa bishaanii isa jireenya bara baraatiif burqu in ta'ao" ittiin jedhe*. 15 Kana irratti dubartittiin, "Yaa gooftaa! Deebi'ee akka ani hin dheebonneef, bishaan waraabbachuufis akka ani as hin dhufneef, bishaan kana anaaf kenni!" jetteen.

16 Yesus immoo, "Dhaqi! Abbaa manaa kee waamii kottu!" jedheen. 17 Dubartittiin deebiftee, "Anoo abbaa manaa hin qabu" jetteen; Yesus im­moo, "Isa `Abbaa manaa hin qabu' jette, ba'eessa dubbatte. 18Abboota manaa Shan qabda yoo turte iyyuu, inni amma sii wajjin jiru abbaa manaa kee miti'o; kana dhugaa dubbatte" ittiin jedhe. 19 Kana irratti dubartittiin, "Ak­ka ati raajii taate nan arga, yaa goof­taa*. 20Abboonni keenya gaara kana gubbaatti in sagadu; isin warri Yihu­dootaa immoo `Lafti itti Waaqayyoof sagaduun ta'u Yerusaalem keessa jira' jettu" ittiin jette*.

21 Yesus yommus, "Dubartii nana, yeroon itti isin gaara kana gubbaatti yookiis Yerusaalemitti abbaadhaaf hin saganne dhufuuf jira; na amani*! 22Isin waan hin beeknetti sagaddu, nuyi ga­ruu waan beeknutti saganna, fayyinni Yihudoota keessaa in dhufa*. 23Ye­roon itti warri dhuguma sagadan, ha­fuuraa fi dhugaadhaan abbaadhaaf sa­gadan garuu in dhufa; innis ammuma iyyuu ga'eera. Abbaanis warra akka­sitti isaaf sagadan in barbaada*. 24 Waaqayyo hafuura; warri isaaf saga­danis hafuuraa fi dhugaadhaan isaaf sagaduun in ta'aaf" ittiin jedhe*. 25Du­bartittiin immoo deebiftee, "Masiihiin inni Kristos jedhamu akka dhufu anuu beeka; inni gaafa dhufe waan hundu­maa nutti in hima" jette*. 26Yesus yommus, "Inni amma sii wajjin dubba­chaa jira; kunoo, ani isa" ittiin jedhe*.

27 Yeroo kanatti bartoonni isaa deebi'anii dhufan; dubartii wajjin dub­bachuu isaatiifis in dinqifatan, garuu isaan keessaa tokko illee, maal akka isheen barbaaddu, yookiis maaliif akka inni isheedhaa wajjin dubbatu hin gaa­fanne. 28 Dubartittiin yommus okkotee ishee achumatti dhiiftee, gara manda­raa dhaqxee namootattis dubbattee, 29"Kottaa namicha, waan ani kanaan dura hojjedhe hundumaa anatti hime tokko ilaalaa; kun Kristos laataa?" jette*. 30Namoonni yeroo sanatti man­daricha keessaa ba'anii, gara isaa dhu­fuutti ka'an.

31 Kana gidduutti bartoonni isaa, "Yaa barsiisa, waa nyaadhu!" jedhanii isa in kadhatu turan. 32 Inni garuu deebisee, "Ani nyaata isin hin beekne kanan nyaadhu qaba" isaaniin jedhe. 33Yommus bartoonni, "Namni nyaata fideef jiraa ree?" waliin jedhan. 34Ye­sus immoo, "Nyaanni kan koo jaalala isa na ergee gochuudhaaf hojii isaa raawwachuu dha*. 35Isin amma, `Haa­maan ji'a afur booddee in ta'a' jettu

mitii? Ija keessaniin maasicha ilaalaa! Ani immoo, midhaan ammuma iyyuu bilchaatee, haamaan akka ga'e kunoo, isinittan beeksisa*. 36Inni haamu gatii isaa in argata, ija midhaanichaas jiree­nya barn baraatiif walitti in qaba; kunis inni facaasuu fi inni haamu walii wajjin akka gammadaniif in ta'a*.

37 Egaa mammaaksichi, `Namni tokko in facaasa inni kaan immoo in haama' jedhu sun kanaan dhugaa in ta'a*.

38 Waan itti hin dadhabin akka haamta­niifan isin erge; warri kaan itti dadha­baniiru, isin immoo isa isaan itti da­dhabanitti galtan" isaaniin jedhe.

39 Sababii dubartittiin, "Waan ani kanaan dura hojjedhe hundumaa anatti hime" jettee dhugaa baateef, mandara sanaa warri Samaariyaa baay'een isatti amanan*. 40 Warri Samaariyaa kunis yeroo isa bira ga'an, isaan bira akka turuuf Yesusin kadhannaan, inni guy­yaa lamaaf isaan bira ture. 41 Namoonni sonaan baay'eenis dubbii isaatiif je­dhanii itti amanan. 42 Jarri garuu dubar­tittiidhaan, "Egaa nuyi si'achi waan ati dubbatteef amanna miti; nuyi ofuma keenyaa dhageenyeerra, inni kun dhu­guma fayyisaa biyya lafaa akka ta'es in beekna" jedhan*.

Yesus Ilma Hojjetaa Mootii Tokkoo Fayyisuu Isaa

43 Guyyaa lamaan sana booddees Yesus achii ba'ee kutaa biyya Galiilaa dhaqe*. 44 Innumtuu ofii isaatii illee raajiin tokko biyya isaa keessatti akka hin fudhatamne dubbatee ture*. 45 War­ri Galiilaas gara ayyaanichaatti ol ba'anii, guyyaa ayyaanaa sana Yeru­saalemitti kan inni hojjete hundumaa waan arganiif, yeroo inni Galiilaa ga'e isa siman*.

46 Inni deebi'ee Qaanaa Galiilaa, iddoo itti bishaan daadhii wayniitti geddare in dhufe; Qifirnaahomis nami­chi mootiidhaaf hojjetu tokko ture; ilmi isaa duraa dhukkubsatee ture*. 47 Ye-sus Yihudaadhaa Galiilaa dhufuu isaa yommuu dhaga'es, namichi gara isaa dhaqee Qifirnaahomitti gad bu'ee, ak­ka inni ilma isaa isa du'atti dhi'aate fayyisuuf Yesusin kadhate. 48 Yesus immoo, "Silaa isin milikkitaa fi dinqii yoo arguu dhaabaattan hin amantan" jedheen*. 49 Namichi mootiidhaaf hoj­jetu sunis, "Yaa gooftaa kottu, mucaan koo utuu hin du'in gad bu'i!" jedheen. 50 Yesus immoo, "Dhaqi! Ilmi kee siif in jiraata" ittiin jedhe; namichis dubbi­cha Yesus isatti dubbate amanee dha­qe. 51 Gara manaatti utuu inni adeemaa jiruu, hojjetoonni isaa karaatti itti dhu­fanii, ilmi isaa du'a akka oole itti himan. 52 Inni immoo sa'aatii mucichi itti fooyya'e isaan irraa qorannaan, isaan immoo "Kaleessa sa'aatii torbaf­faatti dhagna-gubaan isa dhiise" jedha­niin. 53 Yommus abbaan mucichaa ye­roo itti Yesus, "Ilmi kee siif in jiraata" ittiin jedhetti ta'uu isaa hubate; kana irratti inni, namoonni isaa hundinuus in amanan*. 54 Yesus Yihudaadhaa gara Galiilaatti erga deebi'ee, kanaan milik­kita lammaffaa gochuu isaa ti*.


                                                          Boqonnaa 5

Yesus Bishaan Betzataa Bukkeetti Dhukkubsataa Fayyisuu Isaa

1 Yeroo kana booddee ayyaanni warra Yihudootaa ture, Yesusis Yerusaalemitti ol ba'e*. 2 "Karra hoo­laa" isa jedhamu isa masaraa mandara Yerusaalemitti galchu bukkeedhaan bishaan kuufamaan, afaan Ibraayis­xiitti "Betzataa" jedhamu tokko ture; bishaan sana bira godoo babal'aa shan­tu ture*. 3 Namoonni dhukkubsatan baay'een, warri jaaman, warri naafa­tan, warri dhagni isaanii gar tokko du'es godoota sana keessa ciisanii, [raafamuu bishaanichaa in eeggatu tu­ran. 4 Ergamaan Waaqayyoo yeroo ye­rootti golba bishaanichaa keessa lixee isa in raasa; raafamuu isaa booddee,

namni dura bishaanicha keessa lixe dhukkuba isa kamittii iyyuu in fayya ture].

5 Namni waggaa soddomii saddeet dhukkubsate tokko achi ture. 6 Yesus yommuu namicha dhukkubsatee ciisu sana arge, yeroo dheeraa hammana ga'u dhukkubsachuu isaa erga beekee, "Fay­yuu barbaaddaa?" jedhee isa gaafate. 7 Namichi dhukkubsataan sun, "Goof­taa, bishaanichi yommuu raafamu kuu­fama bishaanichaa keessa nama na buusu hin qabu; ofii kootii immoo utuu ani itti rakkadhuu, namni biraa na dura keessa lixa" jedhee deebiseef. 8 Yesus immoo, "Ka'i, siree kee fudhadhuutii adeemi!" ittiin jedhe*. 9 Namichis achumaan fayyee, siree isaa fudhatee achii adeeme; guyyaan namichi kun fayye guyyaa Sanbataa ture*.

10 Yommus warri Yihudootaa na­micha fayye sanaan, "Har'i Sanbata, siree baachuu seerri si dhowwa" je­dhan*. 11 Inni garuu deebisee, "Nami­cha isa ana fayyisetu, Siree kee fudha­dhuutii adeemi!' anaan jedhe" isaaniin jedhe. 12 Isaan immoo, "Eenyu nami­chi, `Siree kee fudhadhuutii adeemi' jedhee sitti hime?" jedhanii isa gaafa­tan*. 13 Namichi fayye sun garuu eenyu akka isa fayyise hin beekne; Yesus immoo namoonni iddoo sanatti waan tuuta'aniif achii adeemee ture. 14 Erga­sii Yesus namicha fayye sana mana gulqullummaatti argatee, "Kunoo, am-ma fayyiteetta; egaa kan kana irra caalu akka sitti hin dhufnetti, si'achi cubbuu hin hojjetin!" ittiin jedhe*. 15 Namichi yommus dhaqee, kan isa fayyise Yesus akka ta'e warra Yihu­dootaatti hime*. 16 Yihudoonni kana irratti, Yesus hojii akkasii guyyaa San­bataatti waan hojjeteef, isa ari'achuutti ka'an*. 17 Yesus garuu, "Abbaan koo amma iyyuu hojjechuutti jira, anis immoo nan hojjedha" jedhee isaanitti dubbate*. 18 Kana dhageenyaan Yihu­doonni, Yesus seera Sanbataa kan cab-se duwwaa utuu hin ta'in, Waaqayyo abbaadhuma koo ti jechuu isaatiin im­moo ofii isaa Waaqayyotti qixxeessee-ra jedhanii isa ajjeesuudhaaf caalchisa­nii yaadan*.

19 Yesus itti fufee, "Dhuguman isi­nitti hima, ilmi ofuma isaatiin homaa gochuu hin danda'u, isa abbaan isaa hojjetu ilaalee in hojjeta; isuma abbaan hojjetu ilmis immoo akkuma kanatti in hojjeta*. 20 Abbaan ilma in jaallata, ofii isaatii kan hojjetu hundumaa ilmatti in argisiisa; isin akka dinqifattaniif inni hojii kana irra caalu iyyuu isatti argi­siisuuf jedha*. 21 Abbaan warra du'an kaasee akkuma isaan jiraachisu, ilmis immoo warra barbaadu in jiraachisa*. 22 Abbaan ofii isaatii homaattuu hin faradu, firdii hundumaa harka ilma isaatti kenneera malee*. 23 Hundinuu abbaadhaaf ulfina akkuma kennanitti, ilmaafis ulfina has kennan; ilmaaf ulfi­na kan hin kennine, abbaa isa ilma isaa ergeefis ulfina hin kennu*.

24 "Dhuguma, dhuguman isinitti hi-ma, dubbii koo dhaga'ee isa ana ergetti kan amanu jireenya bara baraa qaba; inni du'a keessaa gara jireenyaatti dar­bee malee, gara firdii hin dhaqu*. 25 Dhuguma, dhuguman isinitti hima, yerichi warri du'an sagalee ilma Waa­qayyoo itti dhaga'an dhufuuf jira, am­muma iyyuu dhufeera; warri isa dha­ga' anis in jiraatu*. 26 Abbaan ofuma isaatii burqaa jireenyaa akka ta'e, ak­kuma kanatti ilmi isaan immoo burqaa jireenyaa akka ta'uuf isaaf kenneera*.

27 Inni ilma namaa isa ulfina-qabeessa waan ta'eef, abbaan isaa firdii akka inni faraduuf gooftummaa kenneeraaf*.

28 Waa'ee kanaa hin dinqifatinaa; warri du'anii awwaalaman sagalee isaa ye­roon itti dhaga'an in dhufa*. 29Isaan

awwaala keessaa in ba'u, warri waan gaarii hojjetan jireenya argachuudhaaf in ka'u, warri waan hamaa hojjetan immoo firdiitti dhi'aachuudhaaf in ka'u" jedhe*.

Yesusiif Kan Dhugaa Ba'an

30 Yesus itti dabalee, "Ani humna kootiin homaa gochuu hin danda'u; abbaa koo irraa akkan dhaga'etti nan farada; firdiin ani faradus qajeelaa dha. Anoo yaada koo duukaa bu'uu hin barbaadu, yaada isa ana ergee duukaan bu'a malee*. 31 Ofii kootiif dhugaa nan ba'a yoon ta'e, dhugaa ba'uun koo hin fudhatamu*. 32 Garuu anaaf kan dhugaa ba'u kan biraa tokko jira, dhugaan inni anaaf ba'us amanamaa akka ta'e ani beeka*. 33 Isin Yohannis cuuphaatti na­moota ergitan; inni dubbii amanamaa sanaaf dhugaa ba'eera*. 34 Isin akka fayyitaniifan kana jedha malee, anoo dhugaa ba'uu namaa hin fudhadhu. 35 Yohannis akka ibsaa boba'eetti kan ibsu ture; isin garuu hamma yerootti ifa isaatti gammaduu barbaaddan. 36 Isa Yohannis cuuphaan dhugaa ba'e irra caalaa kan dhugaa anaaf ba'u Baba; hojiin abbaan koo akkan raawwadhuuf dabarsee anatti kenne baay'ee dha; hojiin ani hojjedhu kunis abbaan akka ana erge dhugaa anaaf in ba'a*. 37 Inni ana erge abbaanis immoo ofii isaatii anaaf dhugaa ba'eera; isin utuu inni dubbatuu sagalee isaa takkaa hin dha­geenye, bifa isaas argitanii hin beck­tan*. 38 Isin isa abbaan ergetti hin amantan; kanaaf dubbiin isaa garaa keessan keessa hin turu*. 39 Caaffata qullaa'oo keessaa jireenya bara baraa qabna jettanii waan yaaddaniif, caaffa­toota in qortu; caaffatoonni sunis im­moo anaaf dhugaa in ba'u*. 40 Haa ta'u iyyuu malee, jireenya akka qabaattaniif gara koo dhufuu hin barbaaddan*.


41 "Ani nama biraa ulfina hin fu­dhadhu*. 42 Akka isin Waaqayyoon hin jaallanne, anoo hubadheera*. 43Ani maqaa abbaa kootiin nan dhufe, isin garuu ana hin simanne; kan biraa maqaa ofii isaatiitiin yoo dhufe, isa immoo in simattu*. 44Isin walii walii keessan irraa ulfina fudhattu malee, ulfina isa Waaqayyo tokkicha biraa dhufu hin barbaaddan; egaa, attamitti amanuu dandeessu ree*? 45Ani fuula abbaa koo duratti kanan isin hadhees­su, isinitti hin fakkaatin; kan isin hadheessu jira, innis Musee isa isin abdattanii dha*. 46 Utuu isa Museen caafetti amantan ta'ee, anattis immoo in amantu turtan; Museen waa'ee koo caafeera*. 47 Isa Museen caafee isiniif kenne erga hin amantan ta'ee, attamitti isa ani afaan kootiin isinitti dubbadhu amantu ree?" jedhe.


Boqonnaa 6

Yesus Namoota Kuma Shan Nyaachisuu Isaa

1 Kana booddee Yesus bishaan ciisaa Galiilaa, isa bishaan Xibe­riyaas jedhamu ce'e. 2 Namoonni da­nuun, warra dhukkubsatan fayyisuu isaatiin milikkita inni godhe waan arganiif, isa duukaa bu'an*. 3 Yesus gaafas bartoota isaa wajjin gara dirree gaara tokkootti of ba'ee taa'e*. 4 Ye­roo sana Faasiikaan, ayyaanni warra Yihudootaa dhi'aatee ture*. 5 Yesus achi taa'ee asii fi achi ilaalee, na­moonni danuun gara isaa akka dhufan arge; kana irratti, "Buddeena jarri kun nyaatan eessaa binna?" jedhee Fi­liphosin gaafate*. 6 Kana immoo waan Filiphos jedhu ilaaluuf itti dubbate,

Yesus ofii isaatii waan gochuuf jedhe beeka ture'o. 7 Kana irratti Filiphos deebisee, "Buddeenni meetii dhibba lamaa iyyuu tokkon tokkon isaanii xinnoo xinnoo illee wal hin ga'u" jedheen. 8 Indriiyaas obboleessi Si-moon Phexros, bartoota isaa keessaa tokko kan ture, Yesusitti dubbatee,

"Gurbaan buddeena garbuu shanii fi qurxummii lama qabu tokko as jira; garuu namoota baay'ee kanaaf kun maal godha?" jedhe*.

10 Yesus immoo, "Namoota teessi­saa!" jedhee abboome. Achi margi baay'een jira ture; namoonni akka ku­ma shanii ta'anis marga sana irra taa'an. 11 Kana booddee Yesus buddee­nan sana fuudhee, Waaqayyoof galata galchee, warra taa'aniifis hire; qur­xummicha irraas akkasuma hamma isaan barbaadan hireef. 12 Namoonni erga nyaatanii quufanii, Yesus, "Waan tokko illee akka hin badnetti, hurraa isa hafe walitti qabaa!" jedhee bartoota isaatti hime. 13 Hurraa buddeenan gar­buu shanan jarri nyaatan irraa hafes gundoo kudha lama guutuu walitti qaban. 14 Namoonni sun milikkita Ye-sus argisiise kana yommuu argan, "Kun dhuguma raajicha, isa gara biyya lafaa dhufuuf jiru sana" jedhan*. 15 Ye-sus namoonni kun dhufanii humnaan isa qabanii, mootii isa godhachuudhaaf abbaluutti akka jiran hubatee, kophaa isaa ammas gara gaaraatti jalaa sokke*.

Yesus Bishaan Gubbaa Adeemuu Isaa

16 Yeroo galgalaa'es, bartoonni isaa gara bishaan ciisaa sanaatti gad bu'an. 17 Erga dukkanaa'ee immoo, Yesus am-ma illee gara isaanii hin dhufne iyyuu, bidiruu yaabbatanii gama Qifirnaaho­mitti ce'uuf ka'an. 18 Qilleensi jabaan qilleensofnaan bishaanichi raafame*. 19 Kiilo metrii shanii hamma ja'aatti bidiruudhaan erga adeemanii, Yesus bishaan gubbaa adeemee gara bidiri­chaatti utuu dhi'aatuu arganii sodaatan. 20 Yesus garuu, "Hin sodaatinaa, innoo ana" isaaniin jedhe. 21 Isaan gara bidiri­chaatti isa fudhachuu barbaadan; bidiri­chi garuu achumaan qarqara bishaani­chaa iddoo itti adeemaa turan ga'e.

Namoonni Yesusin Barbaaduu Isaanii

22 Borumtaas namoonni bishaani­cha gamatti hafan sun, kaleessumtii bidiruun tokkichi duwwaan akka achi ture, Yesus immoo bartoota isaa wajjin bidiricha akka hin yaabbatin, bartoonni kophaa isaanii bidirichaan akka adee­man baran. 23 Haa ta'u iyyuu malee, bidiroonni kan biraa Xiberiyaasii gara iddoo sanaa dhufaniiru; iddoon sun immoo lafa itti gooftaan galata galche, namoonni buddeena nyaatan sanatti dhi'oo ture*. 24 Namoonni sun, Yesus, bartoonni isaas akka achi hin jirre baranii, bidiroota yaabbatanii, Yesusin barbaacha gara Qifirnaahomitti ce'an.

Yesus Buddeena ireenyaa Ta'uu Isaa

25 Yommus jarri Yesusin bishaani­cha gamatti argatanii, "Yaa barsiisaa! Yoom as geesse?" ittiin jedhan. 26 Ye-sus immoo deebisee, "Dhuguma, dhu­guman isinitti hima, isin milikkita waan argitaniif utuu hin ta'in, buddee­na nyaattanii waan guuftaniif na bar­baaddu*. 27 Nyaata baduuf hin dha­ma'inaa! Nyaata jireenya bara baraa­tiif argamuuf dhama'aa malee! Ilmi namaa inni Waagayyo abbaan mallat­too itti godhe, nyaata kana isiniif kennuuf jira" isaaniin jedhe*. 28 Isaan immoo, "Egaa hojii Waaqayyoof akka dhamaanuuf maal gochuutu nuuf ta' a?" jedhanii isa gaafatan. 29 Yesus deebisee, "Isa inni ergetti amanuu keessaniin hojii Waaqayyoo in hojjet­tu" jedheen*. 30 Kana irratti isaanis, "Arginee akka sitti amannuuf, milik­kita maalii argisiifta? Maalis hojjetta ree*? 31 Macaafni 'Buddeena akka nyaataniif waaqa irraa isaaniif kenne' akkuma jedhu, abaabiliin keenya lafa onaatti nyaata `Maannaa' jedhamu nyaataniiru" jedhaniin*. 32 Yesus im­moo deebisee, "Dhuguma, dhuguman

isiniin jedha, Museen buddeena waaqa irraa isiniif hin kennine; abbaan koo buddeena isa dhugaa waaqa irraa isi­niif in kenna. 33 Buddeenni Waaqay­yoo isa waaqa irraa gad dhufu, biyya lafaatiifis isa jireenya kennuu dha" jedheen*.


34 Isaan immoo, "Gooftaa, bud­deena kana yeroo hundumaa nuuf ken­ni" jedhaniin*; 35 yommus Yesus, "Ana buddeenni jireenyaa, gara koo kan dhufu hin beela'u, kan anatti amanus matumaa hin dheebotu*. 36 Akkuma ani isinitti hime, isin ana argitaniittu, garuu hin amantan. 37 Ab­baan koo anaaf kan kennu hundinuu gara koo in dhufa, isa gara koo dhufus ani of irraa hin ari'u*. 38 Fedha ofii kootii raawwachuudhaaf miti, fedha isa ana ergee raawwachuudhaafan waaqa irraa gad bu'e malee*. 39 Inni na erge immoo, warra inni anaaf kenne keessaa tokko illee akka ani balleessu hin fedhu, guyyaa booddeetti du'aa akkan isaan kaasu fedha malee*. 40Abbaan koo, namni ana ilma isaa argu, kan anatti amanus hundinuu, jireenya bara baraa akka qabaatu in fedha; anis immoo guyyaa booddeetti du'aa isa nan kaasa*.

41 "Warri Yihudootaa, waan inni, `Ani buddeena isa waaqa irraa gad bu'ee dha' ofiin jedheef, isa irratti in guunguman*". 42 Isaan, "Kun Yesus ilma Yoseef isa abbaa isaa fi haadha isaa beeknu mitii? Amma attamitti Waaqaraan gad bu'e' jedha ree?" jedhan*. 43 Yesus deebisee, "Walii keessanitti hin guunguminaa! " Ab­baan inni ana erge yoo isa harkisuu dhaabaate, homtinuu gara koo dhufuu hin danda'u; isa gara koo dhufu immoo ani guyyaa isa dhumaatti du'aa nan kaasa*. 45 Macaafa raajotaa keessatti, `Hundumti isaanii warra Waaqayyoisaan barsiise in ta'u' jedhamee caafa­meera; abbaa koo irraa kan dhaga'ee fi kan bare hundinuu immoo gara koo in dhufa*. 46 Kanaanis namni tokko illee abbaa argeera jechuu koo miti, isa Waaqayyo biraa dhufe sana duwwaatu abbaa arge malee*. 47 Dhuguma, dhu­guman isinitti hima, namni amanu jireenya bara baraa qaba*. 48 Ana bud­deenni jireenyaa*. 49 Abaabiliin kees­san lafa onaatti nyaata `Maannaa' je­dhamu nyaatan, has ta'u iyyuu malee in du'an*. 50 Buddeenni waaqa irraa gad bu'u garuu akkas miti, namni isa nyaatu hin du'u. 51 Ani buddeenicha jiraataa isa waaqa irraa gad bu'ee dha; eenyu illee buddeena kanattii yoo nyaate bara baraan in jiraata; buddeen­ni ani biyya lafaatiif jireenya fiduu­dhaaf kennus, foon koo ti" isaaniin jedhe*.

52 Kana irratti Yihudoonni, "Nami­chi kun attamitti foon isaa akka nyaan­nuuf nuuf kennuu danda'a?" jedhanii waliin morkatan*. 53 Yesus immoo, "Dhuguma, dhuguman isiniin jedha, isin foon ilma namaa yoo nyaachuu dhaabaattan, dhiiga isaas yoo dhuguu dhaabaattan, jireenya of keessaa hin qabdan*. 54 Eenyu illee foon koo kan nyaatu, dhiiga koos kan dhugu jireenya bara baraa qaba; anis guyyaa isa dhu­maatti du'aa isa nan kaasa*. 55 Foon koo dhuguma nyaata, dhiigni koos dhuguma dhugaatii dha. 56 Foon koo kan nyaatu, dhiiga koos kan dhugu ana keessa in jiraata, anis isa keessa nan jiraadha*. 57 Abbaan inni jiraataan akka na erge, ani immoo sababii abbaatiif akkuman jiraadhu, namni foon koo nyaatu immoo sababii kootiif in jiraa­ta*. 58 Isa kana buddeenni, inni waaqa irraa gad bu'e; akka isa abaabiliin keessan nyaatanii, booddee immoo du'anii miti; buddeena kana kan nyaatu bara baraan in jiraata" jedhe. 59 Yesus Qifirnaahomitti yeroo barsiise mana


Dubbii Jireenya Bara Baraa

60 Bartoota isaa keessaa baay'een kana dhaga'anii, "Kunoo, jecha jabaa dha, eenyutu isa dhaggeeffachuu dan­da'a?" jedhan. 61 Yesus immoo bar­toonni isaa kana irratti guungumuu isaanii beekee, "Kun isin in gufachii­saa? 62 Ilmi namaa kun gara iddoo dur tureetti utuu ol ba'uu yoo argitanoo, attam ree*? 63 Hafuurri in jiraachisa, foon homaa dhimma hin baasu; dub­biin ani isinitti dubbadhe kun hafuura, j ireenyas*. 64 Garuu isin keessa kan hin amanne jiru" jedhe. Yesus jalqa­baa jalgabee eenyufaa akka hin aman­ne, eenyus akka dabarsee isa kennuuf jiru beekeera'o*. 65 Yesus, "Kanaafan `Abbaa biraa yoo kennamuufii dhaa­baate, homtinuu gara koo dhufuu hin danda'u' jedhee isinitti dubbadhe" jedhe*.



66 Yeroo sanaa jalqabanii bartoota isaa keessaa baay'een gara booddee deebi'an; ergasiis isaa wajjin hin adeemne. 67 Yesus yommus warra ku­dha lamaaniin, "Isinis immoo adee­muu in barbaadduu iyyuu?" jedhee gaafate*. 6R Simoon Phexros deebisee, "Si dhiifnee eenyu bira dhaqna ree? Gooftaa, dubbii waa'ee jireenya bara baraa nama barsiisu situ qaba'o. 69 Nu­yi isa tokkicha gulqulluu Waaqayyoo akka ati taate amanneerra, beekneer­ras" jedhan*. 70Yesus immoo, "Ani kudha lamaan keessan fo'adheera mi­tii? Isin keessaa tokko garuu, Seexa­na" isaaniin jedhe*. 71 Kanas waa'ee Yihudaa ilma Simoon, nama biyya Keriyot sanaaf dubbate; innoo warru­ma kudha lamaan keessaa tokkotu, dabarsee isa kennuudhaaf jira ture*.

Yesusii Fi Obboloota Isaa

                                                             Boqonnaa 7

1 Kana booddees Yihudoonni war- ri Yesusiin morman isa ajjeesuu waan yaadaniif, Yesus kutaa biyya Galiilaa keessa deddeebi'e malee, ku­taa biyya Yihudaa keessa deddeebi'uu hin barbaanne*. 2 Ayyaanni Yihudoo­taa inni ayyaana Gordommaa jedhamu tokko dhi'aatee ture*. 30bboloonni Yesus immoo, "Bartoonni kee hojii ati hojjettu akka arganiif, iddoo kanaa ka'ii kutaa biyya Yihudaa dhaqi*! 4 Eenyu illee mul'inatti yoo beekamuu barbaade, hojii isaa dhoksaatti hin hojjetu; amma garuu ati hojii kana hundumaa in hojjetta erga ta'ee, biyya lafaatti of mul'isi!" ittiin jedhan. 5 Ob­boloonni isaa iyyuu isatti hin aman­ne*. 6Yesus immoo, "Yeroon anaaf ta'u amma illee hin geenye, isiniif garuu yeroon hundinuu kan ta'u isi­nitti fakkaata*. 7 Biyyi lafaa isin jib­buu hin danda'u; ana garuu, hojiin isaa hamaa akka ta'e waanan dhugaa itti ba'uuf, in jibba*. 8 Isin ofii keessanii gara ayyaanichaatti ol ba'aa, ani ga­ruu, yeroon anaaf ta'u waan hin raaw­wataminiif, amma illee gara ayyaana kanaatti ol hin ba'u" jedhee isaaniif deebise. 9 Kana isaaniin jedhee, Galii­laatti hafe.

Yesus Ayyaana Gordommaa
Irratti Argamuu Isaa

10 Obboloonni isaa gara ayyaani­chaatti erga ol ba'anii booddee, Yesus immoo mul'inatti utuu hin ta'in dhok­saatti ol ba'e. 11Yihudoonni warri Ye­susiin morman, "Inni eessa jira?" je­chaa ayyaanicha irratti in iyyaafatu turan*. 12Namoonnis waa'ee isaa in guungumu turan; isaan keessaa garri tokko, "Inni nama gaarii dha" jedhan, garri tokko immoo, "Waawuu, inni

namoota karaa irraa kaachisa" jedhan*. I3Haa ta'u iyyuu malee, Yihudoota warra Yesusiin morman waan sodaata­niif, isaan keessaa namni tokko illee waa'ee isaa mul'isee hin dubbanne*.

14 Guyyoonni ayyaanichaa torban erga walakkatanii, Yesus mana qulqullummaatti ol galee barsiisuutti ka'e*. I5Yihudoonni warri Yesusiin morman, "Inni kun barumsa dheeraa utuu hin qabaatin, attamitti macaafota beeke?" jedhanii dinqifatan*. 16 Yesus immoo isaaniif deebisee, "Barsiifni ani barsii­su kan koo miti, kan isa ana ergee ti malee*. I7Namni fedha Waaqayyoo raawwachuu barbaade, barsiifni kun Waaqayyo biraa ta'uu isaa yookiis of keessaa fuudhee dubbachuu koo in hubata. I8Namni of keessaa fuudhee dubbatu, ulfina mataa isaa barbaada; inni ulfina isa isa ergee barbaadu garuu dhuga-qabeessa, jal'innis isa keessa hin jiru*.

19 "Museen seera isiniif kenneera mitii? Isin keessaas tokko illee seericha hin eegne; egaa maaliif ana ajjeesuu barbaaddu ree?" jedhe*. 20Jarri kana irratti, "Seexanatu si keessa jira! Ee­nyutu si ajjeesuu barbaada?" jedha­niin*. 21 Yesus immoo deebisee, "Ani hojii isin dinqisiisu tokko hojjedheera, isin hundumti keessan immoo isa irratti in rifattan*. 22Museen seera dhagna-qa­baa isiniif kenne; dhagna-qabaan kun illee abaabiliidhaan dhufe malee, Mu­seedhaan hin jalqabamne; isin immoo guyyaa Sanbataatti iyyuu nama dhagna in qabdu*. 23 Seerri Musee akka eega­muuf, namni guyyaa Sanbataatti iyyuu dhagna kan qabatu erga ta'ee, guyyaa Sanbataatti waan ani nama guutummaa isaa fayyiseef anatti dheekkamtu ree*? I4Akka bakkeedhaan ilaaltanitti hin fa­radinaa, firdii qajeelaa kennaa malee" isaaniin jedhe*.

Yesus Masiihii Ta'uu Isaa Gaafachuu Isaanii

25 Amma immoo warra Yerusaa­lem keessaa jarri tokko, "Inni kun isa isaan ajjeesuu barbaadan mitii*? 26Ilaa inni mul'inumatti dubbachaa jira, isaa­nis waan tokko illee isa irratti hin dubbatan; warri aboo qaban, akka inni Masiihicha ta'e dhuguma hubatan laa­taa? 27 Haa ta'u iyyuu malee, namichi kun nama eessaa akka ta'e in beekna; Masiihichi yommuu dhufu garuu, ees­saa akka inni ta'e homtinuu hin beeku" jedhan*. 28 Isa irratti Yesus utuu mana qulqullummaa keessatti barsiisuu saga-lee isaa ol fudhatee, "Dhuguma ana beektu, nama eessaa akkan ta'es in beektu. Ofiin hin dhufne, inni ana erge jira; inni amanamaa dha, isin immoo isa hin beektan*. 29 Ani garuu isa biraa nan dhufe, isatus na erge; kanaafis isa nan beeka" isaaniin jedhe*. 30Kana irratti isa qabuu yaadan; garuu yeroon isaa amma illee waan hin ga'iniif, namni tokko iyyuu harkaan isa hin qabne*. 31 Namoota sana keessaa baay'een Yesusitti amanan; isaanis, "Masiihichi yommuu dhufu, isa nami­chi kun argisiise irra caalaa milikkita argisiisa laataa?" jedhan*.


Yesusin Qabsiisuudhaaf Nama Itti Erguu Isaanii

32 Fariisonni yommus isa namoon­ni waa'ee Yesus guunguman dhaga' an; luboonni warri angafoonni, Fariison­nis Yesusin qabsiisuudhaaf naa'ota isaanii isatti ergan. 33 Yesus yeroo sanatti, "Egaa ani yeroo gabaabduu duwwaadhaaf isin biran jira; kana booddee gara isa ana ergee nan dha­qa*. 34 Isin ana barbaaduuf jirtu, garuu ana hin argattan; iddoo ani jirus dhu­fuu hin dandeessan" jedhe*. 35 Yihu­doonni warri Yesusiin morman, "Akka nuyi isa hin argineef namichi kun eessa dhaquudhaaf jedha? Gara Yihu­doota warra biyya Griikotaa keessatti

faca'anii dhaqee Griikota barsiisuu yaadaa*? ana barbaaduuf jirtu, garuu ana hin argattan; iddoo ani jirus dhufuu hin dandeessan' jechuun isaa kun maal jechuu isaa ti?" jedhanii waliin dudubbatan.

Yaa'aa Bishaan Jiraataa

37 Guyyaan dhuma ayyaanichaa guyyoota sana hunduma irra caalaa guddaa ture; guyyaa sanatti Yesus ka'ee dhaabatee, sagalee isaa ol fudha­tee, "Namni dheebote yoo jiraate gara koo haa dhufu, haa dhugus*. 38 Namni anatti amanu akkasuma haa godhu! Macaafni akkuma dubbate, `Yaa'aan bishaan jiraataa garaa isaa keessaa in burqa"' jedhe*. 39 Inni dubbii kana waa'ee hafuura qulqulluu, isa warri isatti amanan fudhachuuf jiraniif dub-bate; inni iddoo ulfina isaatti waan ol hin fudhataminiif, hafuurri qulqulluun amma iyyuu hin kennamne ture*.

Waa'ee Yesus Irratti
Gargar Ba'uu Namootaa

40 Warra dubbii kana dhaga'an kees­saa jarreen tokko, "Namichi kun dhugu­ma raajicha" jedhan*. 41Warri kaan immoo, "Inni Kristos" jedhan; warri kaan garuu, "Kristos Galiilaadhaa dhu­faa*? 42Macaafichi, Kristos sanyii Daa­wit keessaa Betlihem ganda Daawitii akka dhufu hin dubbannee ree?" je­dhan*. 43Namoonni waa'ee isaa irratti yaadaan gargar ba'an*. 44 Isaan keessaa kaan isa qabuu barbaadan; garuu namni tokko iyyuu harkaan isa hin qabne*.

Amanuu Diduu
Warra Aboo Qabanii

45 Naa'onni warri Yesusitti erga­man gara luboota warra angafootaatti gara warra Fariisotaattis in deebi'an; isaan immoo, "Maaliif Yesusin hin dhi'eessine?" jedhanii naa'ota in gaa­fatan*. 46 Naa'onnis, "Akka namicha kanaatti takkaa namni dubbatee hin beeku" jedhanii deebisaniif*. 47 Kana irratti warri Fariisotaa, "Isinuma iyyuu karaa irraa isin kaachise*. 48 Warra aboo qaban keessaa yookiis warra Fa­riisotaa keessaa tokko iyyuu isatti ama­neeraa ree*? 49 Jarattii seera Musee­dhaan kenname hin beekne kana duw­waa dha; isaan immoo abaaramoo dha" jedhaniin. 50 Niqoodemos inni duraan gara Yesus dhaqe immoo, warra Farii­sotaa sana keessaa tokko ture*. 51 Inni yommus, "Seerri keenya afaan isaa irraa utuu hin dhaga'in, waan inni hojjetes utuu hin hubatin nama tokkotti in farachiisaa?" isaaniin jedhe*. 52 Isaan garuu deebisanii, "Atis immoo nama Galiilaa tii? Macaaficha qoriitii ilaali! Galiilaadhaa raajiin hin ka'u" jedhaniin*. 53 Kana booddee hundumti isaanii gara mana mana isaaniitti galan.


                                                     Boqonnaa 8

Dubartii Hadheeffamtee Yesus Duratti Dhi'aatte

[1 Yesus ergasii gara gaara ejer- saatti ol ba'e*. 2 Ganama obboroos deebi'ee gara mana qulqullummaa dha­qe. Namoonni hundinuu gara isaa dhuf­naan, inni immoo taa'ee isaan barsiisuu jalqabe*. 3 Barsiisonni seeraatii fi Farii­sonni dubartii ejja irratti qabamte tokko ol galchanii, namoota gidduu dhaaba­chiisan. 4 Yesusiin immoo, "Barsiisaa, dubartiin kun utuu ejjituu qabamte. 5 Museen seera keessatti, dubartoota akkasii dhagaadhaan rukunnee akka ajjeefnu nu abboomeera; egaa ati im­moo maal jetta?" jedhan*. 6 Isaan ka­naan qabanii isa hadheessuudhaaf, ak­kas jedhanii isa qoran; Yesus garuu gad jedhee quba isaatiin lafatti caafe*. 7 Isaan garuu ittuma dabalanii waan isa gaafataniif, Yesus ol jedhee, "Isin keessaa namni cubbuu hin qabne, du­raan dursee dubartii kanatti dhagaa haa darbatu" isaaniin jedhe*. 8 Kana bood­dee ammas gad jedhee lafatti caafe. Isaan kana dhaga'anii, jaarsoliidhaa hamma warra kaaniitti tokko tokkoon

ba'anii adeeman; Yesusin kophaatti dhiisan; dubartittiinis achuma dhaabat­tee hafte*. 10 Yommus Yesus of jedhee, "Dubartii nana, meerree isaan? Namni tokko illee firdii si irratti hin raawwan­nee?" isheedhaan jedhe. 11 Isheen im­moo, "Tokko illee, gooftaa ko" jettee deebifteef; kana irratti Yesus, "Egaa anis sitti hin faradu, dhaqi ammaa jalqabdee cubbuu hin hojjetin!" ishee­dhaan jedhe*.]

Yesus Ifa Biyya Lafaa Ta'uu Isaa

12 Yesus ammas namootatti dubba­tee, "Ani ifa biyya lafaa ti, namni ana duukaa bu'u ifa jireenyaa in qabaata malee, dukkana keessa hin adeemu" isaaniin jedhe*. 13 Kana irratti warri Fariisotaa, "Ati ofii keetiif dhugaa in baata, dhugaan kees hin fudhatamu" jedhaniin*. 14 Yesus immoo deebisee, "Ofii kootiif yoon dhugaa ba'e iyyuu, eessaa akkan dhufe, eessas akkan dhaqu waanan beekuuf, dhugaan koo in fudha­tama; isin garuu eessaa akkan dhufu, eessas akkan dhaqu hin beektan*. 15 Isin akka yaada namaatti faraddu, ani garuu nama tokkotti iyyuu hin faradu*. 16 Ani yoon farade iyyuu firdiin koo dhugaa dha; anoo kophaa koo miti, isa ana erge abbaatu anaa wajjin jira*. 17 Seera kees­san keessattis immoo, `Dhugaan na­moonni lama dhugaa ba'an in fudhata­ma' kan jedhu caafamee jira*. 18 Ani ofii kootiif dhugaa nan ba'a, abbaan inni ana erges immoo anaaf dhugaa in ba'a" isaaniin jedhe*. 19 Isaan immoo, "Abbaan kee eessa jira?" jedhanii Ye­susin gaafatan. Yesus immoo deebisee, "Isin anas, abbaa koos hin beektan; ana utuu beektanii, abbaa koo immoo in beektu turtan" isaaniin jedhe*.


20 Yesus kutaa mana quIqullum­maa keessaa, iddoo qodaan buusii kaa'amutti dhi'oo taa'ee, utuu barsii­suu dubbii kana hundumaa dubbate. Yeroon isaa amma iyyuu waan hin ga'iniif, namni tokko illee harkaan isa hin qabne*.

Yesus Warra Isatti Hin Amanne
Akeekkachiisuu Isaa

21 Ammas Yesus, "Ani nan adee­ma, isin ana barbaaduuf jirtu; iddoo ani dhaqus dhufuu hin dandeessan, kanaaf cubbuu keessaniin in duutu" jedhee isaanitti dubbate*. 22 Kana irratti Yihu­doonni warri Yesusiin morman, "Iddoo ani dhaqu dhufuu hin dandeessan erga jedhee, of ajjeesinna laataa?" jedhan*. 23 Inni immoo, "Isin kan goodaa kanaa ti, ani immoo kan gubbaa sanaa ti; isin kan biyya lafa kanaa ti, ani garuu kan biyya lafa kanaa miti*. 24 Cubbuu kees­saniin akka duutan isinitti himeera; ani eenyu akkan ta'e beektanii yoo amanuu dhaabaattan, cubbuu keessaniin in duu­tu" isaaniin jedhe*. 25 Kana irratti isaan, "Egaa eenyu ati?" jedhanii isa gaafatan; Yesus immoo, "Maaliifan waan akkasii isinitti dubbadha ree? 26 Ani waa'ee keessaniif kanan dubba­dhu kanan faradus waan baay'een qa­ba; isa na erge irraa waanan dhaga'e, biyya lafaatti nan dubbadha; inni ana erges dhuga-qabeessa" jedhee isaanitti hime*. 27 Isaan garuu waa'ee abbaa isaanitti dubbachuu isaa hin hubanne.

28 Kanaaf Yesus, "Ilma namaa kana erga muka irratti ol fuutanii, eenyu akkan ta'e, ani isa abbaan na barsiise akkan dubbadhu malee, ofiin homaa akka ani hin hojjennes in hubattu*.

29 Inni ana erge anaa wajjin jira; ani yeroo hundumaa kan isa gammachiisu waan ani hojjedhuuf, inni kophaatti ana hin dhiifne" isaaniin jedhe*. 30 Yesus kana yommuu dubbate, namoonni baay'een isatti in amanan*.

Dhugaan Birmaduu Nama Baasuu Isaa

31 Yommus Yesus Yihudoota war­ra isatti amananiin, "Dubbii kootti qabamtanii yoo jiraattan, egaa isin dhuguma bartoota koo ti*. 32 Dhugicha in hubattu; dhugichis birmaduu isin in baasa" jedhe*. 33 Isaan immoo deebisa­niifii, "Nuyi sanyii Abrahaam, nuyi nama tokkoof iyyuu takkaa garba hin taane; attam `Warra birmaduu ba'an in taatu' jetta ree?" jedhan*. 34 Kana ir­ratti Yesus, "Dhuguma, dhuguman isi­nitti hima, namni cubbuu hojjetu hun­dinuu garbicha cubbuu ti*. 35 Garbichi barumaan iyyuu maatii gooftaa isaatti hin lakkaa'amu, ilmichi garuu yoom iyyuu maatii abbaa isaatti in lakkaa'a­ma*. 36 Ilmichi yoo birmaduu isin baa­se, egaa isin warra birmaduu baatanii dha*. 37 Isin sanyii Abrahaam akka taatan ani beeka; has ta'u iyyuu malee, dubbiin koo isin keessatti hundee waan hin godhatiniif, ana ajjeesuu in bar­baaddu*. 38 Ani isan abbaa koo biratti argeen dubbadha; isin immoo isa abbaa keessan irraa dhageessan in hojjettu" isaaniin jedhe.

39 Yihudoonni immoo, "Abbaan keenya Abrahaam" jedhanii deebisa­niif. Yesus garuu deebisee, "Ijoollee Abrahaam utuu taatanii, hojii Abra­haam hojjete in hojjettu turtan*. 40Ani dhugicha isan Waaqayyo irraa dhaga'e isinitti himeera; isin garuu ana nama akkasii ajjeesuu barbaaddu; Abrahaam akka kana hin hojjenne. 41 Isin hojii abbaa keessanii in hojjettu" isaaniin jedhe. Isaan immoo, "Nuyi abbaa hin beekamnettii hin dhalanne; nuyi abbaa tokkicha qabna, innis Waaqayyoo dha" jedhaniin*. 42 Yesus deebisee, "Waa­qayyo utuu abbaa keessan ta'ee, ana in jaallattu turtan; anoo Waaqayyo kees­saa ba'ee, dhufeen as jira; isatu ana erge malee, ani ofiin hin dhufne*. 43 Maaliif akka ani itti dubbadhu hinhubattan? Dubbii koo dhaga'uu waan hin dandeenyeef hin hubattan*.

44 "Isin kan abbaa isa tokkoo, kan Seexanaa ti; kajeellaa hamaa isa kan abbaa keessaniis gochuu in feetu. Jal­qabumaa jalqabee inni sun nama ajjee­saa ture; dhugaan isa keessa waan hin jirreef, inni dhugaa irra hin dhaabanne. Inni sobaa dha, abbaa sobaa tis; kanaaf yommuu sobu isa garaa isaa keessa jiru in dubbata*. 45 Ani garuu isa dhugaa waanan isinitti dubbadhuuf ana hin amantan. 46 Isin keessaa cubbuudhaaf kan ana ceepha'u eenyu? Isa dhugaa yommuun dubbadhu immoo maaliif ana hin amantan*? 47 Kan Waaqayyoo inni ta'e, dubbii Waaqayyoo in dha­ga'a; isin immoo kan Waaqayyoo waan hin ta'iniif dubbii isaa hin dhageessan" jedhe*.

Yesus Abrahaam Dura Iyyuu Jiraachuu Isaa

48 Yihudoonni immoo deebisanii, "Ati nama Samaariyaa ti, hafuurri hamaanis si keessa jira, siin jechuun keenya qajeelaa ture mitii?" jedha­niin*. 49 Yommus Yesus, "Ana keessa hafuurri hamaan hin jiru; ani abbaa koottiifan ulfina kenna, isin garuu ul­fina na dhowwattu. 50 Ani ulfina mataa kootii hin barbaadu, kan isa barbaadu waa'ee isaatiifis kan faradu tokko ji­ra*. 51 Dhuguma, dhuguman isinitti hi-ma, namni dubbii koo eegu bara baraan hin du'u" isaaniin jedhe*. 52 Kana ir­ratti Yihudoonni, "Amma akka hafuur­ri hamaan si keessa jiru hubanneerra; Abrahaam du'eera, raajonnis du'anii­ru; ati immoo, `Namni dubbii koo eegu, bara baraan hin du'u' in jetta*. 53 Ati egaa abbaa keenya Abrahaam isa du'e irra in caaltaa ree? Raajonnis du'anii­ru, ati eenyu of seeta?" jedhaniin*.


54 Yesus immoo, "Ofii kootiif ulfi­na nan kenna yoon ta'e, ulfinni koo homaa miti; abbaan koo inni ulfina anaaf kennu jira; isin iyyuu, `Inni Waaqayyo keenya' in jettu. 55 Haa ta'u iyyuu malee, isa hin beektan, ani garuu isa nan beeka. Isa hin beeku yoon jedhe, akkuma keessan sobduu nan ta'a; anoo dhuguman isa beeka, dubbii isaas nan eega*. 56Abbaan keessan Abra­haam guyyaa koo arguuf waan tureef gammachuudhaan isa eeggate; guyyi­cha argees itti gammade" jedhe*. 57 Ka­na irratti Yihudoonni, "Atoo waggaa shantama iyyuu hin guunne, eessaa Abrahaamin argite?" jedhaniin*. 58 Ye-sus immoo deebisee, "Dhuguma, dhu­guman isinitti hima, Abrahaam utuu hin dhalatin iyyuu ani jiran ture" isaaniin jedhe*. 59Yommus Yihudoonni Yesu­sitti darbachuudhaaf dhagoota funaan­natan; inni garuu of dhoksee mana qulqullummaa keessaa ba'ee adeeme*.




                                                                   Boqonnaa 9

Yesus Nama Dhaloota Isaatii Jalqabee Jaame Tokko Fayyisuu Isaa


1 Yesus utuu darbuu nama dhaloota isaatii jalqabee jaame tokko arge. 2Yommus bartoonni isaa, "Barsiisaa! Namni kun cubbuu eenyuutiif jaamaa ta'ee dhalate? Isatu yakke moo yookiis abbaa isaatii fi haadha isaatu yakke?" jedhanii Yesusin gaafatan*. 3 Yesus im­moo deebisee, "Inni cubbuu hojjeteef yookiis abbaan isaatii fi haati isaa cubbuu hojjetaniif miti, isa fayyisuu­dhaan hojiin Waaqayyoo akka mul'a­tuufjaamaa ta'ee dhalate malee*. 4 Hojii isa ana ergee guyyaadhaan hojjechuun nuuf in ta'a, yeroo namni tokko illee itti hojjechuu hin dandeenye halkan in dhu­fa'o*. 5Biyya lafaa keessa hamman jirutti, ani ifa biyya lafaa ti" isaaniin jedhe*. 6Yesus akkuma kana jedheen lafatti tufee, hancufa isaatiinis biyyoo dhoqqeessee, dhoqqicha ija namichaatti dibe*. 7Namichaanis, "Dhaqi Siilo'am bishaan kuufamaatti dhiqadhu!" jedhe; "Siilo'am" jechuun isa ergame jechuu dha. Namichi yommus dhaqee dhiqatee, ija isaatiinis argaa, deebi'ee dhufe*.*2 Bau 20:5;

8 011oonni isaa, warri kanaan dura utuu inni kadhatuu argan, "Inni kun namicha isa taa'ee kadhachaa ture mitii?" jedhanii gaafatan*. 9 Namoonni kaan, "Eeyyee isuma" jedhan; kaan immoo, "Lakkisaa, isa fakkaata ma-lee" jedhan. Namichi yommus, "Ani isa" jedhe. 1° Namoonni immoo, "Iji kee lachanuu attamitti siif banaman ree?" jedhanii isa gaafatan. 11 Kana irratti inni, "Namicha isa Yesus jedha­mutu biyyoo dhoqqeessee, ija koo la­chuutti anaaf dibee, `Gars bishaan Siilo'am dhaqiitii dhiqadhu!' anaan jedhe. Anis dhaqee dhiqadheetan arguu danda'e" jedhee isaaniif deebise. 12Jarri immoo, "Inni eessa jira?" je­dhanii isa gaafatan; namichi garuu, "Ani hin beeku" jedhee deebiseef.

Fariisonni Akka Itti Namichi Jaamaan Sun Fayye Qorachuu Isaanii

13 Jarri yommus namicha dur jaa­maa ture sana fuula warra Fariisotaatti in dhi'eessan*. 14Guyyaan Yesus biy­yoo dhoqqeessee ija namicha jaamaa bane guyyaa Sanbataa ture*. 15 Fariison­nis immoo attamitti arguu akka danda'e namicha in gaafatan; namichi yommus, "Inni ija koo irra dhoqqee kaa'e, ani immoo nan dhiqadhe, nan arges!" isaaniin jedhe. 16Fariisota keessaa jarri tokko, "Namni kun guyyaa Sanbataa waan hin eegneef, nama Waaqayyo biraa dhufe ta'uu hin danda'u" jedhan. Isaan keessaa kaan garuu, "Namni cub­bamaan attamitti milikkita kana hundu­maa hojjetee argisiisuu danda'a?" je­dhanii kana irratti yaadaan gargar ba'an*. 17Kana booddee warri Fariiso­taa namicha isa jaamaa ture sanaan, "Waa'ee isa ija kee siif bane kanaa maal jetta?" jedhan; yommus namichi, "Inni raajii dha" jedhee deebiseef*.


18 Yihudoonni amma iyyuu, nami­chi kun jaamaa akka ture akka inni arguu danda'es hin amanne; kanaaf abbaadhaa fi haadha namicha isa arguu danda'e kanaa, ofitti waaman. 19 Warra waamaman kanaanis, "Inni kun ilma keessan, isa isin jaamaa ta'ee dhalate jettanii? Amma immoo attamitti arga ree?" jedhanii gaafatan. 20 Abbaan isaa fi haati isaa deebisanii, "Akka inni ilma keenya ta'e, jaamaa ta'ees akka dhalate in beekna. 21 Amma attamitti akka argu hin beeknu; yookiis eenyu ija isaa lachuu akka baneef nuyi hin beeknu; inni nama ga'aa dha, innumtuu waa'ee ofii isaatii in dubbata, isa gaafadhaa!" jedhan. 22 Abbaan isaa fi haati isaa Yihudoota waan sodaataniif kana jedhan; namni "Yesus Masiihi­cha" jedhee dhugaa ba'u, tokkummaa mana sagadaa isaanii keessaa akka baafamu Yihudoonni sun irratti walii galanii turan*. 23 Sababii kanaaf ab­baan isaa fi haati isaa, "Inni nama ga'aa dha, isa gaafadhaa!" jedhan.

24 Ergasii Fariisonni namicha jaa­maa ture sanas si'a lammaffaa waama­nii, "Ati, dhugaa dubbachuudhaan Waaqayyoof ulfina kenni! Namni kun cubbamaa akka ta'e nuyi in beekna" ittiin jedhan*. 25Namichi immoo, "Inni cubbamaa ta'uu isaa ani hin beeku, waan tokkicha duwwaa nan beeka, ani jaamaa ta'een dhaladhe, amma garuu nan arga" jedhee isaaniif deebise. 26 Kana irratti isaan, "Maal siif godhe? Attamittis ija kee siif bane?" jedhanii gaafatan. 27 Inni immoo, "Kanaan dura ani isinitti himnaan dhaga'uu diddan; maaliif ammas dhaga'uu barbaaddu? Tarii isinis immoo bartoota isaa ta'uu feetuu?" jedhee deebiseef. 28 Fariisonni kana irratti namichatti ori'anii, "Situ bartuu isaa ti, nuyi garuu bartoota Musee ti. 29 Waaqayyo Museetti akka dubbate nuyi in beekna; namichi kun garuu eessaa akka inni dhufe iyyuu hin beeknu" jedhaniin*. 30Namichi immoo deebisee, "Inni ija koo anaaf bane, isin immoo eessaa akka inni dhufe iyyuu hin beeknu jettu; kun nama dinqa. 31 Waaqayyo warra cubbamootaaf akka hin dhageenye in beekna; nama isa sodaatuuf jaalala isaas isa raawwatuuf garuu in dhaga'a*. 32Durii durii jalqa­bee, namni ija nama jaamaa ta'ee dhalatee akka bane, dhaga'amee hin beeku. 33Namni kun utuu Waaqayyo biraa dhufuu dhaabaate, waanuma tok­ko iyyuu hojjechuu hin danda'u ture" isaaniin jedhe*. 34 Isaan immoo deebi­sanii, "Ati guutummaatti cubbuudhaan dhalattee nu barsiiftaa?" jedhaniin; yommus namicha tokkummaa mana sagadaa isaanii keessaa in baasan*.

Hafuuratti Jaamaa Ta'uu Namootaa

35 Yesus yommus, Fariisonni na­micha jaamaa ture sana tokkummaa mana sagadaa isaanii keessaa akka baasan in dhaga'e; isa argees, "Him namaatti in amantaa?" ittiin jedhe. 36 Namichi immoo, "Inni isa kam? Yaa gooftaa, anatti himi, itti nan amana!" jedhee deebiseef. 37 Kana irratti Yesus, "Isa' oo dur argite, inni amma sii wajjin dubbachaa jirus isuma" jedheen*. 38Namichi deebisee, "Nan amana, gooftaa ko" jedhee, jilbeenfatee Yesu­siif sagade. 39Yesus ammoo, "Warri hin argine akka argan, warri arguutti jiran immoo jaamota akka ta'an, firdii kennuudhaaf ani gara biyya lafa kanaa dhufeera" jedhe*. 40 F ariisota warra isaa wajjin turan keessaa jarreen tokko kana dhaga'anii, "Nus immoo jaamota jechuu keetii ree?" jedhaniin* 41 Yesus immoo, "Jaamota utuu taatanii cubbuu hin qabdan turtan, amma garuu in argina jettu, kanaaf cubbuun keessan isin irratti in hafa" jedhee isaaniif deebise*.

Yesus Tiksee, Balbala Hoolotaas Ta'uu Isaa

                                                      Boqonnaa 10

1 Yesus itti fufee, "Dhuguma, dhuguman isinitti hima, namni gola hoolotaatti balbalaan ol galuu dhiisee, karaa biraatiin lixu, inni hattuu dha, saamtuu dhas*. 2Namni balbalaan gola hoolotaatti ol galu garuu, inni tiksee hoolota sanaa ti. 3Tiksee sanaaf kella in beeku, inni hoolota isaa maqaa maqaa isaaniitiin isaan waamee gad isaan in baasa*. 4Hoolota isaa hundumaa erga gad yaasee, fuula isaanii dura in adeema; hoolonni sagalee isaa waan beekaniif isa duukaa in bu'u*. 5Sagalee warra ormaa waan hin beekneef, nama orma in baqatu malee, isa duukaa hin bu'an" jedhe. 6Yesus dubbii haalaa kana isaanitti hi-me, isaan garuu wanti inni isaanitti hime kun, maal akka ta'e hin hubanne*.

7 Yesus ammas "Dhuguma, dhugu­man isinitti hima, ana balballi hoolo­taa! 8Warri na dura dhufanii karaa biraatiin lixan hundinuu hattuu dha, saamtuu dhas; hoolonni garuu isaaniif hin dhageenye*. 9Balbalichi ana, inni anaan of galu in fayya; of in gala, gadis in ba'a, dheedichas in argata*. 10 Hat­tuun, waan biraaf utuu hin ta'in, hatuu­dhaaf, qaluudhaaf, balleessuudhaafis in dhufti; ani garuu hoolonni jireenya haa qabaataniif, irraa hafaas haa qa­baataniif dhufeera" jedhe*.

Yesus Tiksee Isa Gaarii Dha

11 Yesus, "Tikseen gaariin ana, tik­seen gaariin lubbuu isaa hoolotaaf in kenna*. 12 Tiksee dhugaa utuu hin ta'in bitamee kan eegu, hoolonnis kan isaa kan hin ta'in, yeeyyiin hoolotatti dhu­fuu yommuu argu, hoolota dhiisee in baqata; yeeyyiinis hoolota butatee, warra hafan in bittimsa*. 13Namichi sun bitamee waan eeguuf, hoolotaaf hin dhimmu. 14 Tikseen gaariin ana, ani hoolota koo beeka, hoolonni koos ana beeku*. 15 Abbaan akkuma ana beeku, anis akkuman abbaa beeku, anii fi hoolonni koo wal beekna; lubbuu koos hoolotaaf nan kenna*. I6Warra gola kanatti galan malees hoolota kan biraa qaba; isaan immoo yaasuun anaaf in ta'a, sagalee koos in dhaga'u; walitti karra tokko in ta'u, tikseen isaaniis tokko in ta'a*. 17 Lubbuu koo deebisee fudhachuudhaaf dabarsee waanan ken­nuuf, abbaan koo na jaallata*. 18Hom-tinuu lubbuu koo na duraa hin fudhatu, anumatu ofii kootiin kenna malee. Ani lubbuu koo dabarsee kennuudhaaf, am-moo deebisee fudhachuudhaaf aboo qaba; abboommii kana immoo abbaa koo biraan fudhadhe" jedhe*.

19 Sababii dubbii kana hundumaa­tiif Yihudoonni ammas yaadaan gargar ba'an*. 20Baay'een isaanii, "Hafuura hammaatu isa keessa jira, qalbiis da­barseera! Maaliif isa dhaggeeffattu?" jedhan*. 21Kaan immoo, "Namni ha­fuurri hamaan keessa jiru, dubbii akka­naa dubbachuu hin danda'u; hafuurri hamaan ija warra jaamaa banuu dan­da'aa ree?" in jedhu turan*.

Yihudoonni Yesusin Tuffachuu Isaanii

22 Yommus Yerusaalemitti ay­yaanni seenaa mana qulqullummaa eebbisuu in ayyaaneffama ture; yeroon isaas yeroo gannaa ture. 23 Yesus im­moo mana qulqullummaa keessa kutaa "Gardaafoo Solomoon" jedhamu, jala in deddeebi' a ture*. 24 Yommus warri Yihudootaa isatti naanna'anii, "Ati hamma yoomiitti garaa keenya rarraaf­ta? Masiihicha yoo taste keessaa baa­sii nutti himi!" ittiin jedhan*. 25 Kana irratti Yesus deebisee, "Ani isinitti himeera, isin immoo hin amantan, hojiin ani maqaa abbaa kootiin hojje­dhu hundinuu anaaf dhugaa in ba'u*. 26 Isin garuu hoolota koo keessaa waan hin ta'iniif, hin amantan*. 27 Hoolonni koo sagalee koo in dhaga'u, ani isaan beeka, isaanis na duukaa in bu'u*. 28 Ani jireenya bara baraa isaaniif nan kenna, isaan bara baraan hin badan, namni tokko illee harka koo keessaa isaan hin butatu*. 29 Abbaan koo inni anatti isaan kenne, hundumaa irra guddaa dha; homtinuus harka abbaa

koo keessaa isaan butachuu hin dan­da'u. 30 Abbaanii fi ani tokko" isaaniin jedhe*.

31 Kana irratti warri Yihudootaa dhaga'anii isa ajjeesuudhaaf ammas dhagaa funaannatan*. 32 Yesus garuu deebisee, "Hojii gaggaarii abbaan koo anatti kenne baay'ee hojjedhee isinitti argisiiseera; isaan kana keessaa hojii isa kamiif dhagaadhaan ana dha'uu bar­baaddu?" isaaniin jedhe*. 33 Yihudoonni immoo, "Ati Waaqayyoon waan arrab­siteef malee, hojii gaarii waan hojjetteef dhagaadhaan kan si dhoofnu miti. Ati nama taatee utuma jirtuu Waaqayyoon of goota'o" jedhanii deebisaniif*. 34 Ye-sus immoo, "`Anoo, isin waaqayyoota isiniin jedheera' kan jedhu seera keessan keessatti caafamee jira mitii*? 35Waa­qayyo warra dubbiin isaa itti kennameen `Waaqayyoota' jedhe; waan macaafni jedhus hin diigamu*. 36Yoos immoo ana, isa abbaan qulqulleessee gara biyya lafaatti erginaan, `Ani ilma Waaqayyoo ti' jedhe kanaan, attamitti `Waaqayyoon arrabsita' jettu ree*? 37Egaa ani hojii abbaa koo hin hojjedhu yoon ta'e, anatti hin amaninaa*. 38 Ani hojii abbaa koo nan hojjedha yoon ta'e garuu, anatti yoo amanuu dhaabaattan iyyuu, hojii kanatti amanaa! Kanaanis abbaan ana keessa, anis abbaa keessa akkan jiru, ba'eessa gootanii in hubattu" isaaniin jedhe*. 39Yihudoonni ammas isa qabachuu bar­baadan; inni garuu isaan harkaa ba'ee sokke*.

40 Yesus ammas gama Yordaanos, iddoo Yohannis duraan itti cuuphaa ture dhaqee, achi bubbule*. 41 Namoon­ni baay'eenis gara isaa dhufanii, "Yo­hannis milikkita tokko illee hin argi­siifne, garuu waa'ee namicha kanaatiif kan inni dubbate hundinuu dhugaa ture" jedhan*. 42 Achittis namoonni baay'een Yesusitti amanan*.

                                                             Boqonnaa 11

Alaazaar Du'uu Isaa

1 Bitaaniyaa ganda Maariyaamii fi obboleettii ishee Maartaatti, namichi Alaazaar jedhamu tokko dhuk­kubsachaa ture*. 2 Maariyaam kun ishee gooftaa urgooftuu dibdee, rifeensa ma­taa isheetiin miilla isaa haxooftee dha; Alaazaar inni dhukkubsate kun immoo obboleessa ishee ti*. 3 Kanaaf obboleet­tonni isaa gara Yesusitti nama erganii, "Gooftaa! Kunoo, inni ati jaallattu in dhukkubsata" jedhan*. 4 Yesus kana yommuu dhaga'e, "Dhukkubni kun Alaazaar du'ee akka hafuuf miti, ulfina Waaqayyoo akka mul'isuuf, ilmi Waa­qayyoos ittiin akka ulfaatuuf malee" jedhe*. 5 Yesus immoo Maartaa fi obbo­leettii ishee, Alaazaarinis in jaallata ture. 6 Garuu dhukkubsachuu Alaazaar erga dhaga'ee iyyuu, iddoodhuma ture sana guyyaa lama oole.

7 Kana booddee garuu Yesus, "Mee kottaa ammas biyya Yihudaa in dhaq­naa!" jedhee bartoota isaatti in dubbate,

8 Bartoonni isaa immoo, "Barsiisa! Dhi'oo kana Yihudoonni dhagaadhaan si dha'uu barbaadan; ati immoo ammas achi dhaquu yaaddaa?" jedhaniin*.

9 Yesus garuu deebisee, "Ifni guyyaa tokkoo sa'aatii kudha laina qaba mitii ree? Namni guyyaadhaan adeemu, ifa aduu waan arguuf hin gufatu*. 10 Namni halkaniin adeemu garuu, ifa of keessaa waan hin qabneef in gufata" jedhe*,

11 Yesus kana erga dubbatee booddee, "Alaazaar firri keenya ra­feera, ani immoo dhaqeen isa dam­maqsa" isaaniin jedhe*. 12 Kana ir­ratti bartoonni isaa, "Yaa gooftaa yoo rafeera ta'eo in fayya" jedhaniin. 13 Yesus akka Alaazaar du'e isaanitti

dubbate, isaan garuu waa'ee rafiitii hirribaa waan dubbate isaanitti fak­kaate. 14 Kanaaf Yesus mul'inumatti, "Alaazaar du'eera; 15 isin amanuu ak­ka dandeessaniif, baga ani achi hin jiraatin; amma garuu kottaa gara isaa in dhaqnaa!" isaaniin jedhe*. 16 Too­maas inni "Diidimos" jedhame immoo, "Egaa kottaa in dhaqna, nuyis barsiisaa wajjin in duunaa!" jedhee bartoota warra kaanitti dubbate*.

Yesus Du'aa Ka'uu Dha,
Jireenyas

17 Yesus yommuu achi ga'e, Alaa­zaar du'ee erga awwaalamee guyyaa afur ta'uu isaa bare*. 18 Bitaaniyaan Yerusaalem irraa akka kiilo metrii sadii yookiis adeemsa walakkaa sa'aa­tii duwwaa in fagaata ture*. 19 Yihu­doonni baay'eenis waa'ee du'a obbo­leessa isaaniitiif Maartaa fi Maariyaa­min jajjabeessuudhaaf dhufanii turan*. 20Maartaan dhufa Yesus dhageessee, gad itti baate; Maariyaam garuu mana keessa in teessi turte*. 21 Maartaan yommus Yesusiin, "Gooftaa utuu ati as jiraattee, obboleessi koo hin du'u tu­re*. 22 Ammuma iyyuu immoo waanu­ma ati isa kadhatte, Waaqayyo akka siif kennu ani nan beeka" jette*. 23 Ye-sus yommus, "Obboleessi kee in ka'a" ittiin jedhe. 24 Maartaan immoo deebif­tee, "Guyyaa isa dhumaatti, yeroo warri du'an du'aa ka'anitti, akka inni ka'u ani beeka" jette*. 25 Yesus garuu, "Du'aa ka'uun, jireenyis ana; namni anatti amanu yoo du'e iyyuu in jiraa­ta*. 26 Utuu jiruu kan anatti amanu hundinuu immoo bara baraan hin du'u; kana amantaa ree?" jedheen*. 27 Isheen kana irratti, "Eeyyee gooftaa, ati Kris­tos, isa gara biyya lafaa dhufuuf jiru, ilma Waaqayyoo akka taate amaneera" jetteen*.

Yesus Alaazaariif Imimmaan
Dhangalaasuu Isaa

28 Maartaan erga kana jettee bood­dee, dhaqxee obboleettii ishee Maari­yaamin suuta jettee waamte; "Barsii­saan as jira, si waamas" jette. 29 Maa­riyaam akkuma kana dhageesseen, daftee kaatee gara Yesus dhaqxe. 30 Yesus iddoodhuma Maartaan isatti dhufte ture malee, amma illee gandi­chatti hin galle*. 31 Yihudoonni warri ishee jajjabeessuudhaaf ishee wajjin mana keessa turan, Maariyaam daftee kaatee gad ba'uu ishee argan; isaan iddoo awwaalaatti boo'uu dhaqxi se'a­nii ishee duukaa in bu'an. 32 Maari­yaam iddoo Yesus ture geessee, erga isa argitee miilla isaatti kuftee, "Goof­taa! Utuu ati as jiraattee, obboleessi koo hin du'u turie" jetteen*. 33 Yesus boo'icha ishee fi boo'icha Yihudoota warra ishee wajjin dhufanii yommuu arge, hafuuratti dhiphatee garaan isaa raafame*. 34 "Eessatti awwaaltan?" je­dhee gaafannaan, "Kottuutii ilaali gooftaa!" jedhanii deebisaniif. 35 Ye-sus imimmaan isaa dhangalaase*. 36 Yommus warri Yihudootaa, "Ilaa attam isa jaallate!" jedhan*. 37 Isaan keessaa garri kaan garuu, "Inni ija nama jaamaa bane kun, Alaazaar akka hin duune gochuu hin danda'u turee?" jedhan*.

Yesus Alaazaarin Du'aa Kaasuu Isaa

38 Yesus ammas of keessatti dhi­phatee, gara awwaalichaa dhaqe. Aw­waalichi holqa dhagaa ti; holqichis dhagaadhaan cufamee ture*. 39 Yom­mus Yesus, "Dhagicha ittii fuudhaa!" jedhe; Maartaan obboleettiin isa du'e immoo, "Gooftaa, yoona foolii go­dhateera, erga awwaalamee har' a guyyaa afuraffaa isaa ti" ittiin jette*. 40 Kana irratti Yesus, "Yoo amante ulfina Waaqayyoo akka argitu, ani sitti hin himnee ree?" isheedhaan jedhe*. 41 Kana booddee isaan dhagi­cha awwaalichattii fuudhan; Yesus garuu ol ilaalee, "Yaa abbaa! Anaaf dhaga'uu keetiif sin galateeffadha*. 42 Akka ati yeroo hundumaa anaaf dhageessu, ani beekeera, garuu na­moonni as dhaabatan kun, akka ati ana ergite has amananiifan kana dub­badhe" jedhe*. 43 Kana jedhee saga-lee guddaadhaan, "Alaazaar as ba'i!" jedhee waame. 44 Kanaaf namichi du'ee ture sun awwaalicha keessaa gad ba'e; miilla isaa lamaanii fi harka isaa lamaanitti wayyaan hidhamee, fuula isaattis uffanni maramee ture. Yesus, "Irraa hiikaatii gad dhiisaa! Haa dhaqu!" jedhee isaan abboome*.

Yesusin Ajjeesuudhaaf
Korachuu Isaanii

45 Yihudoota gara Maariyaam dhufan keessaa baay'een, waan Yesus hojjete arganii itti amanan*. 46 Isaan keessaa kaan immoo gara warra Fa­riisotaa dhaqanii, waan Yesus hojjete isaanitti himan. 47 Kana irratti lu­boonni warri angafoonnii fi Fariison­ni yaa'ii warra Yihudootaa walitti waammatanii, "Waa'ee namicha mi­likkita baay'ee argisiisaa jiru kanaa maal gochuu nuuf wayya*? 48 Akka­sumatti yoo isa dhiifne, namoonni hundinuu isatti in amanu; warri Roo­maas dhufanii, mana qulqullummaa keenya, saba keenyas nu duraa fudha­tu" jedhan*. 49lsaan keessaa tokko, Qayyaafaa inni jedhamu, waggaa sa­natti angafa lubootaa ture; inni, "Isin homaa iyyuu hin beektan. 50 Sabni guutummaatti dhumuu mannaa, nam­ni tokko sabaaf du'uun akka isiniif wayyus hin hubattan" isaaniin je­dhe*. 51 Inni dubbii kana of keessaa fuudhee hin dubbanne; waggaa sanatti angafa lubootaa waan tureef, Yesus saba sanaaf du'uuf akka jiru, raajii dubbate malee*. 52 Saba sana duw­waadhaaf utuu hin ta'in, ijoollee Waaqayyoo warra biyya adda addaatti bittimmaa'an tokkummaatti walittiqabuudhaaf du'uuf ture*. 53 Kanaaf jarri guyyaa sanaa jalqabanii, Yesu­sin ajjeesuudhaaf murtoo godhan*.

54 Yommus Yesus qooda mul'inatti Yihudoota gidduu deddeebi'uu, iddoo sana dhiisee gara kutaa biyyaa isa lafa onaatti dhi'aatuu, gara mandara Ef­reem jedhamuu dhaqee, bartoota isaa wajjin achi in bubbule*.


55 Ayyaanni Faasiikaa warra Yihu­dootaa dhi'aannaan, biyya keessaa na­moonni baay'een, ayyaanichi utuu hin ga'in of qulleessuudhaaf, Yerusaale­mitti ol ba'an*. 56 Isaan kun Yesusii wajjin wal arguu barbaadan; mana qulqullummaa keessa dhaabatanii, "Maal isinitti fakkaata? Gara ayyaani­chaa in dhufa moo?" waliin jedhan*. 57 Luboonni warri angafoonnii fi Farii­sonni, Yesusin qabachuudhaaf, namni iddoo inni jiru beeku akka isaanitti beeksisuuf abboommii baasan.


Maariyaam Yesusin Urgooftuu Dibuu Ishee

                                                                Boqonnaa 12

1Ayyaaneffamuu Faasiikaa

guyyaa ja'aan jiru, Yesus Bi­taaniyaa iddoo Alaazaar ture dhaqe; inni isa Yesus warra du'an keessaa dammaqse ture*. 2 Achitti irbaata qo­pheessaniif; Maartaan in ergamti, Alaazaar garuu warra isaa wajjin maaddiitti dhi'aatan keessaa tokko tu­re*. 3 Maariyaam yommus urgooftuu dibataa makaa hin qabne hidda biqiltuu gati-jabeessa "Naardos" jedhamu irraa kan hojjetame, akka walakkaa liitrii kan ta'u fuutee, miilla Yesus lachuu dibdee, rifeensa mataa isheetiinis ha­xoofte; manichi immoo foolii urgoof­tuu sanaatiin in guutame*. 4 Bartoota isaa keessaa tokko, Yihudaan namni biyya Keriyot, inni isa qabsiisuuf jira ture garuu kana irratti*, 5 "Urgooftuun kun meetii dhibba sadiitti gurguramee, maaliif warra hiyyeessotaaf hin ken­namne?" jedhee dubbate. 6Kana im­moo hiyyeessotaaf oo'ee miti, hattuu waan tureef jedhe malee; korojoo horii isaanii isa baatu keessaas in fudhata ture*. 7Yesus immoo, "Ishee dhiisi! Guyyaa awwaala kootiif na qophees­suudhaaf urgoofticha keesse'o. 8 Na­moota hiyyeessota yeroo hundumaa of biratti in argattu, ana garuu yeroo hundumaa hin argattan" jedhe*.

Luboonni Warri Angafoonni Alaazaaritti Korachuu Isaanii

9 Yihudoota keessaas namoonni so­naan baay'een Yesus achi jiraachuu dhaga'an; yommus Yesus duwwaa­dhaaf utuu hin ta'in, Alaazaarin isa inni warra du'an keessaa dammaqses ilaaluudhaaf achi dhufan*. 10 Yommus luboonni warri angafoonni Alaazaarin immoo ajjeesuudhaaf murtoo godhan. 11Sababiin isaa immoo Yihudoota keessaa baay'een isaaf jedhanii dhaqa­nii, Yesusitti in amanu waan turaniif*.

Yesus Ulfinaan
Yerusaalemitti Lixuu Isaa

12 Borumtaas namoonni sonaan baay'atanii ayyaanichaaf ol ba'an, Ye-sus Yerusaalem akka dhufu dhaga'an. 13Damee muka meexxii harkatti qabata­nii, isa simuudhaaf ba'an; sagalee gud­daadhaanis, "Hosaa'inaa, mootiin Is­raa'el inni maqaa Waaqayyoo gooftaa- tiin dhufu galateeffamaa dha" jedhan*.

14 Yesus yommus ilmoo harree tokko argatee irra taa'e; kunis macaa­fa keessatti caafameera; 15 "Yaa ijool­lee Xiyoon hin sodaatinaa, kunoo, mootiin keessan ilmoo harree irra taa'ee in dhufa" jedhame*. 16 Bar­toonni isaa si' a duraa kana hin huban­ne; Yesus ulfina isaatti erga ol fudha­tamee booddee garuu, kun waa'eeisaatiif akka caafame, kanas akka isaaf godhan in yaadatan*.


17 Namoonni gaafa inni Alaazaarin awwaala keessaa waamee, warra du'an keessaas dammaqse isa bira turan, kana gochuu isaa dhugaa ba'anii tu­ran*. 18 Yommus tuuti jaraa milikkita kana argisiisuu isaa waan dhaga'aniif, isa simuudhaaf ba'an. 19 Warri Fariiso­taa garuu, "Isin waan tokko dhimma baafachuu akka hin dandeenye in argi­tu; biyyi lafaa isa duukaa bu'eera" waliin jedhan*.


Griikonni Tokko Yesusin
Barbaaduu Isaanii

20 Warra yeroo ayyaanichaatti sa­gaduudhaaf ol ba'an keessa, Griikonni tokko turan*. 21Isaan kun Filiphos, nama Betsayidaa isa kutaa biyya Galii­laa sana bira dhufanii, "Yesusin arguu feena, gooftaa" jedhaniin*. 22 Filiphos immoo dhaqee Indriiyaasitti hime; In­driiyaasii fi Filiphos walii wajjin dha­qanii Yesusitti himan. 23Yesus garuu deebisee, "Yeroon ilmi namaa ulfina isaatti ol fudhatamu ga'eera*. 24 Dhu­guma, dhuguman isinitti hima; iji qa­madii biyyoo keessa bu'ee yoo du'uu dhaabaate, tokkichuma ta'ee hafa; yoo du'e garuu ija baay'ee in godhata*. 25 Namni jireenya isaa mararsiifatu ji­reenya isaa in dhaba; namni biyya lafaa kanatti jireenya isaa hin mararsiifanne garuu, jireenya bara baraatiif isa in kaa'ata*. 26Namni tokko yoo anaaf ergamuu barbaade, ana duukaa bu'uun in ta'aaf, inni anaaf ergamus lafa ani jiru in jiraata; namni anaaf ergamu yoo jiraate, abbaan koo ulfina in kennaaf" jedhe*.


Yesus Waa'ee Du'uu Isaa
Dubbachuu Isaa

27 Yesus itti fufee, "Amma lub­buun koo dhiphatteetti; egaa, `Yaa

abbaa yerottii kana na oolchi!' jedhu moo ree? Garuu sababiidhuma kanaaf ani immoo gara yerottii kanaa dhufe*. 28 Yaa abbaa maqaa kee ulfeessi, gud­disi!" jedhe. Yommus sagaleen tokko waaqa irraa dhufee, "Raawwadhee ul­feessee, guddiseera; si'achis nan ul­feessa, nan guddisas!" jedhe*. 29 Tuuta achi ijaajjee dhaga'aa ture keessaa kaan, "Qaqawwee dha" jennaan, kaan immoo, "Ergamaa Waaqayyootu isatti dubbate" jedhan*. 30 Yesus immoo dee­bisee, "Sagaleen kun sababii keessaniif dubbate malee, sababii kootiif miti*. 31 Yeroon firdii biyya lafa kanaa amma, inni hamaan biyya lafaa kana seerratus amma gad in gatama*. 32 Ani yommuun lafa irraa ol kaafamu, nama hundumaa ofitti nan harkisa" jedhe*. 33 Kanas du'a attamii du'uudhaaf akka ture tu­quuf jedhe. 34 Tuuti jaraas deebisanii, "Kristos bara baraan akka jiraatu seera irraa dhageenyeerra; egaa attamitti ilmi namaa ol kaafamuun in ta'a jetta ree? Ilmi namaa kun eenyu inni?" jedha­niin*. 35 Yesus immoo, "Ifni amma iyyuu yeroo gabaabaadhaaf isin bira jira; dukkanni akka isin hin qaqqab­netti, ificha utuu qabdanii adeemaa! Namni dukkana keessa adeemu, gara kam akka dhaqu hin beeku*. 36 Ijoollee ifaa akka taatanitti, ificha utuu qabda­nii ifichatti amanaa!" isaaniin jedhe.

Yesus kana dubbatee isaan biraa adeemee, ija isaanii duraas of dhokse*.

Yihudoonni AmanuuDadhabuu Isaanii

37 Utuma Yesus milikkita baay'ee isaan duratti hojjetee argisiisuu iy­yuu, isaan isatti hin amanne*. 38 Kun immoo dubbiin raajicha Isaayaas ak­ka raawwatamuuf, isa inni, "Yaa gooftaa, eenyutu waan nuyi dhagee­nyee itti himne amane? Irreen Waa­qayyoos eenyutti mul'ate?" jedhe*.39 Isaan amanuu hin dandeenye; Isaa­yaas itti dabale immoo, 40 "Ija isaanii­tiin akka hin arginetti, garaa isaanii­tiinis akka hin fudhannetti akka ani isaan fayyisuufis, akka isaan hin dee­binetti, inni ija isaanii jaamseera, garaa isaaniis jabeesseera" jedhee dubbateera*. 41 Isaayaas ulfina isaa argee, waa'ee isaa waan dubbateef kana jedhe*. 42 Haa ta'u iyyuu malee, Yihudoota warra aboo qaban keessaa iyyuu baay'een itti amananiiru; garuu mana sagadaa isaanii keessaa nu baa­su jedhanii warra Fariisotaa waan sodaataniif, isatti amanuu isaanii hin mul'ifne*. 43 Isaan Waaqayyo irraa ulfina argachuu caalaa nama irraa ulfina argachuu jaallatan*.

Dubbiin Yesus Namatti Faraduu Isaa

44 Yesus sagalee isaa guddisee, "Namni anatti amanu, isa ana erge sanatti amana malee, anatti amana miti*; 45 namni ana argus, isa ana erge sana arga*. 46 Eenyu illee kan anatti amanu dukkana keessatti akka hin hafnetti, ani ifa ta'ee gara biyya lafa kanaa dhufeera*. 47 Namni dubbii koo dhaga'ee yoo eeguu dhaabaate, ani isatti hin faradu; ani biyya lafaa ool­chuudhaaf malee, itti faraduudhaaf hin dhufee*. 48 Nama ana tuffatee, dubbii koo fudhachuu didetti kan fa­radu jira; dubbii ani dubbadhetu guy­yaa isa dhumaatti isatti farada*. 49 Ab­bicha isuma na ergetu ofii isaatii waanan dubbadhu na abboome malee, ani ofuma kootiin hin dubbanne*. 50 Dubbiin inni na abboomes, jireenya bara baraaf akka ta'e ani beeka; egaa waanan jedhu, akka abbaan anatti himettan dubbadha" jedhe*.



                                                                Boqonnaa 13

1 Ayyaana Faasiikaa dura, Yesus biyya lafaa kana keessaa gara abbaa dhaquudhaaf yeroon isaa akka ga'e in beeke; inni biyya lafaa kana keessatti kan isaa warra ta'an akkuma jaallate, hamma dhumaatti jaalala guutuu isaan argisiise*. 2 Ye­roo irbaataatti, Seexanni akka Yihu­daan ilmi Simoon, namni biyya Keri­yot, Yesusin dabarsee kennuuf yaada isaa irra kaa'ate*. 3 Yesus immoo Waaqayyo abbaan waan hundumaa harka isaatti akka kenne, inni ofii isaatii Waaqayyo biraa akka dhufe, gara Waaqayyoos akka dhaqu in bee­ke*. 4 Kanaafis irbaata irraa ka'ee, wayyaa isaa of irraa fuudhee kaa'ee, erbee tokkos fuudhee mudhiitti suuqqate*. 5 Xuwwee miillaatti bishaan buusee, miilla bartootaa dhiqee, erbi­cha mudhiitti suuqqate sanaanis qoor­suutti ka'e*. 6 Simoon Phexros biras geenyaan, Phexros, "Gooftaa situ miilla koo dhiqaa?" ittiin jedhe. 7 Ye-sus immoo, "Waan ani hojjechaa jiru ati amma hin beektu; gara booddeetti garuu in hubatta" jedhee deebiseef*. Phexrosis, "Yoom iyyuu taanaan miilla koo hin dhiqxu" jedheen. Kana irratti Yesus, "Ani yoon si dhiquu dhaabaadhe, na biraa qooda hin qab­du" jedhee deebiseef*. 9 Simoon Phexros yommus, "Yoos miilla koo duwwaa utuu hin ta'in, harkas mataas na dhiqi!" ittiin jedhe. 10 Yesus im­moo, "Kanaan dura kan dhiqate miilla isaa duwwaa dhiqachuu malee, lam­maffaa isaaf hin barbaachisu inni guutummaatti qullaa'aa dha'o; isin qullaa'oo dha, garuu hunda keessan miti" jedheen*. 11 Innoo dabarsee isa kennuuf kan ture, eenyu akka ta'e waan beekeef, "Hundumti keessan qullaa'oo miti" jedhe*.


12 Yesus miilla isaanii dhiqee way­yaa isaa fudhatee, iddoo isaatti erga deebi'ee booddee, "Waanan isiniif go­dhe hubattuu ree? 13 Barsiisaa, goof­taas' jettanii na waamtu, isin akkuma jettan iyyuu ani isa*. 14Ani barsiisaan keessanii fi gooftaan keessan ergan miilla isiniif dhiqee, isin immoo miilla walii walii keessaniif dhiquun isiniif in ta'a*. 15Ani akkuman isiniif godhe, isinis immoo akka gootanitti fakkeenya isiniif ta'eera*. 16 Dhuguma, dhuguman isinitti hima, hojjetaan isa isa hojje­chiifatu irra hin caalu, inni ergames isa ergate irra hin caalu*. 17Kana erga beektanii, akkuma kanaatti yoo hojjet­tan kan ayyaanomtanii dha*.


18 "Ani waa'ee hunduma keessa­niitiif hin dubbadhu, warra ani fo'adhe immoo beeka; inni macaafni, `Namichi buddeena koo nyaate na dhiite!' jedhu garuu, raawwatamuun in ta'a*. 19 Yom­muu inni ta'u `Ani isa ta'uu koo' akka amantaniif, utuu inni hin ta'in duraan dursee amma isinitti nan hima*. 20Dhuguma, dhuguman isinitti hima, namni isa ani erge simatu ana sima­chuu isaa ti, namni ana simatus isa ana erge simachuu isaa ti" jedhee isaanitti dubbate*.


Yesus Waa'ee Dabarfamee Kennamuu Isaa Dubbachuu Isaa

21 Yesus erga kana dubbatee booddee, hafuura isaatti dhiphatee, "Dhuguma, dhuguman isinitti hima, tokko isin keessaa dabarsee na ken­nuuf jedha" jedhee dhugaa ba'e*. 22 Bartoonni garuu waa'ee eenyuutiif akka inni dubbate walii wallaalanii, ija keessa wal ilaalan. 23 Bartoota isaa keessaa inni Yesus jaallate tokko baay'ee Yesusitti maxxanee in taa'a ture*. 24 Kanaaf Simoon Phexros waa'ee eenyuutiif akka Yesus dubba­te has gaafatuuf, nyaaraan bartichatti

argisiise. 25 Bartuun sunis gara Yesu­sitti jedhee, "Yaa gooftaa, eenyu in­ni?" jedhee gaafate*. 26 Yesus im­moo, "Inni ani buddeena afaan­kaa'ata tokko cuuphee kennuuf isa" jedhee deebiseef; si'uma sanas bud­deena afaan-kaa'ata tokko cuuphee, Yihudaa ilma Simoon nama biyya Keriyotiif kenne. 27 Yihudaan akkuma buddeenicha afaan kaa'ateen, See­xanni isatti gale; yommus Yesus, "Waan gochuuf jettu dafii godhi!" ittiin jedhe*. 28 Warra maaddiitti taa'an sana keessaas, maaliif Yesus akkas akka ittiin jedhe, homtinuu hin hubanne. 29 Kaan Yihudaan korojoo horii waan baateef Yesus, "Waan ayyaanaaf nu barbaachisu biti!" ittiin jedhe; yookiis immoo akka inni hiy­yeessotaaf waa kennuuf, itti hime se'an*. 30 Yihudaan buddeena afaan­kaa'ata tokko sana fudhatee, achu­maan gad ba'e; yeroon isaa immoo halkan ture.

Abboommicha Haaraa

31 Yihudaan erga gad ba'ee bood­dee, Yesus, "Egaa ilmi namaa ulfina argachuu isaa ti; Waaqayyos isaan ulfina argachuu isaa ti*. 32 [Waaqayyo isaan ulfina erga argatee], Waaqayyo iinmoo deebisee ulfina isa in argachii­sa, dafees in argachiisa*. 33 Yaa ijool­lee ko, si'achi yeroo gabaabaa duw­waadhaafan isinii wajjin jira; na bar­baaduuf jirtu, `Iddoo ani dhaqu dhufuu hin dandeessan' jedhee Yihudootatti akkuman hime, isinittis immoo amma nan hima*. 34Akka isin wal jaallatta­niif abboommii haaraa isiniif nan ken­na; ani akkuman isin jaalladhe, isinis immoo akka wal jaallattan isin abboo­meera*. 35 Jaalala yoo waliif qabaattan, kanaan namoonni hundinuu akka isin bartoota koo taatan in beeku" jedhe*.


Phexros Ganuuf Akka Jiru Yesus Duraan Dursee Dubbachuu Isaa

36 Yommus Simoon Phexros, "Ees­sa dhaquufjetta yaa gooftaa?" jedheen; Yesus immoo, "Iddoo ani dhaquudhaaf jedhu amma na duukaa dhufuu hin dandeessu, booddee garuu na duukaa in buuta" jedhee deebiseef*. 37Kana ir­ratti Phexros, "Gooftaa maaliifan am-ma si duukaa bu'uu hin danda'u? Anoo siif jedhee lubbuu koo kennuuf jira" jedheen. 38Yesus immoo deebisee, "Maal akkas anaaf jettee lubbuu kee kennita? Dhuguma, dhuguman sitti hi-ma, indaanqoon utuu hin iyyin si'a sadii na ganta" jedhe.


Yesus Karaa GaraAbbaatti Geessu Ta'uu Isaa

                                                     Boqonnaa 14

1Yesus itti fufee bartoota isaatiin, "Garaan keessan hin raa­famin, Waaqayyotti amanaa, anattis amanaa*! 2 Mana abbaa koo keessa iddoon jireenyaa baay'eetu jira; utuu inni hin jiru ta'ee, isinitti nan himan ture; iddoo jiru sana isiniif qophees­suudhaaf nan adeema*. 3 Yommuun dhaqee iddoo sana isiniif qopheessus, iddoodhuma ani jiru isinis akka ji­raattaniif, deebi'ee dhufeetan gara ofii kootiitti isin fudhadha*. 4Lafa ani dhaqu, karicha achi geessus in beektu" jedhe. 5 Toomaas immoo, "Yaa gooftaa, eessa akka ati dhaqxu hin beeknu, karicha iminoo attamitti beekuu dandeenya?" jedheen. 6 Yesus deebisee, "Karichi, dhugaan, jiree­nyis, ana; anaan yoo ta'e malee, eenyu iyyuu gara abbaa hin dhufu*. 7 Ana beektanii utuu jiraattanii, abbaa koos in beektu turtan; ammaa jalqab­danii isa in beektu, isa argitaniittus" jedheen*. 8 Filiphos immoo, "Yaa gooftaa, abbaa nu argisiisi, kanaa achi nu ga'a" ittiin jedhe*. 9 Yesus deebisee, "Utuma ani yeroo dheeraa hammana ga'u isinii wajjin jiraadhuu iyyuu ana hin beeknee, Filiphos? Namni ana arge abbaa arge; attamitti, `Abbaa nu argisiisi' jetta ree*? 10Ani abbaa keessa, abbaanis ana keessa akka jiru hin amantuu ree? Abbaa isa ana keessa jiraatutu hojii isaa hojjeta

malee, dubbii ani isinitti dubbadhu hundumaa ofuma kootiin hin dubba­dhu*. 11 Ani abbaa keessa, abbaanis ana keessa akka jiru na amanaa! Yookiis sababii hojichuma kana hun­dumaaf ana amanaa*!


12 "Dhuguma, dhuguman isiniin jedha, namni anatti amanu waan ani hojjedhu hundumaas in hojjeta; ani gara abbaa waanan dhaquuf kana irra kan caalu iyyuu in hojjeta*. 13 Abbaan ilma isaatiin ulfina akka argatutti, waanuma isin maqaa kootiin kadhat­tan ani nan raawwadha*. 14 Waanuma tokko isin maqaa kootiin yoo kadhat­tan, ani nan raawwadha" jedheen*.

Yesus Hafuura QuIqulluu Abdachiisuu Isaa

15 Yesus itti fufee, "Isin yoo na jaallattan abboommota koo in eegdu*. 16Ani abbaa nan kadhadha, inni bara baraan isin bira haa jiraatuuf, kan biraa kan isiniif dubbatu, isiniif in kenna*. 17Inni isiniif dubbatu kun, hafuura dhugaa ti; biyyi lafaa waan isa hin argineef isa hin beekneefis, isa fudhachuu hin danda'u. Isin garuu, inni isinii wajjin waan turuuf, isin keessas waan jiraatuuf isa beekuuf jirtu*. 18 Ani kophaatti isin hin dhiisu, gara keessan nan dhufa*. 19 Yeroo gabaabduu booddee biyyi lafaa dee­bi'ee ana hin argu, isin garuu ani waanan jiraadhuuf, isinis iinmoo jiraa­chuuf waan jirtaniif na argitu*. 20 Gaa­fas ani abbaa koo keessa, isin immoo ana keessa, anis isin keessa akkan jiru beekuuf jirtu*. 21 Namni abboommii koo qabu, inni isa raawwatus, isa, kan as jaallatu; nama na jaallatu immoo abbaan koo isa jaallachuuf jira, anis isa nan jaalladha, ofii koos isatti mul'isuufan jira" jedhe*.


22 Yihudaa nama biyya Keriyot utuu hin ta'in, Yihudaa inni tokko, "Gooftaa, attamitti ati biyya lafaatti utuu hin ta'in nutti of mul'ifta ree?" ittiin jedhe*. 23 Yesus deebisee, "Ee­nyu illee yoo na jaallate dubbii koo in raawwata, abbaan koo immoo isa in jaallata; nuyis isa bira in dhufna, iddoo jireenyaas isa bira in godhan­na*. 24 Namni ana hin jaallanne im­moo dubbii koo hundumaa hin raaw­watu, dubbiin isin dhageessan kunis kan abbicha isa na ergee ti malee, kan koo miti" jedheen*.


25 Yesus ammoo, "Kana hundumaa utuun isin bira jiruu isinitti himeera. 26Inni isiniif dubbatu hafuurri qulqul­luun, inni abbaan maqaa kootiin ergu garuu, waan hundumaa isin in barsiisa, waanan isinitti hime hundumaas isin in yaadachiisa*. 27Nagaa isin biratti nan hambisa, nagaa koo isiniif nan kenna; ani akka biyyi lafaa kennuttan isiniif kenna miti, garaan keessan hin raafa­min, bin sodaatinis*! 28 `Amma nan adeema deebi'ees isin bira nan dhufa' akkan isiniin jedhe dhageessaniittu; utuu na jaallattu taatanii, waanan gara abbaa dhaquuf in gammaddu turtan, abbaan na caala'o*. 29Kunis yeroo raawwatamu akka amantaniif, duraan dursee utuu inni hin ta'in kunoo, isi­nitti himeera*. 30 Kanatti dabalee si'a­chi waan baay'ee isinii wajjin hin dubbadhu, inni biyya lafaa kana seer­ratu dhufuutti jira; haa ta'u iyyuu malee, inni ana irratti aboo hin qabu*. 31 Garuu ani abbaa jaallachuu koo, akka abboommii abbaan anaaf kennettis hoj­jechuu koo biyyi lafaa haa beeku; ka'aa egaa itti adeemnaa!" jedhe*.


Yesus Muka Waynii Isa hugaa Ta'uu Isaa

                                                         Boqonnaa 15

1 Yesus, "Mukichi waynii inni dhugaan ana, mukicha dhaabee kan eeguu immoo abbaa koo ti*. 2 Damee utuu anatti jiruu ija hin go­dhanne, hundumaa in mura; damee isa ija godhatu hundumaa garuu, caalchi­see akka inni ija godhatuuf irraa in qeexxa'a*. 3 Isin ammuma iyyuu dub­bii ani isinitti dubbadheen qulleeffam­taniittu*. 4 Anatti qabadhaa jiraadhaa! Anis isinitti nan jiraadha; akkuma dameen muka waynichaatti qabatee yoo jiraachuu dhaabaate ofiin ija go­dhachuu hin dandeenye, isin anatti qabattanii yoo jiraachuu dhaabaattan ija godhachuu hin dandeessan. 5 Ani muka waynichaa ti isin immoo da­moota isaa ti; inni anatti qabatee jiraatu, anis isatti jiraadhu, isa ija baay'ee kan godhatu; anattii gargar baatanii waan tokko illee gochuu hin dandeessan*. 6Namni anatti qabatee hin jiraanne, akkuma damee sanaa in gatama, in gogas; damoota akkasiis walitti qabanii ibiddatti in naqu, in gubatus. 7 Isin anatti qabattanii yoo jiraattan, dubbiin koos isin keessa yoo jiraate, waan feetan in kadhattu, isi­niif in ta'as*. 8 Kanaan, ija baay'ee godhachuu keessaniin, bartoota koo akka taatanis mul'isuu keessaniin ul­finni abbaa koo in argama*.


9 "Abbaan akka na jaallate, anis akkasuma isin jaalladheera; jaalala kootti qabamaa jiraadhaa! 10 Akkuma ani abboommii abbaa kootii hundu­maa eegee, jaalala isaattis qabamee jiraadhu, isinis abboommii koo hun­dumaa yoo eegdan jaalala kootti qa­bamtanii in jiraattu*. 11 Gammachuun koo isin keessatti akka argamuuf, gammachuun keessanis guutuu akka ta'uufan kana hundumaa isinitti dub­badhe*.



12 "Abboommiin koo isa kana; ani akkan isin jaalladhe, isinis wal jaa/-ladhaa*! 13 Namni tokko firoota isaa­tiif jireenya isaa dabarsee kennuu irra kan caalu, jaalala guddaa qabaachuu hin danda'u*. 14 Waanan isin abboo­me yoo gootan, isin firoota koo ti*. 15 Ani garboota isiniin hin jedhu, gar­bichi waan gooftaan isaa godhu hin beeku'o; ani garuu firoota koo isiniin jedheera, waanan abbaa koo irraa dhaga'e hundumaas isin beeksisee­ra*. 16 Isin ana hin fo'anne, anatu isin fo'ate; dhaqxanii akka ija godhatta­niif, iji keessanis akka jiraatuuf, ma­qaa kootiin abbaa waan kadhattanis akka inni isiniif kennuuf, ani isin kaaseera*. 17 Kana hundumaa akka isin wal jaallattaniifan isin abbooma" jedhe*.

Jibba Biyya Lafaa

18 Yesus itti dabalees, "Biyyi la­faa yoo isin jibbe, isin dura akka ana jibbe beekaa*! " Kan biyya lafaa utuu taatanii, biyyi lafaa akka kan isaatiitti isin in jaallata ture; amma garuu anatu biyya lafaa keessaa isin fo'ate malee, isin kan biyya lafaa waan hin ta'iniif, biyyi lafaa isin in jibba*. 20 Dubbii ani, `Hojjetaan isa hojjechiifatu irra hin caalu' jedhee isinitti hime yaadadhaa! Kanaaf na ari'atanii yoo jiraatan isinis in ari'a­tu; dubbii koo eeganii yoo jiraatan, dubbii keessanis in eegu*. 21 Sababii kootiif jedhanii kana hundumaa isin irratti in raawwatu, isa na erge sana hin beekani'o*. 22 Utuu ani dhufee isaanitti hin dubbanne ta'ee, cubbuu isaanitti hin ta'u ture; amma garuu cubbuu isaaniif waan itti qabatan hin argatan*. 23 Namni na jibbu, abbaa koos immoo in jibba*. 24 Utuu hojii namni biraa tokko illee hin hojjetin kana hundumaa, ani isaan gidduutti hin hojjenne ta'ee, cubbuu isaanitti hin ta'u ture; amma garuu hojii kana hundumaa utuma arganii, anas abbaa koos in jibban*. 25 Kana gochuun isaaniis, dubbiin seera isaanii kees- satti, `Sababiidhuma malee na jibban'

jedhamee caafame akka raawwata­muuf*.


26 "Hafuura isa isiniif dubbatu, ab­baa biraa isiniif nan erga; hafuurri dhugaa inni abbaa biraa ba'u sun yommuu dhufu, anaaf dhugaa in ba'a*. 27lsinis immoo jalqabaa jalqabdanii anaa wajjin waan turtaniif, dhugaa in baatu" jedhe*.



Sababii Jibba Biyya Lafaa

Boqonnaa 16

1 Yesus itti fufee, "Ani kanahundumaa karaa irraa akka isin hin gufanneefan isinitti hime*. 2 Man­neen sagadaa isaanii keessaa isin in baasu; caalaadhumatti iyyuu yeroon itti isin ajjeesan in dhufa; namni yoo isin ajjeeses Waaqayyoof waan hojjetu isatti fakkaata*. 3 Isaan abbaa yookiis ana waan hin beekiniif kana hundumaa in godhu*. 4Egaa yeroon, kun hundi­nuu itti ta'u yommuu ga'u, kana isinitti himuu koo akka yaadattaniifan, kana isinitti dubbadhe. Ani jalqabatti dubbii kana isinitti hin himne, yommus ofii kootii isinii wajjinan ture" jedhe*.

Hojii Hafuura Qulqulluu

5 Yesus, "Amma garuu gara isa na ergee nan dhaqa, isin keessaas tokko illee, Tessa dhaqxa?' jedhee ana hin gaafatu*. 6 Waan ani kana jedheef im­moo, garaan keessan baay'ee gaddee­ra*. 7Dhuguman isinitti hima, yoon adeeme isiniif wayya; yoon adeemuu dhaabaadhe inni isiniif dubbatu gara keessan hin dhufu; ani yoon dhaqe garuu isa isiniifan erga*. 8lnni yom­muu dhufu waa'ee cubbuu, waa'ee qajeelummaa, waa'ee firdiis, biyya la­faa in hubachiisa*. 9lsaan waan anatti hin amanneef, cubbuu isaanii in argi­siisa*; 10 ani gara abbaa dhaquu kootiin isinis na arguu dhabuudhaan qajeelum­maa koo in argisiisa*; 11 isa biyya lafaa kana abboomutti faradamuu isaatiin, firdii in argisiisa*.


12 "Ani waan baay'ee kanan isinitti himu illee qaba, ammaaf garuu baa­chuu hin dandeessan*. 13 Hafuurri dhu­gaa sun yommuu dhufu, gara dhugaa hundumaa keessatti isin in geessa; inni waan dhaga'u dubbata malee, of kees­saa fuudhee hin dubbatu; waan dhufuuf jirus isinitti in mul'isa. 14Dubbii koo keessaa fuudhee waan isinitti mul' i­suuf, inni anaaf ulfina in kenna. 15 Waan abbaan qabu hundinuu kan koo ti; kanaafan inni dubbii koo keessaa fuudhee isinitti in mul'isa, jedhee isi­nitti dubbadhe" jedhe*.


Gaddi Bartootaa Gammachuutti Geddaramuu

16 Yesus, "Yeroo xinnoo booddee na arguu in dhabdu, ammoo yeroo xinnoo booddee deebitanii na argitu" jedhe*. 17Bartoota isaa keessaa kaan, "`Yeroo xinnoo booddee na arguu in dhabdu, ammoo yeroo xinnoo booddee deebitanii na argitu', yeroo biraa im­moo, `Ani gara abbaa dhaquu koo ti' nuun jechuun isaa kun maali?" waliin jedhan. 18 Itti fufaniis, "`Yeroo xinnoo' jechuun isaa kun maali? Maal akka inni jedhu hin beeknu" jedhan*.


19 Yesus akka isaan isa gaafachuu barbaadan baree, "Inni ani `Yeroo xinnoo booddee na arguu in dhabdu, ammoo yeroo xinnoo booddee deebita­nii na argitu' jedhe maal jechuu akka ta'e, wal gaggaafachaa jirtuu*? 20 Dhu­guma, dhuguman isiniin jedha; isin in boossu in wawwaattus; biyyi lafaa garuu in gammada; isin in gadditu,

gaddi keessan garuu gammachuutti in geddarama*. 21Dubartiin ciniinsifattu yeroon ishee waan ga'eef in gadditi; mucaa erga deessee garuu, namni biy­ya lafaatti waan dhalateef, gammachuu irraa kan ka'e rakkina ishee sana hin yaadattu*. 22Akkasuma isinis amma gadda qabdu; garuu ani deebi'ee isin nan arga, garaan keessanis in gamma­da, gammachuu keessanis eenyu illee isin duraa hin fudhatu*. 23 Gaafas isin homaa ana hin gaafattan; dhuguma, dhuguman isinitti hima, waanuma isin maqaa kootiin isa kadhattan abbaan isiniif in kenna*. 24Hamma ammaatti isin maqaa kootiin waan tokko illee hin kadhanne; egaa gammachuun keessan guutuu akka ta'uuf kadhadhaa, in fu­dhattus!" isaaniin jedhe*.


Mo'amuu Biyya Lafaa

25 Yesus, "Kana hundumaa dubbii haalaatiin isinitti dubbadheera; garuu yeroon ani dubbii haalaatiin isinitti hin dubbanne in dhufa; yoinmus mul'inat­tan waa'ee abbaa isinitti hima*. 26 Gaa­fas isin maqaa kootiin in kadhattu, ani iinmoo abbaatti isiniif nan dubbadha isiniin hin jedhu. 27Isin waan na jaal­lattaniif, abbaa biraa dhufuu koos waan amantaniif, abbaan ofii isaa isin in jaallata*. 28Abbaa biraa ba'een gara biyya lafaa dhufe, deebi'ee immoo biyya lafaa nan dhiisa gara abbaas nan dhaqa" jedhe*.



29 Yommus bartoonni isaa, "Ku­noo, amma'oo dubbii haalaatiin hin dubbattu, mul' inatti himta*. 30 Amma ati waan hundumaa, gaaffii namni qabu iyyuu utuu inni si hin gaafatin akka beektu nuyi barreerra; kanaanis Waaqayyo biraa akka ati dhufte in amanna" jedhaniin*. 31 Yesus immoo isaaniif deebisee, "Amma in aman­tuu? 32 Yeroo isin itti kophaatti na dhiiftanii gara mana mana keessaniitti bittimmooftan in dhufa, ammuma iy­yuu immoo dhufeera; ani garuu ko­phaa koo miti, abbaan anaa wajjin jira*. 33 Anatti qabamtanii nagaa akka qabaattaniif ani kana hundumaa isi­nitti hime; biyya lafaatti rakkina qab­du, garuu jabaadhaa! Ani biyya lafaa mo'eera" jedhe*.


Yesus Bartoota Isaatiif Kadhachuu Isaa

17

                                                             Boqonnaa 17

Dubbii kana erga dubbateebooddee, Yesus gara waaqaatti ol ilaalee, "Yaa abbaa, yerichi ga'eera, ilmi kee ulfina akka siif kennuuf, ilma kee gara ulfinaatti ol fudhadhu*. 2 Ak­kuma ati foon-qabeessa hundumaa ir­ratti aboo isaaf kennite, inni immoo warra ati isaaf kennite hundumaaf ji­reenya bara baraa has kennuuf*. 3Si Waaqayyo isa tokkicha, isa dhugaa, Yesus Kristosin isa ati ergites beekuun isaanii jireenya bara baraa ti*. 4Ani lafa irratti ulfina siif kenneera, hojii akka ani hojjedhuuf ati anaaf laattes raawwadheera*. s Ammas yaa abbaa, ulfina isa utuu biyyi lafaa hin uumamin ani si biratti qaba tureen, ofii kee biratti ulfina anaaf kenni*!



6 "Biyya lafaa keessaa warra ati anaaf laattetti maqaa kee beeksiseera. Isaan kan kee turan, ati immoo anaaf isaan laatte; isaanis dubbii kee eega­niiru*. 7 Ammas wanti ati anaaf ken­nite hundinuu si biraa ta'uu isaa hubataniiru. 8 Dubbii ati anaaf kenni­te hundumaa ani immoo isaaniif ken­neera. Isaanis fudhatanii, ani si biraa akkan dhufe dhuguma hubatan; akka ati na ergites amanan*. 9 Ani isaanii­fan kadhadha, biyya lafaatiif hin ka­dhadhu, warra ati anaaf kenniteef malee; isaanoo kan kee ti*. 10 Kan koo hundumtuu kan kee ti, kan kees kan koo ti, ulfinni koos isaaniin in mul'a­ta*. 11 Ainmas ani si'achi biyya la­faatti hin argamu, isaan garuu biyya lafaa keessa jiru; ani immoo gara kee

nan dhufa. Yaa abbaa qulqulluu, ak­kuma nuyi tokko taane, warri ati anaaf kennites tokko akka ta'aniif, maqaa keetiin isaan eegi*! 12 Hamma ani isaan bira turetti, humna maqaa keetii isa ati anaaf kenniteen isaan nan eege; waan hamaattii isaan eegee­ra, dubbiin macaafaa akka raawwata­muufis isaan keessaa ilma badiisaa malee, tokko illee kan bade hin jiru*. 13 Amma garuu gara kee nan dhufa, isaan immoo gammachuu koo guu­tummaatti akka qabaataniif, dubbii kana biyya lafaa keessatti nan dubba­dha*. 14 Ani dubbii kee isaaniif ken­neera; akkuma ani kan biyya lafaa hin ta'in, isaanis kan biyya lafaa waan hin ta'iniif, biyyi lafaa isaan jibbe*. 15 Isa hamaattii akka isaan eegduuf malee, biyya lafaa keessaa akka isaan baaftuuf si hin kadhadhu*. 16 Akkuma ani kan biyya lafaa hin ta'in, isaanis kan biyya lafaa miti. 19 Dubbiin kee dhugaa dha, dhugichaan isaan qulqul­leessi*. 18 Akka ati biyya lafaatti na ergite, anis akkasuma biyya lafaatti isaan ergeera*. 19 Isaan immoo dhu­gaatti kan quIqullaa'an akka ta'aniif, ani isaaniif jedhee of nan qulleessa*.



20 "Isaan kana duwwaadhaaf miti, warra dubbii isaanii dhaga'anii anatti amananiifis immoo nan kadhadha ma­lee*. 21 Isaanis tokko haa ta'aniif, yaa abbaa, akka ati ana keessa jirtu anis si keessa akkan jiru, isaanis nu keessa haa jiraataniif, biyyi lafaas ati akka na ergite haa beekuuf kadhachuu koo ti*. 22Akkuma nuyi tokko taane, isaanis tokko haa ta'aniif, ulfina ati anaaf kennite isaaniif kenneera*. 23 Ani isaan keessa atis na keessa jiraachuu keetiin isaanis raawwatanii tokko haa ta'an; biyyi lafaas ati na erguu kee, akkuma na jaallattes isaan immoo jaallachuu kee haa beeku*! 24 Yaa abbaa, isaan atianaaf kennite kun iddoon ofii jiraadhu haa jiraataniif, ulfina isa ati biyyi lafaa utuu hin uumamin waan na jaallatteef anaaf laattes, haa arganiif nan fedha*. 25 Yaa abbaa ko, qajeelaa! Biyyi lafaa kun si hin beeku, ani garuu si beeka, isaan kunis immoo ati akka na ergite beekaniiru*. 26 Maqaan kee isaan bi­ratti akka beekamu godheera, jaalalli ati ittiin na jaallatte isaan keessa akka jiraatuuf, anis isaan keessa akkan jiraa­dhuuf, ammas akka beekamu nan go­dha" jedhe*.


Yesus Qabamuu Isaa

                                                                                        Boqonnaa 18

1 Yesus dubbii kana erga dubbatee bartoota isaa wajjin ka'ee, iddoo dhaabaa dachaa Qedroon gama jiru tokko dhaqe; inni, bartoonni isaas dhaabaa sana keessa lixan*. 2 Yesus yeroo baay'ee bartoota isaa wajjin achitti wal arga waan tureef, Yihudaan inni dabarsee isa kennuuf ture iddoo
sana in beeka*. 3 Yommus Yihudaan loltuu kutata tokko, warra eegduu mana qulqullummaa, luboota angafootaa fi Fariisota biraa ergamanis, of duukaa buusee dhufe; jarri guca, ibsaa, mi'a lolaas in baatu turan. 4 Yesus waan isatti dhufuuf jiru hundumaa beekee, ka'ee itti adeemee, "Eenyuun barbaaddu?" isaaniin jedhe*. 5 Isaan immoo deebisanii, "Yesusin namicha biyya Naazireet" jedhan; kana irratti Yesus, "Innoo, ana" jedhe. Yihudaan inni dabarsee isa kennus isaanumaa wajjin in dhaabata ture. 6 Yeroo inni, "Innoo, ana" isaaniin jedhetti gara booddee isaaniitti deebi'anii in kukkufan*. 7 Ammas, "Eenyuun barbaaddu?" jedhee isaan gaafate; isaan immoo, "Yesusin namicha biyya Naazireet" jedhan. 8 Yesus deebisee, "`Innoo, ana',vjedhee isinitti himeera; kanaaf ana barbaaddu yoo ta'e, isaan kana dhiisaa, haa dhaqan!" jedhe. 9 Dubbiin inni kanaan dura, "Warra ati anaaf kennite keessaa tokko illee hin ganne" jedhe, akka raawwatamuuf kana dubbate*.

10 Simoon Phexros, billaa qaba ture iyyuu, luqqifatee naa'oo angafa luboo­taa rukutee, gurra isaa mirgaa irraa kute; maqaan naa'oo sanaa immoo Maalkos ture. "Yesus garuu Phexrosiin, "Billaa kee mann'ee isaatti deebisi! Xoofoo dhiphinaa abbaan anaaf kenne keessaa hin dhuguu ree?" jedhe*.

Yesus Haannaas Duratti 678Dhi'aachuu Isaa

12 Kutati warra loltuu, angafni ku­maas, karaa warra Yihudootaa immoo eegdonni mana qulqullummaa Yesusin gabanii hidhan. 13Duras Haannaasitti isa geessan; Haannaas abbiyyuu Qay­yaafaa ti, Qayyaafaan immoo bara sa­natti angafa lubootaa ture*. 14 Qayyaa­faan kunis, namni tokko sabaaf du'uu akka wayyu Yihudoota isa gorse ture*.

Phexros Yesusin Ganuu Isaa

15 Simoon Phexrosii fi bartuun kan biraa tokko Yesus duukaa dhaqan; bartuun inni kaan angafa lubootaa bi­ratti beekamaa waan tureef, Yesusii wajjin oobdii mana angafa lubootaa sana lixe*. 16Phexros immoo karaa alaa karra dura in dhaabata ture; kanaaf bartuun inni kaan, inni angafa lubootaa biratti beekame sun, gad ba'ee xombo­ree ishee karra eegdutti dubbatee, Phexrosin of galche*. 17 Xomboreen karra eegdu sun Phexrosiin, "Atis bar­toota namicha kanaa keessaa tokko mitii ree?" jette; inni immoo, "Ana miti" jedhe*. 18 In dhaamota waan tu­reef, hojjetoonnii fi eegdonni ibidda cilaattii qabsiisanii, ijaajjanii in qaq­qaammatu turan; Phexrosis isaanii waj­jin dhaabatee in qaqqaammata ture.


Angafni Lubootaa Yesusin Gaaffii Gaggaafachuu Isaa

19 Angafichi lubootaa yommus Ye­susin waa'ee bartoota isaatii fi waa'ee barsiisa isaatii gaggaafate. 20 Yesus im­moo deebisee, "Ani mul'inatti biyya lafaatti dubbadheera; yeroo hundumaas mana sagadaa fi mana qulqullummaa iddoo Yihudoonni hundinuu itti wal ga'anitti barsiiseera; dhoksaattis waan tokko illee hin dubbanne*. 21 Egaa maaliif na gaafatta ree? Waanan isaa­niin jedhe, warra na dhaga'e gaafadhu; isaan waanan jedhe in beeku" jedheen.

22 Yeroo inni kana jedhetti, eegdota isa bukkee dhaabatan keessaa tokko, "Ak­kasitti angafa lubootaatiif deebii dee­biftaa?" jedhee maddii isaa kabale*.

23 Yesus deebisee, "Yoon dabaa dubba­dheera ta'e, dabaa sana mul'isii dhugaa ba'i! Dubbii qajeelaa yoon dubbadhe garuu maaliif na rukutta ree?" jedheen.

24 Haannaas ergasii Yesusin, akkuma inni hidhamee jirutti, gara Qayyaafaa angaficha lubootaatti in erge*.

Phexros Ammas Yesusin Ganuu Isaa

25 Simoon Phexros dhaabatee utuu ibidda qaqqaammachaa jiruu, warri kaan, "Atis bartoota isaa keessaa tokko mitii?" jedhanii isa gaafatan; inni ga­ruu, "Ana miti" jedhee gane*. 26 Hojjetoota angafa lubootaa keessaas tokko, firri isa Phexros gurra isaa kutee, "Isaa wajjin iddoo dhaabaa sana keessatti ani si hin arginee?" jedhe*. 27Phexros garuu ammas in gane; yommusumas indaanqoon in iyyite*.

Yesus Philaaxos Duratti Dhi'eeffamuu Isaa

28 Ergasii Yesusin mana Qayyaa­faatii gara mana mootummaa warra

Roomaa, lafa inni biyya bulchu jiraa­tutti geessan; yeroon isaas ganama barii ture. Warri Yihudootaa ofii isaa­niitii hoolaa Faasiikaa nyaachuudhaaf of in eeggatu waan turaniif, akka hin xuroofneef mana mootummaa warra Roomaa sana hin linne. 29 Kanaaf Phi­laaxos gara isaaniitti gad ba'ee, "Wanti isin namicha kana ittiin hadheessitan maali?" jedheen. 3° Isaan immoo deebi­sanii, "Utuu inni kun nama hamaa hojjete ta'uu dhaabaate, nuyi sitti da­barsinee isa hin laannu turre" jedha­niin. 31 Philaaxos immoo, "Isinumti isa fudhadhaa, dhaqaatii akka seera kees­saniitti isatti faradaa!" isaaniin jedhe. Waai Yihudootaa garuu, "Nuyi nama tokko illee ajjeesuuf seerri nuuf hin kennu" jedhaniin*. 32 Kanas, Yesus du'a attamiitiin du'uuf akka jiru tuquu­dhaaf kan inni jedhe, akka raawwata­muuf dubbatan*.


33 Philaaxos yommus gara mana mootummaa sanatti ol deebi'e, Yesusin waamsisee, "Ati mooticha Yihudootaa tii?" jedhee isa gaafate. 34 Yesus dee­bisee, "Kana yaaduma keetiin dubbatta moo yookiis warra kaantu waa'ee koo sitti hime?" jedhe. 35 Philaaxos immoo, "Anatu Yihudii dha moo ree? Saba keetu, luboota warra angafootatus anatti dabarsee si kenne, ati maal goote?" jedhe*. 36 Yesus garuu deebi­see, "Mootummaan inni kan kootii mootummaa biyya lafa kanaa miti; utuu mootummaa biyya lafa kanaa ta'ee, akka ani warra Yihudootaatti hin kennamneef, namoonni koo anaaf in lolu turan; garuu mootummaan inni kan kootii mootummaa biyya lafa kanaa miti" jedhe*. 37 Philaaxos, "Yoos im­moo ati mootii dha kaa?" jedheen; Yesus deebisee, "Akka ani mootii ta'e ati iyyuu in jetta, dhugaadhaaf dhugaa ba'uufan dhaladhe, kanumaafanis gara biyya lafaa dhufe; inni kan dhugaa ta'e hundinuus, sagalee koo in dhaga'a" jedhe*. 38 Kana irratti Philaaxos, "Dhu­gaan maal inni?" jedheen*.


Kana dubbatee ammas gara warra Yihudootaatti gad ba'ee, "Ani dabaa tokko illee isa irratti hitt argu. 39 Garuu Faasiikaatti nama hidhame tokko ak­kan isiniif gad dhiisu, amala godhatta­niittu; mooticha Yihudootaa kana ak­kan isiniif gad dhiisu in feetuu?" isaaniin jedhe. 40 Isaan itti iyyanii, "Isa kana miti, Barabbaa malee!" jedhan; Barabbaan kun immoo saamtuu ture.

Yesusitti Du'i Faradamuu Isaa

                                                        Boqonnaa 19

Yommus Philaaxos Yesusin achii fuudhee reebsise. 2 Warri loltuu gonfoo qoraattii hojjetanii, ma­taa isaa irra kaa'an; uffata dhiilgees itti uffisan*. 3 Gara isaatti deddeebi'aniis, "Attam ree, yaa mootii Yihudootaa!" jedhanii isa in kabalu turan*. 4 Philaa­xos ammas gad ba'ee, "Dabaa tokko illee akkan isa irratti hin argine akka beektaniif, kunoo, gara keessanittan gad isa baasa" isaaniin jedhe*. 5 Yesus immoo gonfoo qoraattii kaa'atee, uffa­ta dhiilgees uffatee gad ba'e; yommus Philaaxos, "Namichi kunoo ti ilaalaa!" isaaniin jedhe*. 6 Luboonni warri anga­foonnii fi eegdonni yeroo isa argan, "Fannisi! Fannisi!" jedhanii iyyan. Philaaxos immoo, "Isin ofii keessanii fuudhaatii isa fannisaa, ani dabaa tok­ko illee isa irratti hin argine" isaaniin jedhe*. 7 Warri Yihudootaa deebisanii, "Nuyi seera tokko qabna; inni immoo ilma Waaqayyoo of godheera, kanaaf akka seera keenyaa sanatti du'uutu isa irra jira" jedhan*.


8 Philaaxos dubbii kana yommuu dhaga'e caalchisee in sodaate. 9 Dee­bi'ees manichatti ol lixee, Yesusiin, "Ati eessaa dhufte?" jedhe; Yesus garuu deebii hin deebifneef*. 10 Philaa­xos kana irratti, "Anatti hin himtuu? Gad si dhiisuudhaaf akka ani humna qabu akkasumas si fannisuudhaaf akka ani humna qabu hin beektu moo?" jedheen.

"Utuu olii siif kennamuu dhaabaatee, ati humna tokko illee ana irratti hin qabdu turte; kanaafis inni dabarsee sitti na kenne, cubbuu caalaa qaba" ittiin jedhe*.


12 Kana irraa kan ka'es Philaaxos isa gad dhiisuuf in dhama'e. Warri Yihudootaa garuu, "Namicha kana yoo gad dhiifte, ati fira mootii warra Roo­maa miti; namni ofii isaa mootii of godhu hundinuu, mootii warra Roo­maatiin morkata'o" jedhanii itti iy­yan*. 13Philaaxos dubbii kana dha­ga'ee Yesusin gad baasee, iddoo dha­gaa buufamaa isa afaan Ibraayisxiitti "Gabataa" jedhamutti, barcuma firdii irra taa'e. 14Kunis guyyaa qophee Faasiikaa gara sa'aatii ja'affaatti ture; Philaaxos yommus Yihudootaan, "Ilaa mootii keessan" jedhe*. 15 Isaanis iy­yanii, "Balleessi, balleessi, isa fanni­si!" jedhan. Philaaxos immoo, "Mootii keessan fannisuu ree?" ittiin jedhe. Luboonni warri angafoonni immoo deebisanii, "Nuyi Qeesaar mootii war­ra Roomaa malee mootii hin qabnu" jedhan*. 16 Yominus akka inni fannifa­muuf dabarsee isaanitti isa kenne; isaan akkasitti Yesusin fuudhanii adeeman.

Yesus Fannifamuu Isaa

17 Yesus fannoo isaa ofii baatee, gara iddoo "Lafee mataa" yookiis afaan Ibraayisxiitti "Golgootaa" je­dhainutti ba'e*. 18 Achitti isa fanni­san; namoota kan biraa lama garasii fi garanaan, Yesusinis gidduutti fan­nisan. 19 Philaaxos yommus waan ittiin beeksisu tokko caafee, mataa fannoo isaatiitti maxxanse; caaffati­chis, "Yesus nama biyya Naazireet, mooticha Yihudootaa" kan jedhu tu­re. 20 Iddoon itti Yesus fannifame mandarichatti dhi'oo waan tureef, caaffata beeksisaa sana Yihudoota keessaa baay'eetu dubbise; inni afaan Ibraayisxiitti, afaan warra Roomaatti, afaan warra Griikiittis caafamee tu­re*. 21 Yommus luboonni warri anga­foonni Yihudootaa Philaaxosiin, "Na­micha kanatu `Ani mootii Yihudootaa ti' jedhe, jedhi malee, `Mooticha war­ra Yihudootaa' jettee hin caafin!" jedhan. 22 Philaaxos garuu deebisee, "Waanan caafe caafeera" jedhe.

*17 Uma 22:6

*20 Ibr 13:12-13

23 Yesusin erga fannisaniis warri loltuu, wayyaa isaa fudhatanii, tokko tokko akka isaan ga'utti iddoo afuritti hirmaatan; kittaan isaa garuu olii ham-ma gadiitti dha'aa tokkichaan ba'e malee, hodhaa hin qabu ture. 24 Kanaa­fis, "Kottaa kittaa kana hin tarsaafnu, muka itti buufannee abbaa inni ba'uuf ilaalla!" waliin jedhan. Kanaanis dub­biin macaafaa inni,

"Wayyaa koo hirmaatanii,

uffata koottis

muka buufatan" jedhe in raawwatame.

Warri loltuus kanuma godhan*.

25 Fannoo Yesus bukkees haati isaa, obboleettiin haadha isaa, Maari­yaam haati manaa Qilophaa, Maari­yaam isheen Magdalaas in dhaabatu turan*. 26Yesus yeroo sanatti haadha isaa, bartuu isa inni jaallates ishee bukkee utuu dhaabatuu argee, haadha isaatiin, "Haadha ko, ilaa ilma kee!" jedhe*. 27Ergasii bartuu sanaan im­moo, "Ilaa haadha kee!" jedhe; bartichi yeroo sanaa jalqabee gara mana ofii isaatti ishee fudhate.

Yesus Du'uu Isaa

28 Yesus amma wanti hundinuu fii­xaan ba'uu isaa beekee, dubbii macaa­faa fiixaan baasuudhaaf, "Nan dheebo­dhe" jedhe*. 29 Qodaan daadhiin way­nii dhangaggaa'aan keessa guute tokko achi in dhaabata ture; daadhii dhangag­gaa'aa sanas, waan akka cumaa buqqee hadhaa'aa isa bishaan dhagnatti xuuxu tokkotti guutanii, hanxaxii hisoophiitti kaa'anii afaan Yesusitti qaban*. 30Ye­sus daadhii dhangaggaa'aa sana ergs afaaniin qabee booddee, "Fiixaan

ba'eera" jedhe; mataa isaas jal'isee hafuura isaa kenne*.

Cinaachi Yesus Waraanamuu Isaa

31 Guyyaan sun guyyaa itti qo­phaa'an; guyyaan Sanbata isatti aanus guyyaa guddaa ture. Kanaaf dhagna warra fannifamanii, guyyaa Sanbataatti fannoo irra akka hin oolle gochuu­dhaaf, lafeen miillan isaanii cabsama­nii fannoo irraa akka gad buufamaniif, warri Yihudootaa Philaaxosin gaafa­tan*. 32 Akkasitti warri loltuu dhufanii, miilla namicha isa duraa kan isa isaa wajjin fannifamees in cabsan. 33 Gara Yesus dhufanii, kanaan dura du'uu isaa yommuu argan garuu miilla isaa hin cabsine. 34 Haa ta'u iyyuu malee, warra loltuu keessaa inni tokko eeboodhaan cinaacha isaa waraannaan, yommusu­ma dhiignii fi bishaan keessaa lola'e*. 35Inni kana arge dhugaa ba'eera, wanti inni dhugaa ba'es amanamaa dha; isi­nis immoo akka amantanitti, inni isa dhugaa akka dubbatu in beeka*. 96 Ku­nis inni macaafni, "Lafeen isaa tokko illee hin cabsamu" jedhe has raawwa­tamuuf ta'e*. 37 Macaafni iddoo biraatti immoo, "Garuma isa waraananii in ilaalu" jedhe*.

Yesus Awwaalamuu Isaa

8 Kana booddees Yoseef kan je­dhamu namni Armaatiyaa tokko, reeffa Yesus fannoo irraa fudhachuudhaaf Philaaxosin kadhate; Philaaxos tole jennaan, namichi dhaqee reeffa Yesus fudhate. Namichi kun Yihudoota waan sodaateef, mul'inatti utuu hin ta'in dhoksaatti bartuu Yesus ture*. 39Ni­qoodemos immoo inni gaafa jalqabaa halkaniin Yesus bira dhufe, waliin makaa qumbii fi sabirii naxirii dhibba tokko kan ta'u fuudhee iddoo sana dhaqe*. 40Yommus reeffa Yesus fuu­dhanii akka amala awwaala Yihudoo­taatti, urgooftuu sanaa wajjin wayyaaquncee talbaa irraa hojjetameen kafa­nan. 41 Lafa inni itti fannifame sana immoo iddoon dhaabaa tokko ture; iddoo dhaabaa sana keessas awwaalli haaraan, kanaan dura namni keessatti hin awwaalamin tokko ture. 42 Guyyaa warri Yihudootaa itti qophaa'an ta'e, awwaalichi dhi'ootti waan argameef, Yesusin achi keessa kaa'an.

                                                 Boqonnaa 20

Yesus Du'aa Ka'uu Isaa

Guyyaa jalqaba torbaniitti, [gaafa Sanbata guddaa,] utuu dukkanaa'uutti jiruu obboroodhaan, Maariyaam isheen Magdalaa gara aw­waalichaa dhuftee, dhagichi awwaali­cha ittiin cufanii turan, awwaalicha irraa akka fuudhame argite*. 2 Isheen fiigaa gara Simoon Phexrosii fi gara bartuu isa kaan, isa Yesus jaallatee dhuftee, "Goofticha awwaala keessaa fudhataniiru, eessa akka isa kaa'anis hin beeknu!" jettee isaanitti himte*.

3 Yommusumas Phexrosii fi bar­tuun inni kaan ba'anii, gara awwaali­chaa dhaqan. 4 Isaan lamaan walii waj­jin fiigan; bartuun inni kaan garuu Phexros dura darbee fiigee, dafee aw­waalicha bira ga'e. SInnis gad jedhee kafanni achi akka jiru arge malee, keessa hin linne. 6 Simoon Phexrosis immoo isa booddeedhaan dhufee, achumaan awwaalichatti of lixee, kafa­nichi achi kaa'amee arge. 7Erbeen mataa Yesus irra ture garuu, kafani­chaa wajjin hin kaa'amne, dachaafa­mee kophaatti iddoo tokko ture malee*. 8 Kana booddee bartuun inni kaan, inni Phexros dura awwaala bira ga'ee ture, keessa lixee, kana argee amanes. 9 Ma­caafni, "Inni, warra du'an keessaa ka'uun in ta'aaf" in jedha, isaan garuu kana hamma ammaatti hin beekne*. 10 Kana booddee bartoonni deebi'anii manatti galan.


Yesus Maariyaam IsheeMagdalaatti Of Mul'isuu Isaa

11 Maariyaam alaan awwaala buk­kee dhaabatee in boossi turte; isheen boo'aa gad jettee awwaalicha keessa ilaalte. 12Ergamoonni Waaqayyoo lama uffata adii uffatanii, iddoo Yesus kaa'a­mee ture, inni tokko mataa duraan, inni kaan immoo iniilla jalaan utuu taa'anii argite. 13lsaan yommus, "Dubartii nana, maaliif boossa?" jedhanii ishee gaafa­tan; isheen immoo, "Gooftaa koo fudha­taniiru, anis iddoo isa kaa'an hin beeku" jettee isaaniif deebifte*. 14Kana jechaa yommuu garagalte, Yesusin argite. Inni achi dhaabata ture; isheen garuu Yesus ta'uu isaa hin barre*. 15Yesus immoo, "Dubartii nana, maaliif boossa? Ee­nyuun barbaadda?" jedhee ishee gaafa­te; isheen illee, kun eegduu dha jettee, waan yaadeef, "Gooftaa ko, ati asii fuutee iddoo tokkotti isa geessiteetta yoo ta'e, eessa akka isa keesse anatti himi, ani dhaqee isa nan fida" ittiin jette*.

16 Yommus Yesus, "Maariyaam!" isheedhaan jedhe. Isheen immoo gara isaatti garagalte afaan Ibraayisxiitiin, "Rabbuunii!" ittiin jette; kana jechuun "Barsiisaa" jechuu dha. 17 Yesus im­moo, "Ana hin qabin! Ani amma iyyuu gara abbaatti ol hin baane; gara obbo­loota koo dhaqii, `Ani gara abbaa kootii fi abbaa keessaniitti, gara Waa­qayyo kootii fi Waaqayyo keessaniitti ol nan ba'a' jedhii isaanitti anaaf himi!" jedhee ishee abboome*. 18 Erga­sii Maariyaam isheen Magdalaa dhuf­tee, "Ani goofticha argeera, inni dubbii kana anatti dubbateera" jettee bartoo­tatti in himte.

Yesus Bartoota Isaatti Of Mul'isuu Isaa

19 Guyyaa jalqaba torbaniitti [gaafa Sanbata guddaa] sana galgala, bartoon­ni Yihudoota waan sodaataniif, mana cufatanii taa'an; yommus Yesus dhufee isaan gidduu dhaabatee, "Nagaan isiniifhaa ta'u!" isaaniin jedhe*. 20Kana erga jedhee booddee harka isaa lamaanii fi cinaacha isaa isaanitti argisiise; bar­toonnis goofticha arganii gammadan*. 21 Yesus ammas itti deebi'ee, "Nagaan isiniif haa ta'u!" isaaniin jedhe; itti fufees, "Abbaan akkuma ana erge, ani immoo isin nan erga" jedhee isaanitti dubbate*. 22 Kana jechaa hafuura isaa­nitti baafatee, "Hafuura qulqulluu fu­dhadhaa*! 23Cubbuu isaanii kan isin dhiiftaniif, cubbuun isaanii isaaniif dhiifameera; cubbuu isaaniittii kan isin hin hiikne, cubbuu isaaniitiin hidhama­niiru" isaaniin jedhe.

Yesus Toomaasitti Of Mul'isuu Isaa

24 Bartoota gooftaa kudha lamaan keessaa, Toomaas inni "Diidimos" je­dhame tokko, yommuu Yesus dhufe bartootaa wajjin hin turre*. 25 Bartoon­ni warri kaanis, "Goofticha argineer­ra" jedhanii itti himan; inni garuu, "Iddoo sibiilichi ure, harka isaa lamaa­nitti yoon arge malee, quba koos iddoo sibiilichi ure irra yoon kaa'e malee, harka koos madaa cinaacha isaa keessa yoon kaa'e malee, hin amanu!" isaa­niin jedhe*.

26 Guyyaa saddeet booddees bar­toonni isaa ammas walitti qabamanii mana keessa turan, Toomaasis isaanii wajjin ture. Isaan mana cufatanii utuu taa'anii, Yesus dhufee isaan gidduu dhaabatee, "Nagaan isiniif haa ta'u!" isaaniin jedhe*. 27 Kana booddee Too­maasiin, "Quba kee fidii as irra kaa'i, harka koo lamaan ilaali, harka kee fidiitii madaa cinaacha koo keessa kaa'i; kan hin amanne hin ta'in, kan amante ta' i malee!" jedhe*. 28 Toomaa­sis, "Gooftaa ko, Waaqayyo ko!" je­dhee deebiseef*. 29 Yesus immoo, "Yaa Toomaas, waan ana argiteef amantee? Utuu ana hin argin kan amanan, attam haa gammadan!" ittiin jedhe*.

Sababii Wangeelichi Caafaemeef

30 Yesus macaafa kana keessatti kan hin caafamin, milikkita kan biraa baay'ee bartoota isaa duratti hojjetee­ra*. 31Isaan kun garuu, Yesus, Kristo­sicha, ilma Waaqayyoo ta'uu isaa akka amantaniif, amanachuu keessaniinis maqaa isaatti jireenya akka qabaatta­niif caafaman.

                                                   Boqonnaa 21

Yesus Ammas Bartootatti
Mul'achuu Isaa

1 Kana booddee Yesus ciisa bi- shaan Xiberiyaas bukkeetti am­mas bartootatti of mul'ise; akka kanatti aanee jirutti of mul'ise. 2 Simoon Phex­ros, Toomaas inni "Diidimos" jedha­mu, Naataanaa'el inni Qaanaa Galiilaa, ilmaan Zabdewos, lamas bartoota war­ra kaan keessaa walii wajjin turan*. 3Yommus Simoon Phexros, "Ani qur­xummii qabuu nan dhaqa" isaaniin jedhe; isaanis, "Nuyis sii wajjin in dhaqna" jedhaniin; gad ba'aniis bidi­ruu yaabbatan. Halkan sana garuu waan tokko hin qabne*.

4 Erga boruun baqaqee immoo Ye-sus qarqara bishaanii dhaabatee ture; bartoonni garuu Yesus ta'uu isaa hin bane*. 5 Yesus yommus, "Ijoollee! Qurxummii waa of biraa hin qabda­nii?" isaaniin jedhe; isaan immoo, "Waawuu" jedhanii deebisaniif*. 6 Inni immoo, "Bidiricha bukkee gara mir­gaatiin kiyyoo darbadhaa in argattus!" isaaniin jedhe. Isaanis kiyyicha darba­tanii, baay'ina qurxummii irraa kan ka'es isa harkisuu dadhaban*. 7Bar­tuun inni Yesus jaallate immoo, "Innoo gooftaa dha" jedhee Phexrositti dubba­te. Simoon Phexros, inni gooftaa akka ta'e, yommuu dhaga'e, qomee isaa isa of irraa baasee ture uffatee bishaanitti gad utaale*. 8Bartoonni warri kaan immoo bidiruu keessa taa'anii, kiyyoo isa qurxummiin keessa guute harkisaa dhufan; isaan akka dhundhuma dhibba lamaa malee qarqara bishaanii irraa fagoo hin turre.

9 Yommuu gara lafaatti ba'an im­moo buddeenaa fi qurxummii barbadaa ibiddaa irra jiru argan. 10 Yesus, "Qur­xummii isuma amma qabdan irraa waa fidaa!" isaaniin jedhe. 11 Kanaaf Si-moon Phexros bidiricha yaabee, kiyyoo isa qurxummii gurguddaan dhibbaa fi shantamii sadii keessa guute, gara la­faatti harkise; utuma qurxummiin ham-ma kana baay'atuu immoo kiyyoon hin tarsaane*. 12Yesus yommus, "Kottaa afaan bule baafadhaa!" isaaniin jedhe. Bartoota keessaa immoo tokko illee ija jabaatee, "Ati eenyu?" kan jedheen hin jiru; isaan gooftaa ta'uu isaa baraniiru. 13Yesus dhufee buddeenicha fuudhee isaaniif kwhhhhhhkenne; qurxummichas akkasu­ma godhe*. 14 Yesus du'aa erga kaafa­mee, kanaan si'a sadaffaa bartoota isaatti of mul'isuu isaa ti*.

Yesus Phexrosin Gaafachuu Isaa

15 Erga afaan bule baafatanii bood­dee Yesus, Simoon Phexrosiin, "Si-moon ilma Yohannis! Isa warri kun na jaallatan caalaa ana jaallattaa ree?" jedhe; inni immoo, "Eeyyee gooftaa! Akkan si jaalladhu atuu in beekta" jedheen. Yesus deebisee, "Ilmoolee koo tiksi!" jedhe*. 16 Si'a lammaffaas Yesus, "Simoon ilma Yohannis, ana jaalattaa ree?" jedheen; yommusis in­ni, "Eeyyee gooftaa! Akkan si jaalla­dhu atuu in beekta" jedhee deebiseef. Yesus immoo, "Hoolota koo eegi!" jedheen*. 17 Si'a sadaffaas Yesus, "Si-moon ilma Yohannis, ana jaalattaa ree?" jedheen. Phexros immoo waan inni si'a sadaffaa "Ana jaalattaa ree" ittiin jedheef in gadde; deebisee im­moo, "Gooftaa, ati waan hundumaa in beekta; akkan si jaalladhus atuu in hubatta" jedheen; Yesus immoo, "Hoolota koo tiksi*! 18 Dhuguma, dhu­guman siin jedha, ati dargaggeessa yommuu turte ofuma keetiin mudhii kee hidhattee, gara jaallatte in dhaqxa turte; yommuu dulloomtu garuu ati harka kee in diriirsita, kan biraas mudhii kee si hidha, fuudhees gara ati hin jaallannetti si geessa" ittiin jedhe*.

19 Kanas, Phexros du'a maaliitiin Waa­qayyoof ulfina kennuuf akka jiru mul' isuuf dubbate; dubbii kana bood­dee immoo, "Na duukaa bu'i!" ittiin jedhe.




Yesus Waa'ee Bartuu Isa Kaanii Dubbachuu Isaa

20 Phexros garagalee bartuu isa Yesus in jaallata ture isaan duukaa utuu dhufuu in arge; bartuun kun isa irbaata irratti isatti jedhee, "Gooftaa, eenyu inni dabarsee si kennuufjedhu?" jedhee gaafatee turee dha*. 21 Phexros yommuu isa arge, Yesusiin, "Gooftaa, inni kun immoo attam ta'a?" jedhe. 22 Yesus immoo, "Hamma ani dhufutti akka inni jiraatuuf yoon barbaademaaltu si dhibe? Atumtuu ana duukaa bu'i!" jedheen*. 23 Achumaanis oduun, "Bartuun kun hin du'u" jedhu obboloo­ta keessatti odeeffame. Yesus garuu, "Hamma ani dhufutti akka inni jiraa­tuuf yoon barbaade, maaltu si dhibe?" jedheen malee, "Inni hin du'u" hin j enne. 24 Inni dubbii kanaaf dhugaa ba'u, kan kana hundumaa caafes bartuudhu­ma kana; nuyis akka dhugaan isaa amanamaa ta'e in beekna*. 25Kana malees, kan biraa Yesus kan hojjete waan baay'een jiru; hundumti isaanii tokko tokkoon utuu caafamanii, biyyi lafaa macaafota isaan itti caafaman fudhachuu hin danda'u anatti fakkaata*.

 
  • I thought my dreams were impossible,

but God said, "All things are possible."

(Luke 18:27)

  • I was lost and confused. I thought I'd never find

a solution, but God said, "I will direct your steps."

(Proverbs 3:5)

  • I almost gave up. I thought I couldn't do it,

but God said, "You can do all things."

(Philippians 4:13)


  • I almost quit. I thought my efforts weren't worth

the trouble, but God said, "It will be worth it."

(Romans 8:28)

  • I thought I'd never make it. I thought I didn't have

what it takes, but God said, "I'll supply all your

needs."

(Philippians 4:19)

  • I was worried. I felt trapped beneath a mountain

of despair, but God said, "Cast your worries on me."

(I Peter 5:7)

  • I thought I couldn't do it, because I wasn't smart

enough, but God said,

"I give you wisdom."

(Corinthians 1:30)

  • I suffered from guilt. I was angry at myself for what

I'd done, but God said, "I forgive you."

(I John 1:9)

  • I disliked myself. I thought that no one loved me,

but God said, "I love you."

(John 3:16)

  • I wept, because I was lonely, but God said,

"I will never leave you or forsake you."

(Hebrews 13:5)

 

Home | Love Poems | Friendship Poems | Romantic Poetry | Inspirational Poetry | Poets



Pray for Mankind...




"I shall make you have insight and instruct
you in the way you should go. I will give
advice with my eye upon you."
--Psalm 32:8.



I had a dream

that made me cry.

It was too horrible to

describe to you,

a dream of buildings on fire,

of spirits roaming the land,

a dream of war, death

and destruction

all over the world.

I saw the United States

and I saw Egypt.


And I knew that God

was unhappy with mankind.

I could feel his deep

sense of sorrow.


But as I gazed at the rubble

through clouds of smoke,

I also knew that

there's hope, a way

to prevent this dream from

becoming a reality.


We must all pray to God!

not only for ourselves,

but for all mankind.


We must ask for his forgiveness.

God told us that we need

only ask to be forgiven,

to be saved.

Pray to him.


Praise him.

Ask that peace

prevail in the world.


And never

lose your faith in God!

Your faith is your salvation.



Pray for Mankind





Yeroo biraa deebi'aa ilaalaa.

COME AND SEE ANOTHER TIME.

291_1100-001.jpg 291_1100-001.jpg
Size : 0.033 Kb
Type : jpg
 
 
Make a Free Website with Yola.